< エゼキエル書 34 >

1 ヱホバの言われに臨みて言ふ
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人の子よ汝イスラエルの牧者の事を預言せよ預言して彼ら牧者に言ふべし主ヱホバかく言ふ己を牧ふところのイスラエルの牧者は禍なるかな牧者は群を牧ふべき者ならずや
“Yaa ilma namaa, tiksoota Israaʼelitti raajii dubbadhuutii akkana jedhiin: ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Tiksoota Israaʼel warra ofuma isaanii qofa sooraniif wayyoo! Tiksoonni bushaayee sooruu hin qabanii?
3 汝らは脂を食ひ毛を纏ひ肥たる物を屠りその群をば牧はざるなり
Isin cooma ni nyaattu; suufii ni uffattu; horii gabbataa ni qalattu; bushaayee garuu hin soortan.
4 汝ら其弱き者を強くせずその病る者を醫さずその傷ける者を裹まず散されたる者をひきかへらず失たる者を尋ねず手荒に嚴刻く之を治む
Isin dadhabaa hin jabeessine yookaan dhukkubsataa hin fayyifne yookaan cabaa hin walʼaanne. Kanneen miliqan hin deebifne yookaan kanneen badan hin barbaanne. Humnaa fi gara jabinaan isaan ajajju.
5 是は牧者なきに因て散り失せ野の諸の獸の餌となりて散失するなり
Kanaafuu isaan sababii tikseen hin jirreef bittinnaaʼan; yeroo bittinnaaʼanittis bineensota bosonaatiif soora taʼan.
6 我羊は諸の山々に諸の高丘に迷ふ我羊全地の表に散りをれど之を索す者なく尋ぬる者なし
Hoolonni koo gaarran hundaa fi tulluuwwan ol dhedheeroo hunda irra asii fi achi jooran. Isaan guutummaa lafaa irra faffacaʼan; namni isaan ilaalu yookaan isaan barbaadu tokko iyyuu hin turre.
7 是故に牧者よ汝らヱホバの言を聽け
“‘Kanaafuu isin tiksoonni, dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
8 主ヱホバ言たまふ我は活く我羊掠められわが羊野の諸の獸の餌となる又牧者あらず我牧者わが羊を尋ねず牧者己を牧ふてわが羊を牧はず
Ani jiraataadhaatii, jedha Waaqayyo Gooftaan; sababii bushaayeen koo tiksoota dhabanii akkasiin saamamanii bineensa bosonaatiif nyaata taʼaniif, sababii tiksoonni koo bushaayee koo barbaaduu didanii qooda bushaayee ofuma isaanii sooraniif
9 是故に牧者よ汝らヱホバの言を聞け
yaa tiksoota, kanaafuu isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa:
10 主ヱホバ斯言たまふ視よ我牧者等を罰し吾羊を彼らの手に討問め彼等をしてわが群を牧ふことを止しめて再び己を牧ふことなからしめ又わが羊をかれらの口より救とりてかれらの食とならざらしむべし
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani tiksootatti nan kaʼa; bushaayee koos harka isaanii irraa nan barbaada. Akka tiksoonni siʼachi of hin soorreef bushaayee tiksuu irraa isaan nan ariʼa. Ani bushaayee koo afaan isaaniitii nan buusa; isaanis siʼachi soora isaanii hin taʼan.
11 主ヱホバかく言たまふ我みづからわが群を索して之を守らん
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas.
12 牧者がその散たる羊の中にある日にその群を守るごとく我わが群を守り之がその雲深き暗き日に散たる諸の處よりこれを救ひとるべし
Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha.
13 我かれらを諸の民の中より導き出し諸の國より集めてその國に携へいりイスラエルの山の上と谷の中および國の凡の住居處にて彼らを養はん
Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha.
14 善き牧場にて我かれらを牧はんその休息處はイスラエルの高山にあるべし彼處にて彼らは善き休息所に臥しイスラエルの山々の上にて肥たる牧場に草を食はん
Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu.
15 主ヱホバいひたまふ我みづから我群を牧ひ之を偃しむべし
Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
16 亡たる者は我これを尋ね逐はなたれたる者はこれを引返り傷けられたる者はこれを裹み病る者はこれを強くせん然ど肥たる者と強き者は我これを滅さん我公道をもて之を牧ふべし
Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.
17 主ヱホバかく言たまふ汝等わが群よ我羊と羊の間および牡羊と牡山羊の間の審判をなさん
“‘Isin garuu yaa bushaayee ko, Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti, korbeessa hoolaatii fi korbeessa reʼee gidduutti murtii nan kenna.
18 汝等は善き牧場に草食ひ足をもてその殘れる草を蹈あらし又淸たる水を飮み足をもてその殘餘を濁す是汝等にとりて小き事ならんや
Marga misaa keessa dheeduun keessan isin hin gaʼuu? Isin marga keessan kan hafe lafatti dhidhiituu qabduu? Bishaan qulqulluu dhuguun isinitti xinnaatee? Bishaan hafe immoo miilla keessaniin booressuu qabduu?
19 わが群汝等が足にて蹈あらしたる者を食ひ汝等が足にて濁したる者を飮べけんや
Bushaayeen koo waan isin lafatti dhidhiittan soorachuu, waan isin miilla keessaniin dhoqqeessitan immoo dhuguu qabuu?
20 是をもて主ヱホバ斯かれらに言たまふ視よ我肥たる羊と痩たる羊の間を審判くべし
“‘Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana isaaniin jedha: Kunoo, ani mataan koo hoolaa gabbatee fi hoolaa huqqate gidduutti murtii nan kenna.
21 汝等は脅と肩とをもて擠し角をもて弱き者を盡く衝て遂に之を外に逐散せり
Sababii isin hoolota dadadhaboo hunda cinaachaa fi gatiittii keessaniin dhiibdanii, gaanfa keessaniin immoo jifattanii alatti baaftaniif,
22 是によりて我わが群を助けて再び掠められざらしめ又羊と羊の間をさばくべし
ani bushaayee koo nan oolfadha; isaanis siʼachi hin saamaman. Ani hoolaa fi hoolaa gidduutti murtii nan kenna.
23 我かれらの上に一人の牧者をたてん其人かれらを牧ふべし是わが僕ダビデなり彼はかれらを牧ひ彼らの牧者となるべし
Ani tiksee tokko jechuunis garbicha koo Daawitiin isaanittan ramada; inni isaan eega; tiksee isaaniis ni taʼa.
24 我ヱホバかれらの神とならん吾僕ダビデかれらの中に君たるべし我ヱホバこれを言ふ
Ani Waaqayyo Waaqa isaanii nan taʼa; Daawit garbichi koo immoo gidduu isaaniitti bulchaa ni taʼa. Ani Waaqayyo waan kana dubbadheera.
25 我かれらと平和の契約を結び國の中より惡き獸を滅し絕つべし彼らすなはち安かに野に住み森に眠らん
“‘Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan gala; akka isaan gammoojjii keessa jiraatanii bosona keessa nagaan ciciisaniif bineensota hamoo biyyattii keessaa nan baasa.
26 我彼らおよび吾山の周圍の處々に福祉を下し時に隨ひて雨を降しめん是すなはち福祉の雨なるべし
Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.
27 野の樹はその實を結び地はその產物を出さん彼等は安然にその國にあるべし我がかれらの軛を碎き彼らをその僕となせる人の手より救ひいだす時に彼等は我のヱホバなるを知べし
Mukkeen bakkee ija naqatu; laftis midhaan ni baafti; namoonni biyya isaanii keessatti tasgabbiin ni jiraatu. Yeroo ani danqaraa waanjoo isaanii cabsee harka warra isaan garboomfataniitii isaan baasutti, isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
28 彼等は重ねて國々の民に掠めらるる事なく野の獸かれらを食ふことなかるべし彼等は安然に住はん彼等を懼れしむる者なかるべし
Isaan siʼachi sabootaan hin saamaman yookaan bineensota bosonaatiin hin nyaataman. Nagaadhaan jiraatu; wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
29 我かれらのために一の栽植處を起してその名を聞えしめん彼等は重ねて國の饑饉に滅ぶることなく再び外邦人の凌辱を蒙ることなかるべし
Ani lafa midhaan baasuudhaan beekame isaaniif nan kenna; isaan biyyattii keessatti siʼachi beelaan hin miidhaman yookaan sabootaaf waan kolfaa hin taʼan.
30 彼らはその神なる我ヱホバが己と共にあるを知り自己イスラエルの家はわが民なることを知るべし主ヱホバこれを言ふ
Yommus akka ani Waaqayyo Waaqni isaanii isaan wajjin jiruu fi akka manni Israaʼel saba koo taʼe isaan ni beeku, jedha Waaqayyo Gooftaan.
31 汝等はわが羊わが牧場の群なり汝等は人なり我は汝らの神なりと主ヱホバ言たまふ
Isin hoolonni koo, hoolonni tika koo namoota; anis Waaqa keessan, jedha Waaqayyo Gooftaan.’”

< エゼキエル書 34 >