< 出エジプト記 37 >

1 ベザレル合歓木をもて櫃をつくれりその長は二キユビト半その寛は一キユビト半、その高は一キユビト半
Bezaliʼeel muka laaftoo irraa taabota tolche; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
2 而して純金をもてその内外を蔽ひてその上の周圍に金の縁を造れり
Innis keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffise; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessee tolche.
3 又金の環四箇を鋳てその四の足につけたり即ち此旁に二箇の輪彼旁に二箇の輪を付く
Qubeelaa warqee afur tolcheefii miilla isaa afranitti qabsiise; qubeelaa lama gama tokkoon, qubeelaa kaan immoo gama kaaniin itti kaaʼe.
4 又合歓木をもて杠を作りてこれに金を着せ
Ergasiis muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchee warqee itti uffise.
5 その杠を櫃の傍の環にさしいれて之をもて櫃をかくべからしむ
Innis taabota sana ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loose.
6 又純金をもて贖罪所を造れりその長は二キユビト半その寛は一キユビト半なり
Innis warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolche; teessoon sunis dheerina dhundhuma lamaa fi walakkaa fi balʼina dhundhuma tokkoo fi walakkaa qaba ture.
7 又金をもて二箇のケルビムを作れり即ち槌にて打て之を贖罪所の兩傍に作り
Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolche.
8 一箇のケルブを此方の末に一箇のケルブを彼方の末に置り即ち贖罪所の兩傍にケルビムを作れり
Innis Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, Kiirubii lammaffaa moggaa kaan irratti tolche; kiirubeelii lamaan sana moggaa teessoo araaraa lamaan irratti teessoo araaraa wajjin mukuma tokko irraa tolche.
9 ケルビムは翼を高く展べ其翼をもて贖罪所を掩ひ其面をたがひに相向く即ちケルビムの面は贖罪所に向ふ
Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa sanatti gaaddiseessu turan. Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii gara teessoo araaraa ilaalu turan.
10 又合歓木をもて案を作れり其長は二キユビト其寛は二キユビト其高は一キユビト半
Isaanis muka laaftoo irraa minjaala dalga dheerinni isaa dhundhuma lama, balʼinni isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa tolchan.
11 而て純金を之に着せ其周圍に金の縁をつけ
Isaanis warqee qulqulluu itti uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee tolchan.
12 又其四圍に掌寛の邊を作り其邊の周圍に金の小縁を作れり
Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchan.
13 而て之が爲に金の環四箇を鋳其足の四隅に其環を付たり
Isaanis qubeelaa warqee afur minjaala sanaaf hojjetanii iddoo miilli afran turetti goleewwan afranitti qabsiisan.
14 即ち環は邊の側に在て案を舁く杠を入る處なり
Qubeelaawwan sunis akka danqaraa minjaalli sun ittiin baatamu qabaniif xiyyoo sanatti dhiʼeeffamanii kaaʼaman.
15 而て合歓木をもて案を舁く杠を作りて之に金を着せたり
Danqaraawwan minjaalli ittiin baatamu sun muka laaftoo irraa hojjetamanii warqeen itti uffifamee ture.
16 又案の上の器具即ち皿匙杓及び酒を灌ぐ斝を純金にて作れり
Miʼoota minjaala sana irra kaaʼaman jechuunis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, waciitiiwwan isaatii fi okkoteewwan isaa kanneen ittiin dhibaayyuu dhibaafatan warqee qulqulluu irraa tolchan.
17 又純金をもて一箇の燈臺を造れり即ち槌をもて打て其燈臺を作れり其臺座軸萼節及び花は其に連る
Baattuu ibsaa, somaa isaatii fi damee isaa wajjin warqee qulqulluu irraa tumanii tolchan; waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa illee warqeedhuma tokko irraa tolchan.
18 六の枝その旁より出づ即ち燈臺の三の枝は此旁より出で燈臺の三の枝は彼傍より出づ
Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon sadii immoo gama kaaniin baafaman.
19 巴旦杏の花の形せる三の萼節および花とともに此枝にあり又巴旦杏の花の形せる三の萼節および花とともに彼枝にあり燈臺より出る六の枝みな斯のごとし
Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchan. Dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchan.
20 巴旦杏の花の形せる四の萼その節および花とともに燈臺にあり
Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin tolfaman afur baattuu ibsaa sana irra turan.
21 兩箇の枝の下に一箇の節あり又兩箇の枝の下に一箇の節あり又兩箇の枝の下に一箇の節あり燈臺より出る六の枝みな是のごとし
Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture; walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
22 その節と枝とは其に連れり皆槌にて打て純金をもて造れり
Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa tolfaman.
23 又純金をもて七箇の燈盞と燈鉗と剪燈盤を造れり
Ibsaa torban sana, waan ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi baattuu daaraa sana baattu illee warqee qulqulluu irraa tolchan.
24 燈臺とその諸の器具は純金一タラントをもて作れり
Baattuu ibsaatii fi miʼa isaa hunda warqee qulqulluu taalaantii tokko irraa tolchan.
25 又合歓木をもて香壇を造れり其長一キユピトその寛二キユビトにして四角なりその高は二キユビトにしてその角は其より出づ
Isaanis muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa tolchan; iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkoo fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee ture. Gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walumatti hojjetaman.
26 その上その四旁その角ともに純金を着せその周圍に金の縁を作れり
Isaanis gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisanii naannoo isaatti marsaa warqee naannessanii tolchan.
27 又その兩面に金の縁の下に金の環二箇をこれがために作れり即ちその兩旁にこれを作る是すなはち之を舁ところの杠を貫くところなり
Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchan; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchan.
28 又合歓木をもてその杠をつくりて之に金を着せたり
Isaanis danqaraawwan muka laaftoo tolchanii warqee itti uffisan.
29 又薫物をつくる法にしたがひて聖灌膏と香物の清き香とを製れり
Akkasumas akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti zayitii ittiin diban qulqulluu fi ixaana urgaaʼaa makaa hin qabne tolchan.

< 出エジプト記 37 >