< 伝道者の書 8 >

1 誰か智者に如ん誰か事物の理を解ことを得ん 人の智慧はその人の面に光輝あらしむ 又その粗暴面も變改べし
Kan akka nama ogeessaa eenyu? Eenyutu hiikkaa waan tokkoo beeka? Ogummaan fuula namaa ibsa; nyaara guurames ni hiika.
2 我言ふ王の命を守るべし旣に神をさして誓ひしことあれば然るべきなり
Ati sababii fuula Waaqaa duratti kakuu galteef ajaja mootii eegi.
3 早まりて王の前を去ることなかれ 惡き事につのること勿れ 其は彼は凡てその好むところを爲ばなり
Fuula mootii duraa deemuuf hin jarjarin. Waan hamaa keessatti hin hirmaatin; inni waan fedhe kam iyyuu ni godhaatii.
4 王の言語には權力あり 然ば誰か之に汝何をなすやといふことを得ん
Sababii dubbiin mootii waan hundaa ol taʼeef eenyutu, “Ati maal hojjechaa jirta?” isaan jechuu dandaʼa?
5 命令を守る者は禍患を受るに至らず 智者の心は時期と判斷を知なり
Namni ajaja mootii eegu kam iyyuu hin miidhamu; qalbiin ogeessaa immoo yeroo fi haala mijaaʼaa beeka.
6 萬の事務には時あり判斷あり是をもて人大なる禍患をうくるに至るあり
Rakkinni namaa akka malee isatti ulfaatu iyyuu wanni hundi yeroo fi haala mijaaʼaa qabaatii.
7 人は後にあらんところの事を知ず また誰か如何なる事のあらんかを之に告る者あらん
Sababii namni tokko iyyuu waan eger taʼu hin beekneef, eenyutu waan dhufuuf jiru isatti himuu dandaʼa?
8 霊魂を掌管て霊魂を留めうる人あらず 人はその死る日には權力あること旡し 此戰爭には釋放たるる者あらず 又罪惡はこれを行ふ者を救ふことを得せざるなり
Namni tokko iyyuu hafuura isaa of keessatti dhowwuu hin dandaʼu; kanaafuu eenyu iyyuu guyyaa duʼa isaa irratti humna hin qabu. Akkuma namni tokko yeroo waraanaatti duula keessaa hin ariʼamne sana, hamminnis warra isa hojjetu gad hin dhiisu.
9 我この一切の事を見また日の下におこなはるる諸の事に心を用ひたり時としては此人彼人を治めてこれに害を蒙らしむることあり
Anis qalbii koo gara waan aduudhaa gaditti hojjetamu hundaatti deebifadhee waan kana hunda nan arge. Yeroon namni tokko warra kaan humnaan nan bulcha jedhee ofuma miidhu jira.
10 我見しに惡人の葬られて安息にいるあり また善をおこなふ者の聖所を離れてその邑に忘らるるに至るあり是また空なり
Ergasiis ani hamoota iddoo qulqulluu seenanii baʼaa turan sana akka isaan awwaalaman nan arge; isaanis magaalaa itti waan akkasii hojjetan keessatti ni jajamu ture. Kunis faayidaa hin qabu.
11 惡き事の報速にきたらざるが故に世人心を専にして惡をおこなふ
Sababii yakka hojjetame tokkootiif adabbiin dafee hin kennamneef, garaan namootaa mala hammina hojjechuutiin guutama.
12 罪を犯す者百次惡をなして猶長命あれども 我知る神を畏みてその前に畏怖をいだく者には幸福あるべし
Cubbamaan tokko yeroo dhibba yakka hojjetee bara dheeraa jiraatu iyyuu, ani akka namoonni Waaqa sodaatan kanneen sodaadhaan fuula isaa dura jiraatan nagaa qabaatan nan beeka.
13 但し惡人には幸福あらず またその生命も長からずして影のごとし 其は神の前に畏怖をいだくことなければなり
Taʼus hamoonni sababii Waaqa hin sodaanneef nagaa hin qabaatan; barri jireenya isaaniis akka gaaddidduu hin dheeratu.
14 我日の下に空なる事のおこなはるるを見たり 即ち義人にして惡人の遭べき所に遭ふ者あり 惡人にして義人の遭べきところに遭ふ者あり 我謂り是もまた空なり
Waan faayidaa hin qabne kan lafa irratti taʼu tokkotu jira; kunis qajeeltota waan hamootaaf malu argatanii fi hamoota waan qajeeltotaaf malu argatanii dha. Ani wanni kun faayidaa hin qabu nan jedha.
15 是に於て我喜樂を讃む 其は食飮して樂むよりも好き事は日の下にあらざればなり 人の勞して得る物の中是こそはその日の下にて神にたまはる生命の日の間その身に離れざる者なれ
Kanaafuu namaaf wanni aduudhaa gaditti nyaachuu, dhuguu fi gammaduu caalu tokko iyyuu sababii hin jirreef ani akka namni jireenyatti gammadu nan gorsa. Akkasiin bara jireenya isaa kan Waaqni aduudhaa gaditti kenneef hunda keessatti hojii isaa irratti gammachuun isa duukaa buʼa.
16 茲に我心をつくして智慧を知らんとし世に爲ところの事を究めんとしたり 人は夜も晝もその目をとぢて眠ることをせざるなり
Ani yommuun qalbii koo gara ogummaa beekuu fi hojii namni utuu iji isaa halkanii fi guyyaa hirriba hin argatin hojjetu ilaaluutti deebifadhetti,
17 我神の諸の作爲を見しが人は日の下におこなはるるところの事を究むるあたはざるなり 人これを究めんと勞するもこれを究むることを得ず 且又智者ありてこれを知ると思ふもこれを究むることあたはざるなり
waan Waaqni hojjete hunda nan arge. Namni tokko iyyuu waan aduudhaa gaditti taʼaa jiru hubachuu hin dandaʼu. Namni waan kana bira gaʼuuf tattaaffatu iyyuu hiikkaa isaa argachuu hin dandaʼu. Ogeessi waan beeku yoo of seʼe illee inni dhugumaan hubachuu hin dandaʼu.

< 伝道者の書 8 >