< エゼキエル書 4 >

1 人の子よ汝磚瓦をとりて汝の前に置きその上にヱルサレムの邑を畵け
“Yaa ilma namaa, gabatee suphee tokko fuudhii fuula kee dura kaaʼiitii kaartaa magaalaa Yerusaalem irratti kaasi.
2 而して之を取圍み之にむかひて雲梯を建て壘を築き陣營を張り邑の周圍に破城槌を備へて之を攻めよ
Ergasii waan ittiin marsan itti ijaari; dallaa dhagaatiin ishee marsi; kaabii itti naannessii tuuli; waan ittiin dallaa dhagaa jigsanis itti marsii kaaʼi.
3 汝また鐵の鍋を取り汝と邑の間に置て鐵の石垣となし汝の面を之に向よ斯この邑圍まる汝之を圍むべし是すなはちイスラエルの家にあたふる徴なり
Eelee sibiilaa fuudhiitii akka dallaa sibiilaatti siʼii fi magaalattii gidduu dhaabi; fuula kees gara isheetti deebifadhu; magaalattiin ni marfamti; atis ishee marsita. Kunis mana Israaʼeliif mallattoo ni taʼa.
4 又汝左側を下にして臥しイスラエルの家の罪を其上に置よ汝が斯臥ところの日の數は是なんぢがその罪を負ふ者なり
“Ergasii cinaacha bitaatiin ciisiitii cubbuu mana Israaʼel of irra kaaʼi. Guyyaa cinaacha keetiin ciifte sana hundas ati cubbuu isaanii ni baatta.
5 我かれらが罪を犯せる年を算へて汝のために日の數となす即ち三百九十日の間汝イスラエルの家の罪を負ふべし
Ani baayʼina waggoota isaan itti cubbuu hojjetan sanaa akka guyyootaatti ramadee siif kenneera. Kanaafuu ati cubbuu mana Israaʼel guyyaa 390 ni baatta.
6 汝これを終なば復右側を下にして臥し四十日の間ユダの家の罪を負ふべし我汝のために一日を一年と算ふ
“Ati erga waan kana fixxee booddee amma illee ciisi; yeroo kana immoo cinaacha kee kan mirgaatiin ciisiitii cubbuu mana Yihuudaa baadhu. Anis tokkoo tokkoo waggaatiif guyyaa tokko tokko ramadee, guyyaa 40 siif kenneera.
7 汝ヱルサレムの圍に面を向け腕を袒して其の事を預言すべし
Fuula kee gara marfama Yerusaalemitti deebifadhuutii irree qullaadhaan isheetti raajii dubbadhu.
8 視よ我索を汝にかけて汝の圍の日の終るまで右左に動くことを得ざらしめん
Hamma ati guyyoota marfama keetii fixattutti akka ati cinaacha tokko irraa gara cinaacha kaaniitti hin garagalleef ani funyoodhaan sin hidha.
9 汝 小麥 大麥 豆 扁豆 粟および裸麥を取て之を一箇の器にいれ汝が横はる日の數にしたがひてこれを食とせよ即ち三百九十日の間これを食ふべし
“Qamadii fi garbuu, baaqelaa fi misira, bisingaa fi honborii fuudhii okkotee keessa kaaʼadhuutii ittiin buddeena tolfadhu. Buddeena kanas yeroo guyyoota 390 cinaacha keetiin ciiftutti nyaatta.
10 汝食を權りて一日に二十シケルを食へ時々これを食ふべし
Ati akka guyyaa guyyaan nyaattuuf nyaata saqilii digdama madaali; isas yeroo murteeffametti nyaadhu.
11 又汝水を量りて一ヒンの六分一を飮め時々これを飮むべし
Akkasuma bishaan safartuu iinii tokko harka jaʼa keessaa harka tokko safariitii yeroo murteeffametti dhugi.
12 汝大麥のパンの如くにして之を食へ即ち彼等の目のまへにて人の糞をもて之を烘べし
Nyaata sanas akkuma Maxinoo garbuu nyaattutti nyaadhu; isas udaan namaa bobeesiitii Maxinoo tolchi.”
13 ヱホバいひ給ふ是のごとくイスラエルの民はわが追やらんところの國々においてその汚穢たるパンを食ふべし
Waaqayyos “Haala kanaan ijoolleen Israaʼel saboota ani itti isaan bittinneessu keessatti nyaata xuraaʼaa nyaatu” jedhe.
14 是において我いふ嗚呼主ヱホバよわが魂は絕て汚れし事なし我は幼少時より今にいたるまで自ら死し者や裂殺れし者を食ひし事なし又絕て汚れたる肉わが口にいりしことなし
Anis akkanan jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa akkana miti! Ani takkumaa of xureessee hin beeku. Ijoollummaa kootii jalqabee hamma ammaatti takkumaa waan ofiin duʼe yookaan waan bineensi ajjeese nyaadhee hin beeku. Foon qulqulluu hin taʼin gonkumaa afaan koo seenee hin beeku.”
15 ヱホバ我にいひ給ふ我牛の糞をもて人の糞にかふることを汝にゆるす其をもて汝のパンを調ふべし
Innis, “Kun gaarii dha; ani akka ati qooda udaan namaatiin buddeena kee tolfattu akka dikee saʼaatiin tolfattu siifin eeyyama” naan jedhe.
16 又われに言たまふ人の子よ視よ我ヱルサレムに於て人の杖とするパンを打碎かん彼等は食をはかりて惜みて食ひ水をはかりて驚きて飮まん
Innis ittuma fufee akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa ani madda nyaata Yerusaalem nan gogsa; uummanni nyaata safarame yaaddoodhaan nyaata; bishaan safarames sodaadhaan dhuga;
17 斯食と水と乏しくなりて彼ら互に面を見あはせて駭きその罪に亡びん
hanqinni midhaaniitii fi bishaanii ni jiraataatii. Isaanis naasuudhaan wal ilaalu; sababii cubbuu isaaniitiinis ni badu.

< エゼキエル書 4 >