< 申命記 18 >

1 祭司たるレビ人およびレビの支派は都てイスラエルの中に分なく產業なし彼らはヱホバの火祭の品とその產業の物を食ふべし
Luboonni warri Lewwota taʼan jechuunis gosti Lewwii hundi Israaʼel wajjin qooda lafaa yookaan dhaala hin argatan. Isaan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼaatu irraa haa nyaatan; kun qooda isaaniitii.
2 彼らはその兄弟の中間に產業を有じヱホバこれが產業たるたり即ちその曾て之に言たまひしが如し
Isaan obboloota isaanii gidduutti dhaala tokko iyyuu hin qabaatin; akkuma inni isaan abdachiisetti Waaqayyo dhaala isaaniitii.
3 祭司が民より受べき分は是なり即ち凡て犠牲を献ぐる者は牛にもあれ羊にもあれその肩と兩方の頬と胃とを祭司に與ふべし
Qoodni luboonni saba aarsaa kormaa yookaan hoolaa dhiʼeessu irraa argachuu malan foon harkaa, kan mangaagaatii fi miʼa garaa ti.
4 また汝の穀物と酒と油の初および羊の毛の初をも之にあたふべし
Mataa midhaan keetii, daadhii wayinii haaraa fi zayitii kee kan jalqabaa akkasumas suufii jalqabaa kan hoolaa kee irraa haaddu isaanii kennuu qabda;
5 其は汝の神ヱホバ汝の諸の支派の中より彼を選び出し彼とその子孫をして永くヱホバの名をもて立て奉事をなさしめたまへばなり
kunis sababii Waaqayyo Waaqni kee akka isaan yeroo hunda dhaabatanii maqaa Waaqayyootiin tajaajilaniif gosoota kee hunda keessaa sanyii isaanii filateef.
6 レビ人はイスラエルの全地の中何の處に居る者にもあれその寄寓たる汝の邑を出てヱホバの選びたま處に到るあらば
Lewwichi tokko yoo magaalaawwan kee kanneen guutummaa Israaʼel keessatti argaman kam iyyuu keessaa iddoo jiraatuu baʼee garaa guutuudhaan iddoo Waaqayyo Waaqni filatu dhufe,
7 その人はヱホバの前に侍るその諸兄弟のレビ人とおなじくその神ヱホバの名をもて奉事をなすことを得べし
innis akkuma Lewwota fuula Waaqayyoo dura dhaabatanii tajaajilaniitti achitti maqaa Waaqayyo Waaqa isaatiin haa tajaajilu.
8 その人の得て食ふ分は彼らと同じ但しその父の遺業を賣て獲たる物はこの外に彼に屬す
Inni qabeenya maatii isaa kan gurguramu irraa maallaqa argatu illee Lewwota michoota isaa wajjin faayidaa argamu wal qixxee hirmaachuu qaba.
9 汝の神ヱホバの汝に賜ふ池にいたるに及びて汝その國々の民の憎むべき行爲を倣ひ行ふなかれ
Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennutti galtutti, hojii balfamaa saboonni achi jiraatan hojjetan sana hojjechuu hin baratin.
10 汝らの中間にその男子女子をして火の中を通らしむる者あるべからずまた卜筮する者邪法を行なふ者禁厭する者魔術を使ふ者
Namni ilma isaa yookaan intala isaa ibiddatti aarsaa godhu, namni waa himu yookaan falfala hojjetu, namni milkii ilaalu, tolfattuun,
11 法印を結ぶ者憑鬼する者巫覡の業をなす者死人に詢ことをする者あるべからず
yookaan xibaartuun, ilaaltuun yookaan eker dubbistuun yookaan namni nama duʼe wajjin dubbatu tokko iyyuu gidduu keetti hin argamin.
12 凡て是等の事を爲す者はヱホバこれを憎たまふ汝の神ヱホバが彼らを汝の前より逐はらひたまひしも是等の憎むべき事のありしに因てなり
Namni waan akkasii hojjetu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; sababii hojii jibbisiisaa kanaatiifis Waaqayyo Waaqni fuula kee duraa saboota ariʼee ni baasa.
13 汝の神ヱホバの前に汝完き者たれ
Ati fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti hirʼina malee jiraachuu qabda.
14 汝が逐はらふ故の國々の民は邪法師卜筮師などに聽ことをなせり然ど汝には汝の神ヱホバ然する事を許したまはず
Saboonni ati lafa isaanii irraa buqqiftu warra falfala hojjetan yookaan warra ilaalanii dha. Garuu akka ati waan akkasii hojjettu Waaqayyo Waaqni kee siif hin eeyyamamne.
15 汝の神ヱホバ汝の中汝の兄弟の中より我のごとき一箇の預言者を汝のために興したまはん汝ら之に聽ことをすべし
Waaqayyo Waaqni kee obboloota kee keessaa raajii akka kootii tokko siif kaasa. Atis isa dhagaʼuu qabda.
16 是まったく汝が集會の日にホレブにおいて汝の神ヱホバに求めたる所なり即ち汝言けらく我をして重てこの我神ヱホバの聲を聞しむる勿れまた重てこの大なる火を見さする勿れ恐くは我死んと
Wanni ati gaafa waldaan Kooreebitti walitti qabame, “Ani akka hin duuneef lammata sagalee Waaqayyo Waaqa kootii hin dhagaʼu yookaan ibidda guddaa kana siʼachi hin argu” jettee Waaqayyoon Waaqa kee kadhatte kanaatii.
17 是においてヱホバ我に言たまひけるは彼らの言る所は善し
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Wanni isaan jedhan gaarii dha.
18 我かれら兄弟の中より汝のごとき一箇の預言者を彼らのために興し我言をその口に授けん我が彼に命ずる言を彼ことごとく彼らに告べし
Ani raajii akka keetii obboloota isaanii gidduudhaa isaaniif nan kaasa; dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa; innis waan ani isa ajaju hunda isaanitti hima.
19 凡て彼が吾名をもて語るところの吾言に聽したがはざる者は我これを罰せん
Nama dubbii koo kan raajiin maqaa kootiin dubbatu dhagaʼuu didu kam iyyuu, ani mataan koo isa nan gaafadha.
20 但し預言者もし我が語れと命ぜざる言を吾名をもて縦肆に語りまたは他の神々の名をもて語ることを爲すならばその預言者は殺さるべし
Garuu raajiin waan maqaa kootiin dubbatu fakkeessee waan ani akka inni dubbatu isa hin ajajin kam iyyuu dubbatu yookaan kan maqaa waaqota biraatiin dubbatu haa ajjeefamu.”
21 汝あるひは心に謂ん我ら如何にしてその言のヱホバの言たまふ者にあらざるを知んと
Ati garaa keetti, “Nu dubbii Waaqayyo nutti hin dubbatin akkamitti beekuu dandeenya?” jetta taʼa.
22 然ば若し預言者ありてヱホバの名をもて語ることをなすにその言就ずまた效あらざる時は是ヱホバの語りたまふ言にあらずしてその預言者が縦肆に語るところなり汝その預言者を畏るるに及ばす
Yoo wanni raajiin tokko maqaa Waaqayyootiin dubbate utuu hin guutamin hafe, dubbiin sun dubbii Waaqayyo hin dubbatinii dha. Raajiin sun itti fakkeessee dubbateeraatii isa hin sodaatin.

< 申命記 18 >