< 出エジプト記 22 >

1 人もし牛あるひは羊を竊みてこれを殺し又は賣る時は五の牛をもて一の牛を賠ひ四の羊をもて一の羊を賠ふべし
“Namni tokko yoo sangaa yookaan hoolaa hatee qalate yookaan gurgurate, qooda qotiyyoo tokkoo sangaa shan, qooda hoolaa tokkoo immoo hoolaa afur haa baasu.
2 もし盗賊の壞り入るを見てこれを撃て死しむる時はこれがために血をながすに及ばず
“Hattuun tokko utuu cabsee seenuu yoo qabamee tumamee kanumaan duʼe, namichi isa ajjeese sun dhiiga isaatti yakkaan hin gaafatamu;
3 然ど若日いでてよりならば之がために血をながすべし盗賊は全く償をなすべし若物あらざる時は身をうりてその竊める物を償ふべし
garuu yoo wanni kun erga aduun baatee taʼe, namichi dhiiga sanatti yakkaan ni gaafatama. “Hattuun waan hate haa deebisu; homaa hin qabu yoo taʼe garuu hanna isaatiif gatii baasuudhaaf haa gurguramu.
4 若その竊める物眞に生てその手にあらばその牛驢馬羊たるにかかはらず倍してこれを償ふべし
Horiin hatame sun sangaa yookaan harree yookaan hoolaa taanaan yoo utuu lubbuun jiruu harka isaatti argame hattuun sun dachaa baasuu qaba.
5 人もし田圃あるひは葡萄園の物を食はせその家畜をはなちて人の田圃の物を食ふにいたらしむる時は自己の田圃の嘉物と自己の葡萄園の嘉物をもてその償をなすべし
“Namni tokko yoo utuu lafa qotiisaa yookaan dhaabaa wayinii keessa horii tikfatuu horii isaa gad lakkisee horiin sun dhaqee kaloo nama biraa dheede, inni lafa qotiisaa ofii isaa irraa yookaan dhaabaa wayinii ofii isaa irraa kan waan hunda caalu iddoo haa buusuuf.
6 火もし逸て荊棘にうつりその積あげたる穀物あるひは未だ刈ざる穀物あるひは田野を燬ばその火を焚たる者かならずこれを償ふべし
“Yoo ibiddi kaʼee daggala seenee akkasiin midhaan tuulame yookaan midhaan dhaabatu yookaan lafa qotiisaa gube, namichi ibidda qabsiise sun gatii baasuu qaba.
7 人もし金あるひは物を人に預るにその人の家より竊みとられたる時はその盗者あらはれなばこれを倍して償はしむべし
“Namni tokko yoo maallaqa yookaan miʼa imaanaa namatti kennatee, wanni sun mana namichaatii hatamee hattuun sun qabame, hattichi dachaa kaffaluu qaba.
8 盗者もしあらはれずば家の主人を法官につれゆきて彼がその人の物に手をかけたるや否を見るべし
Yoo hattuun sun hin argamin garuu abbaan mana sanaa akka miʼa nama kaanii tuqee fi akka hin tuqin mirkaneessuuf fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu.
9 何の過愆を論ず牛にもあれ驢馬にもあれ羊にもあれ衣服にもあれ又は何の失物にもあれ凡て人の見て是其なりと言ふ者ある時は法官その兩造の言を聽べし而して法官の罪ありとする者これを倍してその對手に償ふべし
Namni tokko yoo qotiyyoo, harree, hoolaa, uffata yookaan miʼa bade tokko miliqsee namni tokko dhufee, ‘Kun kan koo ti’ jedhe, falmiin isaanii fuula abbootii murtii duratti haa dhiʼeeffamu. Namichi abbootiin murtii itti muran sunis ollaa isaatiif harka lama haa baasu.
10 人もし驢馬か牛か羊か又はその他の家畜をその隣人にあづけんに死か傷けらるるか又は搶ひさらるることありて誰もこれを見し者なき時は
“Yoo namni tokko ollaa isaatiif harree, qotiyyoo, hoolaa yookaan horii biraa imaanaa kennatee horiin suni utuu namni hin argin duʼe yookaan miidhame yookaan hatame,
11 二人の間にその隣人の物に手をかけずとヱホバを指て誓ふことあるべし然る時はその持主これを承諾べし彼人は償をなすに及ばず
namichi sun akka qabeenya ollaa isaa hin tuqin mirkaneessuuf fuula Waaqayyoo duratti haa kakatu; abbaan qabeenyaa sunis kakuu kana fudhachuu qaba; gatiis hin gaafatu.
12 然ど若自己の許より竊まれたる時はその所有主にこれを償ふべし
Yoo horiin sun isa jalaa hatamee jiraate garuu namichi abbaa horii sanaatiif baasuu qaba.
13 若またその裂ころされし時は其を證據のために持きたるべしその裂ころされし者は償ふにおよばず
Yoo horii sana bineensatu nyaate taʼe immoo akka ragaa taʼuuf waan bineensa irraa hafe haa dhiʼeessu malee horii nyaatame sanaaf gatii hin baasin.
14 人もしその隣人より借たる者あらんにその物傷けられ又は死ることありてその所有主それとともにをらざる時は必ずこれを償ふべし
“Namni tokko yoo ollaa isaa irraa horii ergifatee horiin sun iddoo abbaan horii hin jirretti miidhame yookaan duʼe, namichi ergifate sun gatii haa baasu.
15 その所有主それと共にをらばこれを償ふにむよばず雇し者なる時もしかり其は雇れて來りしなればなり
Yoo abbaan horii sanaa achi jiraate garuu namichi ergifate sun gatii baasuu hin qabu. Yoo horiin sun kireeffamee jiraate immoo maallaqni baafame sun kiraa horii duʼe sanaa haa taʼu.
16 人もし聘定あらざる處女を誘ひてこれと寝たらば必ずこれに聘禮して妻となすべし
“Namni tokko yoo durba hin kaadhimatamin gowwoomsee ishee wajjin ciise, inni gabbara misirrittiif malu baaseefii ishee haa fuudhu.
17 その父もしこれをその人に與ふることを固く拒まば處女にする聘禮にてらして金をはらふべし
Yoo abbaan ishee intalattii namichaaf kennuu dide immoo namichi sun gabbara durbaaf malu baasuu qaba.
18 魔術をつかふ女を生しおくべからず
“Ati akka dubartiin falfaltuun lubbuun jiraattu hin eeyyamin.
19 凡て畜を犯す者をば必ず殺すべし
“Namni horii wajjin ciisu kam iyyuu ajjeefamuu qaba.
20 ヱホバをおきて別の神に犠牲を献る者をば殺すべし
“Namni Waaqayyo tokkichaaf malee Waaqa biraatiif aarsaa dhiʼeessu galaafatamuu qaba.
21 汝他國の人を惱すべからず又これを虐ぐべからず汝らもエジプトの國にをる時は他國の人たりしなり
“Isinis waan biyya Gibxii keessatti alagoota turtaniif alagaatti daba hin hojjetinaa; hin cunqursinaas.
22 汝凡て寡婦あるひは孤子を惱すべからず
“Haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abbaan irraa duʼe hin hacuucinaa.
23 汝もし彼等を惱まして彼等われに呼らば我かならずその號呼を聽べし
Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa.
24 わが怒烈しくなり我劍をもて汝らを殺さん汝らの妻は寡婦となり汝らの子女は孤子とならん
Aariin koo ni bobaʼa; anis goraadeedhaanan isin fixa; niitonni keessan haadhota hiyyeessaa taʼu; ijoolleen keessanis kanneen abbaa hin qabne taʼu.
25 汝もし汝とともにあるわが民の貧き者に金を貸す時は金貸のごとくなすべからず又これより利足をとるべからず
“Ati yoo saba koo keessaa hiyyeessa si bira jiraatu tokkoof maallaqa liqeessite, akka nama hiiqii argachuuf kennuu hin taʼin; dhalas hin gaafatin.
26 汝もし人の衣服を質にとらば日のいる時までにこれを歸すべし
Ati yoo wayyaa nama biraa qabdii qabatte, utuu aduun hin dhiʼin deebisiif;
27 其はその身を蔽ふ者は是のみにして是はその膚の衣なればなり彼何の中に寝んや彼われに龥はらば我きかん我は慈悲ある者なればなり
wanni inni dhagna isaatti uffatu wayuma sanaatii. Wanni inni uffatee rafu biraa maali? Ani waanan gara laafessa taʼeef, yoo inni natti ol iyyate nan dhagaʼa.
28 汝神を罵るべからず民の主長を詛ふべからず
“Waaqa hin arrabsin; bulchaa saba keetiis hin abaarin.
29 汝の豊滿なる物と汝の搾りたる物とを献ぐることを怠るなかれ汝の長子を我に與ふべし
“Mataa midhaan keetiitii fi dhangalaʼaa wayinii keetii irraa aarsaa dhiʼeessuu hin tursin. “Ilmaan kee keessaas hangafa naa kennuu qabda.
30 汝また汝の牛と羊をも斯なすべし即ち七日母とともにをらしめて八日にこれを我に與ふべし
Loon keetii fi hoolota kee akkanuma godhi. Isaanis bultii torba haadha isaanii bira haa turan; guyyaa saddeettaffaatti garuu naa kenni.
31 汝等は我の聖民となるべし汝らは野にて獣に裂れし者の肉を食ふべからず汝らこれを犬に投與ふべし
“Isin saba koo qulqulluu ni taatu. Kanaafuu foon horii bineensi alatti cabsee kam iyyuu hin nyaatinaa; foon akkanaa saree dura buusaa.

< 出エジプト記 22 >