< エゼキエル書 40 >

1 我らの擄へ移されてより二十五年邑の撃破られて後十四年その年の初の月の十日其日にヱホバの手われに臨み我を彼處に携へ往く
Waggaa digdamii shanaffaa boojiʼamuu keenyaa keessa, waggaa jalqabaatti, jiʼa kurnaffaatti, erga magaalattiin diigamtee booddee waggaa kudha afuraffaatti, guyyuma sana harki Waaqayyoo narra ture; innis achi na geesse.
2 即ち神異象の中に我をイスラエルの地にたづさへゆきて甚だ高き山の上におろしたまふ其處に南の方にあたりて邑のごとき者建てり
Mulʼata Waaqaatiinis gara biyya Israaʼel na geessee tulluu baayʼee ol dheeraa irra na dhaabe; karaa kibba isaatiinis waan ijaarsa magaalaa fakkaatanitu ture.
3 彼我をひきて彼處にいたり給ふに一箇の人あるを見るその面容は銅のごとくにして手に麻の繩と間竿を執り門に立てり
Inni achi na geesse; anis nama bifti isaa naasii fakkaatu tokko nan arge; innis harka isaatti funyoo foʼaa quncee talbaatii fi ulee safaraa qabatee balbala dura ijaajjaa ture.
4 其人われに言けるは人の子よ汝目をもて視耳をもて聞き我が汝にしめす諸の事に心をとめよ汝を此にたづさへしはこれを汝にしめさんためなり汝が見るところの事を盡くイスラエルの家に告よと
Namichi sunis akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, ati sababii kanaaf waan as fidamteef, ija keetiin ilaali; gurra keetiinis dhagaʼiitii waan ani sitti argisiisu hunda hubadhu. Mana Israaʼelittis waan argite hunda himi.”
5 斯ありて視るに家の外の四周に墻垣ありその人の手に六キユビトの間竿ありそのキユビトは各一キユビトと一手濶なり彼その墻の厚を量るに一竿ありその高もまた一竿あり
Anis dallaa guutumaan guutuutti lafa mana qulqullummaa marsee jiru tokko nan arge. Dheerinni ulee ittiin safaran kan harka namicha sanaa keessa ture dhundhuma jaʼaa dha; tokkoon tokkoon dhundhuma sanaa dhundhuma tokkoo fi balʼina barruu harkaa tokko ture. Innis dallaa sana safare; dallaan sunis ulee safartuu tokko yabbatee ulee safartuu tokko ol dheerata ture.
6 彼東向の門にいたりその階をのぼりて門の閾を量るに其濶一竿あり即ち第一の閾の濶一竿なり
Ergasii inni gara balbala gara baʼaa ilaaluutti dhufe. Gulantaawwanitti ol baʼee waltajjii balbalaa safare; innis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
7 守房は長一竿廣一竿守房と守房の間は五キユビトあり内の門の廊の傍なる門の閾も一竿あり
Sireewwan eegumsaa ol dheerinni isaanii ulee tokko, balʼinni isaanii immoo ulee tokko ture; keenyan manneen gidduu turanis dhundhuma shan yabbatu ture. Dooyaan karraa kan gardaafootti aanee gara mana qulqullummaatti garagalu sunis ulee safartuu tokko gad fagaata ture.
8 内の門の廊を量るに一竿あり
Sana booddee inni gardaafoo balbalaa safare;
9 又門の廊を量るに八キユビトありその柱は二キユビトなりその門の廊は内にあり
balballi sunis dhundhuma saddeet gad fagaatee tuggeewwan isaas dhundhuma lama furdatu turan. Gardaafoon balbala sanaa gara mana qulqullummaatti garagala ture.
10 東向の門の守房は此旁に三箇彼處に三箇あり此三みな其寸尺おなじ柱もまた此處彼處ともにその寸尺おなじ
Karra gara baʼa biiftuu jiru keessa bitaa fi mirgaan manneen waardiyyootaa sadii sadiitu ture; sadan isaanii iyyuu wal qixxee turan. Tuggeewwan gama lamaan jiranis waluma qixxee turan.
11 門の入口の廣をはかるに十キユビトあり門の長は十三キユビトなり
Ergasii inni balʼina balbala ittiin ol seenanii safare; innis dhundhuma kudhan ture; dheerinni isaa immoo dhundhuma kudha sadii ture.
12 守房の前に一キユビトの界あり彼旁の界も一キユビトなり守房は此旁彼旁ともに六キユビトなり
Tokkoo tokkoo mana waardiyyaa dura keenyan dhundhuma tokko ol dheeratutu ture; manneen kunneenis gama lamaaniin dhundhuma jaʼa jaʼa turan.
13 彼また此守房の屋背より彼屋背まで門をはかるに入口より入口まで二十五キユビトあり
Ergasiis inni bantii keenyan manichaa kan boroo irraa jalqabee hamma bantii kaaniitti balbala sana safare; wal irraa fageenyi isaas balbala tokko irraa hamma balbala kaaniitti dhundhuma digdamii shan ture.
14 柱は六十キユビトに作れる者なり門のまはりに庭ありて柱にまでおよぶ
Akkasumas balbala ittiin ol seenan safare; innis dhundhuma jaatama taʼe; safarri sunis hamma utubaa gara oobdii ilaalu sanaatti taasifame.
15 入口の門の前より内の門の廊の前にいたるまで五十キユビトあり
Fageenyi balbala ol seensisuu jalqabee hamma dhuma gardaafootti jirus dhundhuma shantama taʼe.
16 守房と門の内面の周圍の柱とに閉窓あり墻垣の差出たる處にもしかり内面の周圍には窓あり柱には棕櫚あり
Kutaawwan manichaatii fi keenyan isaa karaa ittiin ol seenaniin foddaa gama lachuutiin dhiphachaa deemu qabu ture; gardaafoon sunis akkasuma naannaʼee gara keessaatiin foddaa qaba ture; utubaawwan sun immoo muka meexxiitiin faayeffamanii turan.
17 彼また我を外庭に携ゆくに庭の周圍に設けたる室と鋪石あり鋪石の上に三十の室あり
Ergasii inni gara oobdii alaatti na fide. Achittis dareewwanii fi karaa dhagaadhaan tolfame tokko naannoo oobdiitti nan arge; qarqara karaa sanaas daree soddomatu ture.
18 鋪石は門の側にありて門の長におなじ是下鋪石なり
Karaan sunis balbala sana bira ture; balʼinni isaas hamma ol dheerina balbalawwanii ture; karaan kunis karaa isa gad aanuu dha.
19 彼下の門の前より内庭の外の前までの廣を量るに東と北とに百キユビトあり
Sana booddee balbala gad aanu keessaa jalqabee hamma oobdii isa keessaa kan gara alaatti fageenya isaa safare; innis karaa baʼaatii fi karaa kaabaatiin dhundhuma dhibba tokko ture.
20 又外庭なる北向の門の長と寛をはかれり
Ergasii inni lafa irra dheerinaa fi balʼina karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii alaatti baasuu safare.
21 守房その此旁に三箇彼旁に三箇あり柱および差出たる處もあり是は前の門の寸尺のごとく長五十キユビト濶二十五キユビトなり
Safarri utubaawwanii fi gardaafoo manneen waardiyyaa kanneen bitaa mirgaan dareewwan sadii sadii qaban sanaas kan karra jalqabaa wajjin wal qixxee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
22 その窓と差出たる處と棕櫚は東向の門にある者の寸尺と同じ七段の階級を經て上るに差出たる處その前にあり
Foddaawwan isaanii, gardaafoowwan isaaniitii fi faaya isaanii kan muka meexxii irraa hojjetame safarri isaanii safara karra gara baʼaa ilaalu wajjin wal qixxee ture. Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture.
23 内庭の門は北と東の門に向ふ彼門より門までを量るに百キユビトあり
Akkuma karra karaa baʼaatiin ture sanaa karra gara kaabaa ilaalu kan gara oobdii keessaatti geessu tokkotu ture. Innis karra tokko irraa jalqabee hamma karra fuullee isaa jiruutti safare; innis dhundhuma dhibba tokko ture.
24 彼また我を南に携ゆくに南向の門ありその柱と差出たる處をはかるに前の寸尺の如し
Innis gara kibbaatti na geesse; anis karra gara kibbaa ilaalu nan arge. Innis utubaawwanii fi gardaafoowwan isaa safare; safarri isaaniis safara warra kaanii wajjin wal qixxee ture.
25 是とその差出たる處の周圍に窓あり彼窓のごとしその門は長五十キユビト濶二十五キユビトなり
Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwan akkuma foddaawwan kaanii dhidhiphatan naannoo isaaniitii qabu ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
26 七段の階級をへて登るべし差出たる處その前にありその柱の上には此旁に一箇彼旁に一箇の棕櫚あり
Gulantaawwan gara karra sanaatti geessan torbatu ture; fuullee isaanii immoo gardaafoo isaatu ture; balballi sunis fuula utubaawwan sanaa irraa bitaa mirgaan faaya muka meexxiitiin hojjetame qaba ture.
27 内庭に南向の門あり門より門まで南の方をはかるに百キユビトあり
Oobdiin gara keessaas karra gara kibbaa ilaalu qaba ture; innis karra kana irraa kaasee hamma karra karaa kibbaa kan gara alaatiin jiruutti safare; safarri isaas dhundhuma dhibba tokko ture.
28 彼我を携へて南の門より内庭に至る彼南の門をはかるにその寸尺前のごとし
Ergasiis inni karaa balbala kibbaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis karra kibbaa safare; safarri karra sanaas safara karrawwan kaaniitiin wal qixxee ture.
29 その守房と柱と差出たる處は前の寸尺のごとしその門と差出たる處の周圍とに窓あり門の長五十キユビト濶二十五キユビトなり
Safarri manneen waardiyyaa kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
30 差出たる處周圍にありその長二十五キユビト濶五キユビト
Gardaafoowwan karraa kanneen naannoo oobdii gara keessaa jiran lafa irra dheerinni isaanii dhundhuma digdamii shan, balʼinni isaanii immoo dhundhuma shan qaba ture.
31 其差出たる處は外庭に出づその柱の上に棕櫚あり八段の階級をへて升るべし
Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeewwan isaa muka meexxiitiin faayeffamanii turan; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
32 彼また内庭の東の方に我をたづさへゆきて門をはかるに前の寸尺の如し
Ergasii inni karaa baʼaatiin gara oobdii isa keessaatti na fide; innis balbala sana safare; safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
33 その守房と柱および差出たる處は寸尺前のごとしその門と差出たる處の周圍とに窓あり門の長五十キユビト濶二十五キユビト
Safarri manneen waardiyyaa, kan utubaawwan isaatii fi kan gardaafoo isaa safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture. Karri sunii fi gardaafoon isaa foddaawwaniin marfamanii turan. Innis dheerina dhundhuma shantamaa fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
34 その差出たる處は外庭にいづ柱の上には此旁彼旁に棕櫚あり八段の階級をへて升るべし
Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
35 彼われを北の門にたづさへゆきてこれを量るに寸尺おなじ
Ergasii inni gara karra kaabaatti na fide; isas ni safare. Safarri isaas safara karrawwan kaanii wajjin wal qixxee ture.
36 その守房と柱と差出たる處ありその周園に窓あり門の長五十キユビト濶二十五キユビト
Innis akkuma manneen waardiyyaa isaa, utubaawwan isaatii fi gardaafoo isaa foddaawwaniin marfamee ture. Innis dheerina dhundhuma shantamaatii fi balʼina dhundhuma digdamii shanii qaba ture.
37 その柱は外庭に出づ柱の上に此旁彼旁に棕櫚あり八段の階をへて升るべし
Gardaafoon isaa gara oobdii alaa ilaala ture; tuggeen isaa bitaa mirgaan muka meexxiitiin faayeffamee ture; gulantaawwan saddeetis gara isaa geessu turan.
38 門の柱の傍に戸のある室あり其處は燔祭の牲を洗ふところなり
Kutaan balballi isaa gara gardaafoo karra sanatti baʼu tokko jira ture; innis lafa aarsaan gubamu itti miicamu ture.
39 門の廊に此旁に二の臺彼旁に二の臺あり其上に燔祭 罪祭 愆祭の牲畜を屠るべし
Gardaafoo karraa keessa karaa bitaa fi mirgaatiin minjaalota lama kanneen aarsaan gubamu, aarsaan cubbuutii fi aarsaan yakkaa irratti qalamutu ture.
40 北の門の入口に升るに外面に於て門の廊の傍に二の臺あり亦他の旁にも二の臺あり
Gardaafoo karraa kan gara alaa jiru cina, gulantaawwan balbalaa kanneen ittiin gara karra kaabaa seenan bira minjaalota lamatu ture; gulantaawwan sana irraa qixa kaaniin minjaalota lamatu ture.
41 門の側に此旁に四の臺彼旁に四の臺ありて八なり其上に屠ることを爲す
Kanaafuu karra sana irraa gara tokkoon minjaalota afur, gara kaaniin immoo minjaalota afur, walumatti minjaalota saddeeti kanneen aarsaan irratti qalamutu ture.
42 升口に琢石の四の臺あり長一キユビト半廣一キユビト半高一キユビトなり燔祭および犠牲を宰るところの器具をその上に置く
Akkasumas minjaalota dhagaa soofame irraa aarsaa gubamuuf tolfaman afurtu ture; tokkoon tokkoon isaaniis dheerina dhundhuma tokkoo fi walakkaa, balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaatii fi ol dheerina dhundhuma tokkoo qabu ture. Isaan irras meeshaalee ittiin aarsaan gubamuu fi aarsaawwan biraa ittiin qalaman kaaʼamanii turan.
43 内の周圍に一手寛の曲釘うちてあり犠牲の肉は臺の上におかる
Hokkoowwan gaanfa lama lama qaban kanneen tokkoon tokkoon isaanii dheerina barruu harkaa tokko qaban itti qabsiifamanii turan. Minjaalonni sunis kan foon aarsaawwaniitiif qopheeffaman turan.
44 内の門の外において内庭に謳歌人の室あり一は北の門の側にありて南にむかひ一は南の門の側にありて北にむかふ
Balbala isa keessaa duubaan oobdii isa keessaa keessa dareewwan lamatu ture; tokko karaa balbala kaabaa gara kibbaatti garagaleera; tokko immoo karaa balbala kibbaa gara kaabaatti garagaleera.
45 彼われに言ふ此南にむかへる室は殿をまもる祭司のための者
Innis akkana naan jedhe; “Dareen gara kibbaatti garagalee jiru luboota warra mana qulqullummaa keessatti ramadamaniifii dha;
46 北にむかへる室は壇をまもる祭司のための者なり彼等はレビの子孫の中なるザドクの後裔にしてヱホバに近よりて之に事ふるなり
kan gara kaabaatti garagalee jiru immoo luboota warra iddoo aarsaatti ramadamaniifii dha. Warri kunneen ilmaan Zaadoq; kanneen Lewwota keessaa gara Waaqayyootti dhiʼaatanii fuula isaa dura tajaajilan isaan qofa.”
47 而して彼庭をはかるに長百キユビト寛百キユビトにして四角なり殿の前に壇あり
Achii immoo oobdii safare; innis roga afur kan wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma dhibba tokko, balʼinni isaas dhundhuma dhibba tokkoo ti. Iddoon aarsaas fuula mana qulqullummaa dura ture.
48 彼殿の廊に我をひきゆきて廊の柱を量るに此旁も五キユビト彼方も五キユビトあり門の廣は此旁三キユビト彼旁三キユビトなり
Innis gara gardaafoo mana qulqullummaatti na fidee tuggeewwan gardaafoo sanaa safare; isaanis qixa lamaaniin dhundhuma shan shan babalʼatan ture. Balʼinni balbala isaa immoo dhundhuma kudha afur ture; keenyan isaas qixa lamaaniin dhundhuma sadii sadii babalʼata ture.
49 廊の長は二十キユビト寛は十一キユビト階級によりて升るべし柱にそふて柱あり此旁に一箇彼旁に一箇
Gardaafoon sun balʼinni isaa dhundhuma digdama, fuula isaa duraa hamma dugda duubaatti immoo dhundhuma kudha lama ture. Gulantaawwan gara mana qulqullummaatti geessan kudhanitu ture; qixa lamaaniinis tuggeewwan gurguddaan, tuggeewwan xixinnaa cina turan.

< エゼキエル書 40 >