< 出エジプト記 30 >

1 汝香を焚く壇を造るべし即ち合歓木をもてこれを造るべし
“Iddoo aarsaa kan ixaanni irratti aarfamu muka laaftoo irraa tolchi.
2 その長は一キユビトその寛も一キユビトにして四角ならしめ其高は三キユビトにし其角は其より出しむべし
Iddoon aarsaa kunis dalga dheerina dhundhuma tokko, balʼina dhundhuma tokkootii fi ol dheerina dhundhuma lamaa qabaatee gama afraniinuu wal qixxee haa taʼu; gaanfawwan isaas iddoo aarsaa sanaan walitti waanuma tokko irraa haa tolfaman.
3 而してその上その四傍その角ともに純金を着せその周圍に金の縁を作るべし
Gubbaa isaa irra, cinaacha isaa hundumaa fi gaanfawwan isaatti warqee qulqulluu uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee naannessii tolchi.
4 汝またその兩面に金の縁の下に金の環二箇を之がために作るべし即ちその兩傍にこれを作るべし是すなはちこれを舁ところの杠を貫く所なり
Iddoo aarsaa sanaafis marsaawwan warqee isaatii gaditti qubeelaawwan warqee lama tolchi; qubeelaawwan kanas akka isaan danqaraawwan ittiin iddoo aarsaa baatan qabataniif gamaa gamanaan cinaacha lamaanitti tolchi.
5 その杠は合歓木をもてこれを作りて之に金を着すべし
Danqaraawwan muka laaftoo tolchiitii warqee itti uffisi.
6 汝これを律法の櫃の傍なる幕の前に置て律法の上なる贖罪所に對はしむべし其處はわが汝に會ふ處なり
Iddoo aarsaa sanas fuula golgaa taabota kakuu seeraa bira jiru sanaa dura, fuula teessoo araaraa kan kakuu seeraatiin ol jiruu dura iddoo ani itti si argu sana dhaabi.
7 アロン朝ごとにその上に馨しき香を焚べし彼燈火を整ふる時はその上に香を焚べきなり
“Aroon yommuu ganama ganama ibsaa qoqopheessutti iddoo aarsaa irratti ixaana urgaaʼaa haa aarsu.
8 アロン夕に燈火を燃す時はその上に香を焚べし是香はヱホバの前に汝等が代々絶すべからざる者なり
Akka ixaanni sun dhaloota dhufu keessatti illee yeroo hunda fuula Waaqayyoo duratti aaruuf Aroon yommuu galgala galgala ibsaa qabsiisutti ixaana haa aarsu.
9 汝等その上に異る香を焚べからず燔祭をも素祭をも獻ぐべからず又その上に灌祭の酒を灌ぐべからず
Iddoo aarsaa kana irratti ixaana gosa biraa yookaan qalma gubamu yookaan kennaa midhaanii hin dhiʼeessin; dhibaayyuus irratti hin dhibaafatin.
10 アロン年に一回贖罪の罪祭の血をもてその壇の角のために贖をなすべし汝等代々年に一度是がために贖をなすべし是はヱホバに最も聖き者たるなり
Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.”
11 ヱホバ、モーセに告て言たまはく
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
12 汝がイスラエルの子孫の數を數へしらぶるにあたりて彼等は各人その數へらるる時にその生命の贖をヱホバにたてまつるべし是はその數ふる時にあたりて彼等の中に災害のあらざらんためなり
“Yommuu ati baayʼina saba Israaʼel lakkooftutti tokkoon tokkoon namaa yeroo lakkaaʼamutti furii lubbuu isaa Waaqayyoof haa kennu. Yoos yeroo ati isaan lakkooftutti dhaʼichi tokko iyyuu isaan hin argatu.
13 凡て數へらるる者の中に入る者は聖所のシケルに遵ひて半シケルを出すべし一シケルは二十ゲラなり即ち半シケルをヱホバにたてまつるべし
Namni warra lakkaaʼamanitti dabalamu kam iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdamaa ulfaatu sanaatti walakkaa saqilii haa kennu. Walakkaan saqilii kunis kennaa Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
14 凡て數へらるる者の中に入る者即ち二十歳以上の者はヱホバに献納物をなすべし
Warra lakkaaʼaman keessaa kanneen umuriin isaanii waggaa digdama yookaan isaa oli taʼe hundinuu Waaqayyoof kennaa haa dhiʼeessan.
15 汝らの生命を贖ふためにヱホバに献納物をなすにあたりては富者も半シケルより多く出すべからず貧者も其より少く出すべからず
Yommuu isin lubbuu keessan furuuf jettanii Waaqayyoof kennaa dhiʼeessitanitti sooreyyiin walakkaa saqiliitii oli hin kennin; hiyyeeyyiinis walakkaa saqiliitii gad hin kennin.
16 汝イスラエルの子孫より贖の金を取てこれを幕屋の用に供ふべし是はヱホバの前にイスラエルの子孫の記念となりて汝ら生命を贖ふべし
Maallaqa furii sanas Israaʼeloota harkaa fudhiitii tajaajila dunkaana wal gaʼii sanaa irra oolchi; kunis lubbuu keessaniif furii taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yaadannoo saba Israaʼel taʼa.”
17 ヱホバ、モーセに告て言たまはく
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
18 汝また銅をもて洗盤をつぐりその臺をも銅になして洗ふことのために供へ之を集會の幕屋と壇との間に置てその中に水をいれおくべし
“Gabatee naasii kan miilla naasii qabu dhiqannaadhaaf tolchi. Isas dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaa gidduu kaaʼiitii bishaan itti naqi.
19 アロンとその子等はそれに就て手と足を洗ふべし
Aroonii fi ilmaan isaa bishaani sanaan harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan.
20 彼等は集會の幕屋に入る時に水をもて洗ふことを爲て死をまぬかるべし亦壇にちかづきてその職をなし火祭をヱホバの前に焚く時も然すべし
Isaanis akka hin duuneef yeroo dunkaana wal gaʼii seenan bishaaniin dhiqatu; akkasumas yommuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu gubuudhaaf tajaajiluuf iddoo aarsaatti dhiʼaatanitti,
21 即ち斯その手足を洗ひて死を免かるべし是は彼とその子孫の代々常に守るべき例なり
akka hin duuneef harka isaaniitii fi miilla isaanii haa dhiqatan. Kunis dhaloota dhufu keessatti Aroonii fi sanyii isaatiif seera dhaabataa taʼa.”
22 ヱホバまたモーセに言たまひけるは
Ergasiis Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
23 汝また重立たる香物を取れ即ち淨沒薬五百シケル香しき肉桂その半二百五十シケル香しき菖蒲二百五十シケル
“Urgooftuuwwan urgooftuu hunda caalan jechuunis qumbii qulqulluu saqilii 500, qarafaa urgaaʼaa walakkaa isaa jechuunis saqilii 250, marga citaa urgaaʼaa saqilii 250,
24 桂枝五百シケルを聖所のシケルに遵ひて取り又橄欖の油ヒンを取べし
burgudii saqilii 500 fudhadhu; hundi isaa iyyuu akkuma saqilii iddoo qulqulluutti haa taʼu; akkasumas zayitii ejersaa iinii tokko fudhadhu.
25 汝これをもて聖灌膏を製るべしすなはち薫物を製る法にしたがひて香膏を製るべし是は聖灌膏たるなり
Urgooftuuwwan kanneeniinis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa jechuunis makaa urgaaʼaa akkuma ogeessa urgooftuu qopheessu tokkootti tolchi. Kunis zayitii ittiin diban qulqulluu isaa taʼa.
26 汝これを集會の幕屋と律法の櫃に塗り
Zayitii kanaanis dunkaana wal gaʼii, taabota kakuu seeraa,
27 案とそのもろもろの器具燈臺とそのもろもろの器具および香壇
minjaalaa fi miʼa isaa hunda, baattuu ibsaa fi miʼa isaa, iddoo aarsaa ixaanaa,
28 並に燔祭の壇とそのもろもろの器具および洗盤とその臺とに塗べし
iddoo aarsaa qalma gubamuutii fi miʼa isaa hunda, gabatee itti dhiqatanii fi miilla isaa dibi.
29 汝是等を聖めて至聖らしむべし凡てこれに捫る者は聖くならん
Akka isaan waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniif isaan qulqulleessi; wanni isaan tuqu kam iyyuus ni qulqullaaʼa.
30 汝アロンとその子等に膏をそそぎて之を立て彼らをして我に祭司の職をなさしむべし
“Akka isaan luboota taʼanii na tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa dibi qulqulleessi.
31 汝イスラエルの子孫に告ていふべし是は汝らが代々我の爲に用ふべき聖灌膏なり
Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Kun zayitiin qulqulluu ittiin dhaloota dhufuuf jiru diban naaf haa taʼu.
32 是は人の身に灌ぐべからず汝等また此量をもて是に等き物を製るべからず是は聖し汝等これを聖物となすべし
Zayitii kana dhagna nama biraa irratti hin dhangalaasin yookaan zayitii kam iyyuu karaa kanaan hin qopheessin. Zayitiin kun qulqulluu dha; innis isiniif qulqulluu haa taʼu.
33 凡て之に等き物を製る者凡てこれを餘人につくる者はその民の中より絶るべし
Namni shittoo shittoo sana fakkaatu hojjetu kan nama biraattis dibu saba isaa keessaa haa balleeffamu.’”
34 ヱホバ、モーセに言たまはく汝ナタフ、シケレテ、へルベナの香物を取りその香物を淨き乳香に和あはすべしその量は各等からしむべきなり
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Urgooftuu jechuunis hamphee urgaaʼu, elellaan urgaaʼu, aannan muka urgaaʼuu, ixaana makaa hin qabne kan hundi isaa iyyuu baayʼina wal qixxee qabu fudhadhuutii,
35 汝これを以て香を製るべし即ち薫物を製る法にしたがひてこれをもて薫物を製り鹽をこれにくはへ潔く且聖らしむべし
akkuma namni urgooftuu qopheessu tokko hojjetutti ixaana makamaa urgaaʼu tolchi. Ixaana kanattis soogidda naqiitii qulqulleessi; akka qulqulluu taʼus godhi.
36 汝またその幾分を細に搗て我が汝に會ふところなる集會の幕屋の中にある律法の前にこれを供ふべし是は汝等において最も聖き者なり
Isa keessaas gartokko daakii bulleessiitii dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti si argu sana kaaʼi. Innis kan waan hunda caalaa qulqullaaʼuu isiniif haa taʼu.
37 汝が製るところの香は汝等その量をもてこれを自己のために製るべからず是は汝においてヱホバのために聖き者たるなり
Haala kanaan ixaana ofii keessaniif hin qopheeffatinaa; akka inni Waaqayyoof qulqulluu taʼes hubadhu.
38 凡て是に均き者を製りてこれを嗅ぐ者はその民の中より絶るべし
Namni urgaa isaatti gammaduuf jedhee waan isa fakkaatu tokko illee hojjetu saba ofii keessaa haa balleeffamu.”

< 出エジプト記 30 >