< エゼキエル書 2 >

1 彼われに言たまひけるは人の子よ起あがれ我なんぢに語はんと
Innis, “Yaa ilma namaa, miilla keetiin dhaabadhu; ani sittan dubbadhaa” naan jedhe.
2 斯われに言給ひし時靈われにきたりて我を立あがらしむ爰に我その我に語りたまふを聞くに
Akkuma inni dubbateenis Hafuurri anatti seenee miilla kootiin na dhaabachiise; anis isaa natti dubbatu nan dhagaʼe.
3 われに言たまひけるは人の子よ我なんぢをイスラエルの子孫に遣すすなはち我に叛ける叛逆の民につかはさん彼等とその先祖我に悖りて今日にいたる
Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, ani gara Israaʼelootaatti, gara saba fincilaa kan natti fincile sanaatti sin erga; isaanii fi abbootiin isaanii hamma harʼaatti natti fincilaniiru.
4 その子女等は厚顏にして心の剛愎なる者なり我汝をかれらに遣す汝かれらに主ヱホバかくいふと告べし
Sabni ani itti si ergu sun didaa fi mata jabeessa. Atis, ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedha’ jedhiin.
5 彼等は悖逆る族なり彼等は之を聽も之を拒むも預言者の己等の中にありしを知ん
Isaan mana fincilaadhaatii; dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis akka raajiin isaan gidduu jiru ni beeku.
6 汝人の子よたとひ薊と棘汝の周圍にあるとも亦汝蠍の中に住ともこれを懼るるなかれその言をおそるるなかれ夫かれらは悖逆る族なり汝その言をおそるるなかれ其面に慄くなかれ
Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin.
7 彼等は悖逆る族なり彼らこれを聽もこれを拒むも汝吾言をかれらに告よ
Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.
8 人の子よわが汝に言ところを聽け汝かの悖逆る族のごとく悖るなかれ汝の口を開きてわが汝にあたふる者をくらふべし
Yaa ilma namaa, ati garuu waan ani siin jedhu dhaggeeffadhu; ati akka mana fincilaa sanaa hin fincilin; afaan kee banadhuutii waan ani siif kennu nyaadhu.”
9 時に我見に吾方に伸たる手ありて其中に卷物あり
Kana irratti ani utuu harki tokko natti hiixatuun arge. Harka sana keessas kitaaba maramaa tokkotu ture;
10 彼これをわが前に開けり卷物は裏と表に文字ありて上に嗟嘆と悲哀と憂患とを錄す
innis fuula koo duratti kitaaba sana diriirse. Kitaaba sana irrattis, duraa duubaan faaruun booʼichaa, gaddii fi wawwaannaan barreeffamanii turan.

< エゼキエル書 2 >