< 申命記 8 >

1 我が今日なんぢに命ずるところの諸の誡命を汝ら謹んで行ふべし然せば汝ら生ることを得かつ殖増しヱホバの汝の先祖等に誓たまひし地に入てこれを產業となすことを得ん
Isin akka lubbuun jiraattan, akka baayʼattanii fi akka biyya Waaqayyo kakuudhaan abbootii keessan abdachiise sanatti galtanii dhaaltaniif ajaja ani harʼa siif kennu hunda of eeggannaadhaan duukaa buʼaa.
2 汝記念べし汝の神ヱホバこの四十年の間汝をして曠野の路に歩ましめたまへり是汝を苦しめて汝を試驗み汝の心の如何なるか汝がその誡命を守るや否やを知んためなりき
Waaqayyo Waaqni kee gad si qabee si qoruudhaan waan garaa kee keessa jiru jechuunis akka ati ajajawwan isaa eegduu fi hin eegne beekuuf karaa inni waggoota afurtamman kanneen guutuu gammoojjii keessa si qajeelche yaadadhu.
3 即ち汝を苦しめ汝を饑しめまた汝も知ず汝の先祖等も知ざるところのマナを汝らに食はせたまへり是人はパン而已にて生る者にあらず人はヱホバの口より出る言によりて生る者なりと汝に知しめんが爲なり
Innis gad si deebisee si beelessee “mannaa” ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.
4 この四十年のあひだ汝の衣服は古びて朽ず汝の足は腫ざりし
Waggoota afurtamman kanneen keessa uffanni kee hin dhumne; miilli kees hin iitofne.
5 汝また心に念ふべし人のその子を懲戒ごとく汝の神ヱホバも汝を懲戒たまふなり
Akka Waaqayyo Waaqni kee akkuma abbaan ilma isaa adabatu akka si adabu beeki.
6 汝の神ヱホバの誡命を守りその道にあゆみてこれを畏るべし
Daandiiwwan isaa irra deemuu fi isa sodaachuudhaan ajajawwan Waaqayyo Waaqa keetii eegi.
7 汝の神ヱホバ汝をして美地に到らしめたまふ是は谷にも山にも水の流あり泉あり瀦水ある地
Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii kan lageen, haroowwanii fi burqaawwan sululootaa fi gaarran keessaa yaaʼaniitti si galchaatii.
8 小麥 大麥 葡萄 無花果および石榴ある地油 橄欖および蜜のある地
Biyya qamadii fi garbuu, wayinii fi harbuu, roomaanii, zayitii ejersaatii fi damma baasutti,
9 汝の食ふ食物に缺るところなく汝に何も乏しきところあらざる地なりその地の石はすなはち鐵その山よりは銅を掘とるべし
biyya ati hirʼina malee buddeena nyaattuu fi biyya ati keessaa homaa hin dhabne, biyya kattaan sibiila taʼe, biyya ati gaarran keessaa sibiila diimaa baasuu dandeessuu dha.
10 汝は食ひて飽き汝の神ヱホバにその美地を己にたまひし事を謝すべし
Yeroo nyaattee quuftutti, sababii Waaqayyo Waaqni kee biyya gaarii akkasii siif kenneef isa jajadhu.
11 汝わが今日なんぢに命ずるヱホバの誡命と律法と法度とを守らずして汝の神ヱホバを忘るるにいたらざるやう愼めよ
Ati akka ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eeguu baachuudhaan Waaqayyo Waaqa kee hin daganne of eeggadhu.
12 汝食ひて飽き美しき家を建て住ふに至り
Yoo kanaa achii yommuu nyaattee quuftutti, yommuu mana gaarii ijaarrattee keessa jiraattutti,
13 また汝の牛羊殖増し汝の金銀殖増し汝の所有みな殖増にいたらん時に
yommuu loonii fi bushaayeen kee wal horanii meetii fi warqeen kee dabaluu fi yommuu wanni ati qabdu hundi baayʼatutti,
14 恐くは汝心に驕りて汝の神ヱホバを忘れんヱホバは汝をエジプトの地奴隸たる家より導き出し
ati of tuultee Waaqayyo Waaqa kee isa biyya Gibxi, biyya garbummaatii baasee si fide sana ni dagatta.
15 汝をみちびきて彼の大にして畏るべき曠野すなはち蛇火の蛇蠍などありて水あらざる乾ける地を通り汝らのために堅き磐の中より水を出し
Inni gammoojjii balʼaa fi sodaachisaa, biyya dheebuutii fi kan bishaan hin qabne, biyya bofa hadhaa qabuu fi torbaanqabaan keessa guute sana keessa si deemsise. Kattaa jabaa keessaas bishaan siif burqisiise.
16 汝の先祖等の知ざるマナを曠野にて汝に食せたまへり是みな汝を苦しめ汝を試みて終に福祉を汝にたまはんとてなりき
Akka dhuma irratti sitti toluuf jedhee gad si qabuu fi si qoruudhaaf, waan takkumaa abbootiin kee hin beekin gammoojjii keessatti “mannaa” ati nyaattu siif kenne.
17 汝我力とわが手の動作によりて我この資財を得たりと心に謂なかれ
Ati, “Humna kootii fi jabina harka kootu qabeenya kana naaf argamsiise jettee” yaadda taʼa.
18 汝の神ヱホバを憶えよ其はヱホバ汝に資財を得の力をたまふなればなり斯したまふは汝の先祖等に誓し契約を今日の如く行はんとてなり
Garuu Waaqayyo Waaqa kee yaadadhu; kan akkuma harʼa jiru kanatti akka ati qabeenya horattuuf dandeettii siif kennee waadaa kakuudhaan abbootii keetiif gale sana siif eege isaatii.
19 汝もし汝の神ヱホバを忘れ果て他の神々に從がひ之に事へこれを拝むことを爲ば我今日汝らに證をなす汝らはかならず滅亡ん
Yoo ati Waaqayyo Waaqa kee irraanfattee waaqota biraa duukaa buute, yoo isaan waaqeffattee fi isaaniif sagadde akka isin dhugumaan baddan ani harʼa dhugaa isinitti nan baʼa.
20 ヱホバの汝らの前に滅ぼしたまひし國々の民のごとく汝らも滅亡べし是なんぢらの神ヱホバの聲に汝らしたがはざればなり
Akkuma Saboota Waaqayyo fuula keessan duraa balleesse sanaa Waaqayyo Waaqa keessaniif waan ajajamuu didaniif akkasuma isinis ni balleeffamtu.

< 申命記 8 >