< エゼキエル書 19 >

1 汝イスラエルの君等のために哀の詞をのべて
“Waaʼee ilmaan mootota Israaʼeliif faarsii booʼi;
2 言ふべし汝の母なる牝獅は何故に牡獅の中に伏し小獅の中にその子を養ふや
akkanas jedhi: “‘Haati kee leencota gidduutti, leenca akkamii turte! Isheen leencota gidduu ciiftee ilmoolee ishee guddifatte.
3 彼その一の子を育てたれば小獅となりて食を攫ことを學ひ遂に人を食へり
Ilmoolee ishee keessaas tokko guddifatte; innis leenca jabaa taʼe. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
4 國々の人これの事を聞きこれを陷阱にて執へ鼻環をほどこしてこれをエジプトの地にひきいたれり
Saboonni waaʼee isaa dhagaʼan; inni boolla isaanii keessatti qabame. Isaan hokkoodhaan harkisanii gara biyya Gibxitti isa geessan.
5 牝獅姑く待しがその望を失ひしを見たれば又一個の子を取てこれを小獅とならしむ
“‘Isheen yommuu akka abdiin ishee hin guutamin, akka wanni isheen yaaddes hin milkaaʼin argitetti, ilmoolee ishee keessaa kan biraa fudhattee leenca jabaa gootee guddifte.
6 是すなはち牝獅の中に歩みて小獅となり食を攫ことを學ひしが亦人を食ひ
Inni leencota gidduu biddiiqe; leenca jabaa taʼeeraatii. Inni waa adamsee ciccirachuu barate; namootas nyaate.
7 其寡婦をしりその邑々を滅せりその咆哮聲によりてその地とその中に盈る者荒たり
Inni daʼannoo isaanii diige; magaalaawwan isaaniis onse. Biyyattii fi kanneen ishee keessa jiraatan hundi aaduu isaatiin raafaman.
8 是をもて四方の國人その國々より攻來り網をこれにうちかけ陷阱にてこれを執へ
Ergasii saboonni warri kutaalee biyya naannoo sanaa jiran isatti kaʼan. Isaanis kiyyoo isaanii isa duratti diriirsan; innis boolla isaanii keessatti qabame.
9 鼻環をほどこして籠にいれ之をバビロンの王の許に曳いたりて城の中に携へ入れ其聲を再びイスラエルの山々に聞えざらしむ
Isaan hokkoodhaan qabanii mana shiboo keessa isa kaaʼan; gara mootii Baabilonitti isa fidan. Mana hidhaatti isa galchan; kanaafuu aaduun isaa tulluuwwan Israaʼel irratti ergasii hin dhagaʼamne.
10 汝の母は汝の血にして水の側に植たる葡萄樹のごとし水の多きがために結實多く蔓はびこれり
“‘Haati kee akkuma wayinii lafa qotiisaa kee keessa bishaan bira dhaabatee ti; biqiltuun sunis sababii bishaan baayʼee argatteef mistee damee hedduu baaffatte.
11 是に強き枝ありて君王等の杖となすべし是の長は雲に至りその衆多の枝のために高く聳えて見へたり
Dameewwan isaas jajjaboo bokkuu bulchaatiif taʼan turan. Isheen baalawwan gobbatan gidduutti ol dheerina isheetii fi baayʼina dameewwan isheetiin ol dheerattee mulʼatti turte.
12 然るに是怒をもて拔れて地に擲たる東風その實を吹乾かしその強き枝は折れて枯れ火に焚る
Isheen garuu aariidhaan buqqifamtee lafatti gatamte. Bubbeen baʼa biiftuu ishee gogsee ija ishee irraa harcaase; dameewwan ishee ciccimoonis ni coollagan; ibiddis isaan fixe.
13 今これは荒野にて乾ける水なき地に植りてあり
Amma isheen gammoojjii keessa, lafa gogaa dheebote irra dhaabamte.
14 その枝の芽より火いでてその果を燒けば復強き枝の君王等の杖となるべき者其になし是哀の詞なり哀の詞となるべし
Damee ishee tokko keessaa ibiddi baʼee ija ishee fixe. Dameen jabaan bokkuu bulchaatiif taʼu tokko iyyuu ishee irratti hin hafne.’ Kun faaruu booʼichaa kan booʼichaaf itti fayyadamanii dha.”

< エゼキエル書 19 >