< 申命記 3 >

1 斯てわれら身をめぐらしてバシヤンの路に上り行けるにバシヤンの王オグその民をことごとく率ゐ出てエデレイに戰はんとせり
Ergasiis deebinee karaa Baashaan qabannee ol baane; Oogi mootichi Baashaan immoo loltoota isaa guutuu wajjin Edreyiitti nuun wal loluuf gad baʼe.
2 時にヱホバわれに言たまひけらく彼を懼るるなかれ我かれとその一切の民とその地とを汝の手に付さん汝かのヘシボンに住たるアモリ人の王シホンになせし如く彼に爲べしと
Waaqayyos, “Waan ani isa, guutummaa loltoota isaatii fi biyya isaa illee dabarsee harka keetti kenneef isa hin sodaatin. Akkuma Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sana goote isa illee godhi” naan jedhe.
3 我らの神ヱホバすなはちバシヤンの王オグとその一切の民を我らの手に付したまひしかば我ら之を撃ころして一人をも遺さざりき
Waaqayyo Waaqni keenya Oogi mootii Baashaanii fi guutummaa loltoota isaa dabarsee harka keenyatti kenne. Nus utuu homaa hin hambisin isaan balleessine.
4 その時に我らこれが邑々をことごとく取り取ざる邑は一も有ざりきその取る邑は六十是すなはちアルゴブの地にしてバシヤンにおけるオグの國なり
Yeroo sanattis magaalaawwan isaa hunda qabanne. Magaalaawwan jaatama mootummaa Oogi mooticha Baashaan kanneen kutaa biyya Argobbi jala turan keessaa kan nu hin qabatin tokko iyyuu hin jiru.
5 この邑々はみな高き石垣あり門あり關ありて堅固なりき外にまた石垣あらざる邑甚だ多くありき
Magaalaawwan kunneen hundi dallaa dhagaa dhedheeroo, karraa fi danqaraa qabu turan; akkasumas magaalaawwan dallaa hin qabne baayʼeetu ture.
6 我らはヘシボンの王シホンになせし如く之を滅しその一切の邑の男女および兒童をことごとく滅せり
Nus akkuma Sihoon mootii Heshboon goone sana dhiirota, dubartootaa fi ijoollee tokkoo tokkoo magaalaawwanii guutumaan guutuutti barbadeessine.
7 惟その一切の家畜とその邑々よりの掠取物とはこれを獲てわれらの物となせり
Horii fi boojuu magaalaawwan isaanii keessaa saamne hunda garuu ofii keenyaaf fudhannee galle.
8 その時我らヨルダンの此旁の地をアルノン河よりヘルモン山までアモリ人の王二人の手より取り
Yeroo sanatti mootota Amoorotaa lamaan kana irraa karaa baʼa Yordaanos biyya Sulula Arnooniitii jalqabee hamma Tulluu Hermoonitti jiruu fudhanne.
9 (ヘルモンはシドン人これをシリオンと呼びアモリ人これをセニルと呼ぶ)
Siidoononnis Hermoon kana Siiriyoon jedhanii waamu; Amooronni immoo Seniiri jedhanii waamu.
10 すなはち平野の一切の邑ギレアデの全地バシヤンの全地サルカおよびエデレイなどバシヤンに於るオグの國をことごとく取り
Nus magaalaawwan dirree irratti argaman hunda, Giliʼaad hunda, Baashaanii hamma Salkaa fi Edreyiitti jiru hunda, magaalaawwan mootummaa Oogi kanneen Baashaan keessatti argaman hunda qabanne.
11 彼レバイムの遺れる者はバシヤンの王オグ只一人なりき彼の寝臺は鐵の寝臺なりき是は今なほアンモンの子孫のラバにあるに非ずや人の肘によれば是はその長九キユビトその寛四キユビトあり
Gosa Refaayimootaa keessaa Oogi mootii Baashaan qofatu hafe. Kunoo sireen isaa sibiila irraa hojjetamee dalga dheerinni isaa dhundhuma sagal balʼinni isaa immoo dhundhuma afur ture. Sireen kunis amma iyyuu Rabbaa Amoonotaa keessatti argama.
12 その時に我らこの地を獲たりしがアルノン河の邊なるアロエルよりの地とギレアデの山地の半とその中の邑々とは我これをルベン人とガド人に與へたり
Ani biyya yeroo sanatti qabanne keessaa biyya karaa Kaaba Aroʼeeriitiin qarqara Sulula Arnoon jirutti dabalee walakkaa biyya gaaraa Giliʼaad magaalaawwan isaa wajjin gosa Ruubeenii fi Gaadiif kenne.
13 またオグの國なりしギレアデの殘餘の地とバシヤンの全地とは我これをマナセの半支派に與へたりアルゴブの全地すなはちバシヤンの全體はレバイムの國と稱へらる
Biyya Giliʼaad kan hafee fi guutummaa Baashaan jechuunis mootummaa Oogi walakkaa gosa Minaaseetiifan kenne. Guutummaan kutaa Argobbi kan Baashaan keessaa sun biyya Refaayimootaa jedhamee beekama ture.
14 マナセの子ヤイルはアルゴブの全地を取てゲシユルの境界とマアカの境界にまで至り自分の名にしたがひてバシヤンをハヲテヤイルと名けたりその名今日にいたる
Yaaʼiir ilmi Minaasee immoo guutummaa kutaa Argobbi kan hamma daarii Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaatti jiru fudhate; biyyi sunis maqaa isaatiin moggaafame; kanaafuu Baashaan hamma harʼaatti Haaboot Yaaʼiir jedhama.
15 またマキルには我ギレアデを與へ
Giliʼaad immoo Maakiiriifan kenne.
16 ルベン人とガド人にはギレアデよりアルノン河までを與へその河の眞中をもて界となしまたアンモンの子孫の地の界なるヤボク河にまで至り
Walakkaa sulula isaa garuu daangaa gochuudhaan Giliʼaadii jalqabee hamma Sulula Arnoonitti, achii immoo bulchiinsa daangaa Amoonotaa kan hamma laga Yaaboqitti jiru gosa Ruubeenii fi Gaadiifan kenne.
17 またアラバおよびヨルダンとその邊の地をキンネレテよりアラバの海すなはち鹽海まで之にあたへて東の方ピスガの麓にいたる
Daangaan isaa karaa lixaatiin Yordaanos isa Arabbaa keessatti argamu sanaa dha; kunis Kinereetii jalqabee hamma Galaana Arabbaa kan Galaana soogiddaa jedhamuutti diriiree tabba Phisgaatii gaditti argama.
18 その時我なんぢらに命じて言り汝らの神ヱホバこの地を汝らに與へて產業となさしめたまへば汝ら軍人に身をよろひて汝らの兄弟なるイスラエルの子孫に先だちて渉りゆくべし
Anis yeroo sanatti akkana jedheen isin ajaje: “Waaqayyo Waaqni keessan akka dhaaltaniif lafa kana isiniif kenneera. Taʼus namoonni jajjaboon keessan hundi waraanaaf hidhatanii obboloota keessan Israaʼeloota dura gamatti ceʼuu qabdu.
19 但し汝らの妻と子女と家畜は我が汝らに與へし邑に止るべし我なんぢらが衆多の家畜を有を知なり
Garuu niitonni keessan, ijoolleen keessanii fi horiin keessan magaalaawwan ani isiniif kenne keessa haa turan; ani akka isin horii baayʼee qabdan beekaatii.
20 ヱホバなんぢらに賜ひしごとく汝らの兄弟にも安息を賜ひて彼らもまたヨルダンの彼旁にて汝らの神ヱホバにたまはるところの地を獲て產業となすに至らば汝らおのおの我なんぢらに與へし產業に歸るべし
Kunis hamma Waaqayyo akkuma isin boqochiise sana obboloota keessan boqochiisee isaaniinis lafa Waaqayyo Waaqni keessan Yordaanosiin gamatti isaaniif kennu sana dhaalanitti. Sana booddee tokkoon tokkoon keessan gara biyya ani dhaala isiniif kenneetti ni deebitu.”
21 かの時に我ヨシユアに命じて言り汝はこの二人の王に汝らの神ヱホバのおこなひたまふ所の事を目に視たりヱホバまた汝が往ところの諸の國にも斯のごとく行ひたまはん
Anis yeroo sanatti akkana jedhee Iyyaasuu ajaje: “Ati waan Waaqayyo Waaqni kee mootota kanneen lamaan godhe hunda ija keetiin argiteerta. Waaqayyo, mootummoota isin itti yaatan hundas akkasuma ni godha.
22 汝これを懼るる勿れ汝らの神ヱホバ汝らのために戰ひたまはんと
Isin isaan hin sodaatinaa; Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa isiniif lolaatii.”
23 當時われヱホバに求めて言り
Yeroo sanatti ani akkana jedhee Waaqayyoon nan kadhadhe;
24 主ヱホバよ汝は汝の大なる事と汝の強き手を僕に見すことを始めたまへり天にても地にても何の神か能なんぢの如き事業を爲し汝のごとき能力を有んや
“Yaa Waaqayyoo Gooftaa, ati guddina keetii fi harka kee jabaa sana garbicha keetti argisiisuu jalqabdeerta. Silaa kan hojii jabaa akkasii kan ati hojjettu hojjechuu dandaʼu Waaqa kamtu samii irra yookaan lafa irra jira?
25 願くは我をして渉りゆかしめヨルダンの彼旁なる美地美山およびレバノンを見ことを得させたまへと
Akka ani ceʼee biyyattii gaarii Yordaanos gama jirtu jechuunis biyya gaaraa gaarii sanaa fi Libaanoon argu naa eeyyami.”
26 然るにヱホバなんぢらの故をもて我を怒り我に聽ことを爲たまはずヱホバすなはち我に言たまひけるは旣に足りこの事を重て我に言なかれ
Waaqayyo garuu waan sababii keessaniif natti dheekkameef, na dhagaʼuu dide. Waaqayyo akkana naan jedhe; “Kun ni gaʼa; lammata waaʼee waan kanaa natti hin dubbatin.
27 汝ビスガの嶺にのぼり目を擧て西北南東を望み汝の目をもて其地を觀よ汝はヨルダンを濟ることを得ざるべければなり
Fiixee Phisgaatti ol baʼiitii gara lixaa fi kaabaa, gara kibbaa fi baʼaa ilaali. Ati waan Yordaanos hin ceeneef biyyattii ijuma keetiin ilaali.
28 汝ヨシユアに命じ之に力をつけ之を堅うせよ其はこの民を率ゐて渉りゆき之に汝が見るところの地を獲さする者は彼なればなりと
Garuu akka inni saba kana qajeelchee ceesisee akka isaan biyya ati ilaaltu kana dhaalan godhuuf Iyyaasuu ajaji; isa jajjabeessi; cimsis.”
29 かくて我らはベテベオルに對する谷に居る
Nu sulula Beet Pheʼoor bira jiru keessa turre.

< 申命記 3 >