< エゼキエル書 32 >

1 茲にまた十二年の十二月の一日にヱホバの言我にのぞみて言ふ
Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人の子よエジプトの王パロのために哀の詞を述て彼に言ふべし汝は自ら萬國の中の獅子に擬へたるが汝は海の鱷の如くなり汝河の中に跳起き足をもて水を濁しその河々を蹈みだす
“Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi: “‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti; galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti; ati lageen borcita; miilla keetiin bishaan ni booressita; lageenis ni dhoqqeessita.
3 主ヱホバかく言たまふ我衆多の國民の中にてわが網を汝に打掛け彼らをしてわが網にて汝を引あげしめん
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “‘Gumii namoota baayʼee keessatti ani kiyyoo koo sitti nan darbadha; isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.
4 而して我汝を地上に投すて汝を野の面に擲ち空の諸の鳥をして汝の上に止らしめ全地の獸をして汝に飽しむべし
Ani lafatti sin gata; bakkeettis sin darbadha. Akka simbirroonni samii hundi sirra qubatan, akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.
5 我汝の肉を山々に遺て汝の屍を堆くして谷々を埋むべし
Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa; raqa keetiinis sululawwan nan guuta.
6 我汝の溢るる血をもて地を濕し山にまで及ぼさん谷川には汝盈べし
Hamma tulluuwwan bira gaʼutti dhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta; sululawwanis foon keetiin ni guutamu.
7 我汝を滅する時は空を蔽ひその星を暗くし雲をもて日を掩はん月はその光を發たざるべし
Ani yommuun si balleessutti samiiwwan nan haguuga; urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa; aduu duumessaan nan haguuga; jiʼis ifa isaa hin kennu.
8 我空の照る光明を盡く汝の上に暗くし汝の地を黑暗となすべし主ヱホバこれを言ふ
Ifawwan calaqqisoo samii irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa; ani biyya kee irra dukkana nan buusa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
9 我なんぢの滅亡を諸の民汝の知ざる國々の中に知しめて衆多の民をして心を傷ましめん
Ani yeroon boojuu godhee saboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si ergutti garaa saboota hedduu nan dhiphisa.
10 我衆多の民をして汝に驚かしめんその王等はわが其前にわれの劍を振ふ時に戰慄かん汝の仆るる日には彼ら各人その生命のために絕ず發振ん
Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsutti akka namoonni hedduun si arganii naʼan, akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha. Guyyaa kufaatii keetii tokkoon tokkoon isaanii yeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.
11 即ち主ヱホバかく言たまふバビロンの王の劍汝に臨まん
“‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “‘Goraadeen mootii Baabilon sitti dhufa.
12 我汝の群衆をして勇士の劍に仆れしめん彼等は皆國々の暴き者なり彼らエジプトの驕傲を絕さん其の群衆は皆ほろぼさるべし
Ani akka namoonni kee hedduun goraadee namoota jajjabootiin jechuunis kanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha. Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu; waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.
13 我その家畜を盡く多の水の傍より絕去ん人の足再び之を濁すことなく家畜の蹄これを濁すことなかるべし
Bishaanota baayʼee biraa loon ishee hunda nan fixa; siʼachi miilli namaa hin booressu yookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.
14 我すなはちその水を淸しめ其河々をして油のごとく流れしめん主ヱホバこれを云ふ
Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu, lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 我エジプトの國を荒地となしてその國荒てこれが富を失ふ時また我その中に住る者を盡く撃つ時人々我のヱホバなるを知ん
Gaafa ani biyya Gibxi onsee biyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti, yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼutti isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.’
16 是哀の詞なり人悲みてこれを唱へん國々の女等悲みて之を唱ふべし即ち彼等エジプトとその諸の群衆のために悲みて之を唱へん主ヱホバこれを言ふ
“Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”
17 十二年の月の十五日にヱホバの言また我に臨みて言ふ
Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
18 人の子よエジプトの群衆のために哀き是と大なる國々の女等とを下の國に投くだし墓にくだる者と共ならしめよ
“Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.
19 汝美しき事誰に勝るや下りて割禮なき者とともに臥せよ
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’
20 彼らは劍に殺さるる者の中に仆るべし劍已に付してあり是とその諸の群衆を曳下すべし
Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.
21 勇士の強き者陰府の中より彼にその助者と共に言ふ割禮を受ざる者劍に殺されたる者彼等下りて臥す (Sheol h7585)
Hooggantoonni jajjaboon awwaala keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu. (Sheol h7585)
22 彼處にアツスリアとその凡の群衆をりその周圍に之が墓あり彼らは皆殺され劍に仆れたる者なり
“Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis awwaala namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.
23 かれの墓は穴の奧に設けてありその群衆墓の四周にあり是皆殺されて劍に仆れたる者生者の地に畏怖をおこせし者なり
Awwaalli isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo awwaala ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.
24 彼處にエラムありその凡の群衆その墓の周圍にあり是皆ころされて劍に仆れ割禮を受ずして下の國に下りし者生者の地に畏怖をおこせし者にて夫穴に下れる者等とともに恥辱を蒙るなり
“Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaalaa ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.
25 殺されたる者の中にその床を置きてその凡の群衆と共にすその墓周圍にあり彼等は皆割禮を受ざる者にして劍に殺さる彼ら生者の地に畏怖をおこしたれば穴に下れる者とともに恥辱を蒙るなり彼は殺されし者の中に置る
Waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.
26 彼處にメセクとトバルおよびその凡の群衆ありその墓周圍にあり彼らは皆割禮を受ざる者にして劍に殺さる是生者の地に畏怖をおこしたればなり
“Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo awwaala isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.
27 彼らは割禮を受ずして仆れたる勇士とともに臥さず是等はその武器を持て陰府に下りその劍を枕にすその罪は骨にあり是生者の地に於て勇士を畏れしめたればなり (Sheol h7585)
Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin awwaalaman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe. (Sheol h7585)
28 汝は割禮を受ざる者の中に打碎け劍に殺されたる者とともに臥ん
“Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.
29 彼處にエドムとその王等とその諸の君等あり彼らは勇力をもちながら劍に殺さるる者の中に入り割禮なき者および穴に下れる者とともに臥すべし
“Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.
30 彼處に北の君等皆あり又シドン人皆あり彼らは殺されし者等とともに下り人を怖れしむる勇力をもちて羞辱を受く彼處に彼らは割禮を受ずして劍に殺されたる者とともに臥し穴に下れる者とともに恥辱を蒙る
“Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.
31 パロかれらを見その諸の群衆の事につきて心を安めんパロとその軍勢皆劍に殺さる主ヱホバこれを言ふ
“Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Waaqayyo Gooftaan.
32 我かれをして生者の地に畏怖をおこさしめたりパロとその諸の群衆は割禮をうけざる者の中にありて劍に殺されし者とともに臥す主ヱホバこれを言ふ
Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

< エゼキエル書 32 >