< 出エジプト記 25 >

1 ヱホバ、モーセに告て言たまひけるは
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 イスラエルの子孫に告て我に献物を持きたれと言へ凡てその心に好んで出す者よりは汝等その我に献ぐるところの物を取べし
“Akka isaan kennaa naa fidaniif saba Israaʼelitti himi. Nama garaa isaa guutuudhaan kennuu fedhu hunda harkaa kennaa naa fuudhaa.
3 汝等がかれらより取べきその献物は是なり即ち金 銀 銅
“Kennaan isaan harkaa fuutanis: “Warqee, meetii fi naasii;
4 靑 紫 紅の線 麻 山羊毛
kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi wayyaa haphii quncee talbaa irraa hojjetame; rifeensa reʼee;
5 赤染の牡羊の皮 貛の皮 合歓木
gogaa korbeessa hoolaa kan halluu diimaa cuuphame, gogaa duugame, muka laaftoo,
6 燈油塗膏と馨しき香を調ふところの香料
ibsaadhaaf, zayitii ejersaa, urgooftuuwwan immoo zayitii dibatamuu fi ixaana urgaaʼuuf;
7 葱珩およびエポデと胸牌に嵌る玉
dhagaawwan sardooniksii, dooqa gati jabeessa, dirataa fi qomee irratti kaaʼatamuu dha.
8 彼等わがために聖所を作るべし我かれらの中に住ん
“Ergasii akka isaan iddoo qulqulluu naa qopheessan godhi; anis gidduu isaanii nan jiraadha.
9 凡てわが汝らに示すところに循ひ幕屋の式樣およびその器具の式樣にしたがひてこれを作るべし
Dunkaana qulqulluu kanaa fi miʼa isaa hunda akkuma bifa ani sitti argisiisuutti hojjedhaa.
10 彼等合歓木をもて櫃を作るべしその長は二キユビト半その濶は一キユビト半その高は一キユビト半なるべし
“Isaan muka laaftoo irraa taabota haa tolchan; taabonni sunis dhundhuma lamaa fi walakkaa dheerata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata; dhundhuma tokkoo fi walakkaa ol dheerata ture.
11 汝純金をもて之を蔽ふべし即ち内外ともにこれを蔽ひその上の周圍に金の縁を造るべし
Keessaa fi duuba isaatti warqee qulqulluu uffisi; naannoo isaattis marsaa faaya warqee naannessii tolchi.
12 汝金の環四箇を鋳てその四の足につくべし即ち此旁に二箇の輪彼旁に二箇の輪をつくべし
Taabota sanaafis qubeelaa warqee afur tolchiitii miilla isaa afranitti jechuunis lama gama tokkoon, lama immoo gama kaaniin itti kaaʼi.
13 汝また合歓木をもて杠を作りてこれに金を著すべし
Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqee itti uffisi.
14 而してその杠を櫃の邊旁の環にさしいれてこれをもて櫃を舁べし
Taaboticha ittiin baachuudhaaf danqaraawwan sana qubeelaawwan keessa loosi.
15 杠は櫃の環に差いれおくべし其より脱はなすべからず
Danqaraawwan kunneen qubeelaawwan taabotichaa keessa haa turan; keessaa baafamuus hin qaban.
16 汝わが汝に與ふる律法をその櫃に蔵むべし
Atis dhuga baʼumsa ani sitti kennu Taaboticha keessa kaaʼi.
17 汝純金をもて贖罪所を造るべしその長は二キユビト半その濶は一キユビト半なるべし
“Warqee qulqulluu irraa teessoo araaraa tolchi; dheerinni isaas dhundhuma lamaa fi walakkaa, balʼinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa haa taʼu.
18 汝金をもて二箇のケルビムを作るべし即ち槌にて打てこれを作り贖罪所の兩旁に置べし
Moggaa lamaan teessoo araaraa irratti warqee tumame irraa Kiirubeelii lama tolchi.
19 一のケルブを此旁に一のケルブを彼旁に造れ即ちケルビムを贖罪所の兩旁に造るべし
Kiirubii tokko moggaa tokko irratti, kiirubii lammaffaa immoo moggaa kaan irratti tolchi; kiirubeelii sanas teessoo araaraa wajjin kutaa warqee tokkicha irraa moggaa lamaan irratti tolchi.
20 ケルビムは翼を高く展べその翼をもて贖罪所を掩ひその面を互に相向くべしすなはちケルビムの面は贖罪所に向ふべし
Kiirubeeliin sun qoochoo isaanii ol balʼifatanii teessoo araaraa ittiin haa gaaddiseessan; Kiirubeeliin kunneen fuula isaanii walitti garagalfatanii teessoo araaraa haa ilaalan.
21 汝贖罪所を櫃の上に置ゑまた我が汝に與ふる律法を櫃の中に蔵むべし
Teessoo araaraa sana taaboticha irra kaaʼi; dhuga baʼuu ani sitti kennu immoo taaboticha keessa kaaʼi.
22 其處にて我なんぢに會ひ贖罪所の上より律法の櫃の上なる二箇のケルビムの間よりして我イスラエルの子孫のためにわが汝に命ぜんとする諸の事を汝に語ん
Ani achitti si arga; teessoo araaraa irraa, kiirubeelii lamaan taabota kakuu seeraa irra jiran gidduudhaa waaʼee ajajawwan ani saba Israaʼeliitiif sitti kennu hundaa sittin hima.
23 汝また合歓木をもて案を作るべしその長は二キユビトその濶は一キユビトその高は一キユビト半なるべし
“Muka laaftoo irraa minjaala dhundhuma lama dalga dheeratu, kan dhundhuma tokko balʼatee ol dheerinni isaa immoo dhundhuma tokkoo fi walakkaa taʼe tolchi.
24 而して汝純金をこれに著せその周圍に金の縁をつくるべし
Warqee qulqulluu itti uffisiitii naannoo isaatti marsaa warqee tolchi.
25 汝その四圍に掌寛の邊をつくりその邊の周圍に金の小縁を作るべし
Naannoo isaa irrattis hidhii hamma balʼina harkaa gaʼuu fi faaya warqee tolchi.
26 またそれがために金の環四箇を作りその足の四隅にその環をつくべし
Minjaala kanaafis qubeelaa warqee afur hojjedhuutii goleewwan afranitti iddoo miilli afran jiranitti kaaʼi.
27 環は邊の側に附べし是は案を舁ところの杠をいるる處なり
Qubeelaawwan kunneenis akka danqaraa ittiin minjaala baatan qabataniif xiyyoo sanatti dhiʼaachuu qabu.
28 また合歓木をもてその杠をつくりてこれに金を著すべし案はこれに因て舁るべきなり
Muka laaftoo irraa loosawwan tolchi; warqee itti uffisiitii minjaala sana ittiin baadhu.
29 汝また其に用ふる皿匙杓および酒を灌ぐところの斝を作るべし即ち純金をもてこれを造るべし
Dhibaayyuu dhiʼeessuufis caabiiwwan isaa, waciitiiwwan isaa, okkoteewwan isaatii fi waciitiiwwan isaa warqee qulqulluu irraa tolchi.
30 汝案の上に供前のパンを置て常にわが前にあらしむべし
Buddeena ilaalchaas yeroo hunda fuula koo dura minjaala kana irra kaaʼi.
31 汝純金をもて一箇の燈臺を造るべし燈臺は槌をもてうちて之を作るべしその臺座 軸 萼 節 花は其に聯らしむべし
“Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi.
32 又六の枝をその旁より出しむべし即ち燈臺の三の枝は此旁より出で燈臺の三の枝は彼旁より出しむべし
Bitaa mirga baattuu ibsaa sana keessaas dameewwan jaʼa jechuunis sadii gama tokkoon, sadii immoo gama kaaniin haa baafaman.
33 巴旦杏の花の形せる三の萼節および花とともに此枝にあり又巴旦杏の花の形せる三の萼節および花とともに彼枝にあるべし燈臺より出る六の枝を皆斯のごとくにすべし
Xoofoowwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii damee tokko irratti, waciitiiwwan lawuzii fakkaatan kanneen tokkoon tokkoon isaanii hudhaa fi daraaraa qaban sadii immoo damee kaan irratti tolchi; dameewwan jaʼaan baattuu ibsaa irraa babbaʼan hunda irrattis akkasuma tolchi.
34 巴旦杏の花の形せる四の萼その節および花とともに燈臺にあるべし
Xoofoowwan hudhaa fi daraaraa qaban kanneen bifa lawuziitiin hojjetaman afur baattuu ibsaa sana irra haa jiraatan.
35 兩箇の枝の下に一箇の節あらしめ又その兩箇の枝の下に一箇の節あらしめ又その兩箇の枝の下に一箇の節あらしむべし燈臺より出る六の枝みな是のごとくなるべし
Hudhaan tokko cimdii jalqabaa kan dameewwan baattuu ibsaa irraa babbaʼan jala, hudhaan lammaffaan cimdii lammaffaa jala, hudhaan sadaffaan immoo cimdii sadaffaa jala ture. Walumaa galatti dameewwan jaʼatu ture.
36 その節と枝とは其に連ならしめ皆槌にて打て純金をもて造るべし
Hudhaawwanii fi dameewwan hundinuu baattuu ibsaa sana wajjin warqeedhuma qulqulluu tumame tokko irraa haa tolfaman.
37 又それがために七箇の燈盞を造りその燈盞を上に置てその對向を照さしむべし
“Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi.
38 その燈鉗と剪燈盤をも純金ならしむべし
Wanni ittiin daaraa isaa dhadhaʼanii fi caabiin daaraa sana baattu warqee qulqulluu irraa haa hojjetaman.
39 燈臺と此の諸の器具を造るには純金一タラントを用ふべし
Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani.
40 汝山にて示されし式樣にしたがひて之を作ることに心を用ひよ
Atis akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu.

< 出エジプト記 25 >