< 出エジプト記 3 >

1 モーセその妻の父なるミデアンの祭司ヱテロの群を牧ひをりしがその群を曠野の奧にみちびきて神の山ホレブに至るに
Museen bushaayee abbaa niitii isaa Yetroo lubicha Midiyaan sanaa tiksaa ture; innis gaaf tokko hamma dhiʼa lafa gammoojjiitti bushaayee sana oofee gara tulluu Waaqaa gara Kooreeb dhufe.
2 ヱホバの使者棘の裏の火燄の中にて彼にあらはる彼見るに棘火に燃れどもその棘燬ず
Achittis Ergamaan Waaqayyoo daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan isatti mulʼate. Museenis daggalli sun bobaʼu illee akka hin gubatin arge.
3 モーセいひけるは我ゆきてこの大なる觀を見 何故に棘の燃たえざるかを見ん
Museenis, “Daggalli kun maaliif hin gubatu laata? Ani itti goree waan dinqisiisaa kana ilaaluu qaba” jedhe.
4 ヱホバ彼がきたり觀んとするを見たまふ即ち神棘の中よりモーセよモーセよと彼をよびたまひければ我ここにありといふに
Waaqayyos yommuu akka Museen ilaaluuf achi gore argetti, Waaqni daggala sana keessaa, “Musee! Musee!” jedhee isa waame. Museenis, “Kunoo ani asan jira” jedhee deebise.
5 神いひたまひけるは此に近よるなかれ汝の足より履を脱ぐべし汝が立つ處は聖き地なればなり
Waaqni immoo, “As hin dhiʼaatin; Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu” jedheen.
6 又いひたまひけるは我はなんぢの父の神アブラハムの神イサクの神ヤコブの神なりとモーセ神を見ることを畏れてその面を蔽せり
Itti fufees, “Ani Waaqa abbaa keetii, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob” jedhe. Kana irratti Museen Waaqa ilaaluu waan sodaateef fuula isaa dhokfate.
7 ヱホバ言たまひけるは我まことにエジプトにをるわが民の苦患を觀また彼等がその驅使者の故をもて號ぶところの聲を聞り我かれらの憂苦を知るなり
Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan dhiphina saba koo warra Gibxi keessa jiraatan irra gaʼu argeera. Iyya isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa baʼuuf iyyanis dhagaʼeera; ani rakkina isaaniis nan beeka.
8 われ降りてかれらをエジプト人の手より救ひいだし之を彼地より導きのぼりて善き廣き地乳と蜜との流るる地すなはちカナン人ヘテ人アモリ人ベリジ人ヒビ人ヱブス人のをる處に至らしめんとす
Kanaafuu ani harka warra Gibxiitii isaan baasee gara biyya gaarii fi balʼaatti, biyya aannanii fi dammi keessaa burquutti jechuunis gara biyya Kanaʼaanotaatti, Heetotaatti, Amoorotaatti, Feerzotaatti, Hiiwotaattii fi Yebuusotaatti ol isaan baasuuf jedhee gad buʼeera.
9 今イスラエルの子孫の號呼われに達る我またエジプト人が彼らを苦むるその暴虐を見たり
Amma kunoo iyyi Israaʼelootaa na bira gaʼeera. Ani haala itti warri Gibxi isaan cunqursanis argeera.
10 然ば來れ我なんぢをパロにつかはし汝をしてわが民イスラエルの子孫をエジプトより導きいださしめん
Kanaafuu ati amma dhaqi. Ani akka ati saba koo Israaʼeloota Gibxi keessaa baaftuuf Faraʼoonitti sin erga.”
11 モーセ神にいひけるは我は如何なる者ぞや我豈パロの許に往きイスラエルの子孫をエジプトより導きいだすべき者ならんや
Museen garuu Waaqaan, “Faraʼoon bira dhaqee Gibxii Israaʼeloota baasuuf ani eenyu?” jedhe.
12 神いひたまひけるは我かならず汝とともにあるべし是はわが汝をつかはせる證據なり汝民をエジプトより導きいだしたる時汝等この山にて神に事へん
Waaqnis akkana jedhe; “Ani si wajjin nan taʼa. Ati saba sana Gibxii yommuu baaftutti isin tulluu kana irratti Waaqa waaqeffattu. Si erguu kootiifis kun mallattoo siif taʼa.”
13 モーセ神にいひけるは我イスラエルの子孫の所にゆきて汝らの先祖等の神我を汝らに遣はしたまふと言んに彼等もし其名は何と我に言ば何とかれらに言べきや
Museen immoo Waaqaan, “Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, ‘Waaqni abbaa keessanii na ergeera’ yommun jedhutti yoo isaan, ‘Maqaan isaa eenyu?’ jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?” jedhe.
14 神モーセにいひたまひけるは我は有て在る者なり又いひたまひけるは汝かくイスラエルの子孫にいふべし我有といふ者我を汝らに遣したまふと
Waaqnis Museedhaan, “ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, ‘Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeera’ jedhi” jedheen.
15 神またモーセにいひたまひけるは汝かくイスラエルの子孫にいふべし汝らの先祖等の神アブラハムの神イサクの神ヤコブの神ヱホバわれを汝らにつかはしたまふと是は永遠にわが名となり世々にわが誌となるべし
Waaqni ammas Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaq, Waaqni Yaaqoob isinitti na ergeera.’ “Maqaan kun bara baraan maqaa koo ti; maqaa ani dhalootaa hamma dhalootaatti ittiin yaadatamuu dha.
16 汝往てイスラエルの長老等をあつめて之にいふべし汝らの先祖等の神アブラハム、イサク、ヤコブの神ヱホバ我にあらはれて言たまひけらく我誠になんぢらを眷み汝らがエジプトにて蒙るところの事を見たり
“Dhaqii maanguddoota Israaʼel walitti qabiitii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii, Waaqni Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani isin ilaaleera; waan Gibxitti isin irra gaʼes argeera.
17 我すなはち言り我汝らをエジプトの苦患の中より導き出してカナン人ヘテ人アモリ人ペリジ人ヒビ人エブス人の地すなはち乳と蜜の流るる地にのぼり至らしめんと
Kanaafuu ani rakkina Gibxi keessaa isin baasee biyya aannanii fi dammi keessaa burqu jechuunis biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi biyya Yebuusotaatti isin geessuuf murteesseera.”’
18 彼等なんぢの言に聽したがふべし汝とイスラエルの長老等エジプトの王の許にいたりて之に言へヘブル人の神ヱホバ我らに臨めり然ば請ふわれらをして三日程ほど曠野に入しめわれらの神ヱホバに犠牲をささぐることを得せしめよと
“Maanguddoonni Israaʼel si dhagaʼu. Atii fi maanguddoonni Israaʼel mootii Gibxi bira dhaqxanii, ‘Waaqayyo Waaqni Ibrootaa nutti mulʼateera; egaa amma akka nu Waaqayyo Waaqa keenyaaf aarsaa dhiʼeessinuuf gara gammoojjiitti karaa guyyaa sadii nuu eeyyami’ jettuun.
19 我しるエジプトの王は假令能力ある手をくはふるも汝等の往をゆるさざるべし
Garuu akka mootiin Gibxi yoo irreen jabaan isa dirqisiise malee deemuuf isinii hin eeyyamne anuu beeka.
20 我すなはちわが手を舒ベエジプトの中に諸の奇跡を行ひてエジプトを撃ん其後かれ汝等を去しむべし
Ani dinqii isaan gidduutti hojjedhu hundaan irree koo hiixadhee namoota Gibxi nan dhaʼa. Ergasii inni akka deemtan isiniif eeyyama.
21 我エジプト人をして此民をめぐましめん汝ら去る時手を空うして去るべからず
“Anis akka sabni kun fuula warra Gibxi duratti surraa argatu nan godha; isinis yommuu Gibxii baatanitti harka duwwaa hin baatan.
22 婦女皆その隣人とおのれの家に寓る者とに金の飾品銀の飾品および衣服を乞べし而して汝らこれを汝らの子女に穿戴せよ汝等かくエジプト人の物を取べし
Tokkoon tokkoon dubartii miʼa meetii, miʼa warqeetii fi uffata gaafattee ollaa isheettii fi dubartii mana ishee jiraattu irraa haa fudhattu; kanaanis ilmaanii fi intallan keessanitti uffiftu. Akkasiinis qabeenya warra Gibxi boojitanii baatu.”

< 出エジプト記 3 >