< 申命記 13 >

1 汝らの中に預言者あるひは夢者興りて徴證と奇蹟を汝に見し
Yoo raajiin yookaan namni abjuudhaan waan dhufaa jiru himu tokko gidduu keessanitti argamee mallattoowwan yookaan dinqii isinitti hime,
2 汝に告て我らは今より汝と我とが是まで識ざりし他の神々に從ひて之に事へんと言ことあらんにその徴證または奇蹟これが言ごとく成とも
yoo mallattoon yookaan dinqii inni isinitti hime sun raawwatamee innis, “Kottu waaqota biraa kanneen ati duraan hin beekne duukaa buunee haa waaqeffannu” siin jedhe,
3 汝その預言者または夢者の言に聽したがふ勿れ其は汝等の神ヱホバ汝らが心を盡し精神を盡して汝らの神ヱホバを愛するや否やを知んとて斯なんぢらを試みたまふなればなり
ati dubbii raajii yookaan nama abjootu sanaa hin dhaggeeffatin; Waaqayyo Waaqni kee akka isin garaa keessan guutuu fi yaada keessan guutuudhaan isa jaallattan qoruuf waan kana godhaatii.
4 汝らは汝らの神ヱホバに從ひて歩み之を畏れその誡命を守りその言に遵ひ之に事へこれに附從ふべし
Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.
5 その預言者または夢者をば殺すべし是は彼汝らをして汝らをエジプトの國より導き出し奴隸の家より贖ひ取たる汝らの神ヱホバに背かせんとし汝の神ヱホバの汝に歩めと命ぜし道より汝を誘ひ出さんとして語るに因てなり汝斯して汝の中より惡を除き去べし
Raajaan yookaan namichi abjuu abjootu sun, sababii akka isin Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxiitii isin baasee biyya garbummaa jalaa isin fure sanatti finciltan dubbateef ajjeefamuu qaba; inni karaa Waaqayyo Waaqni keessan akka duukaa buutan isin ajaje irraa isin jalʼisuuf yaaleera; hamaa of keessaa balleessi.
6 汝の母の生る汝の兄弟または汝の男子女子または汝の懐の妻または汝と身命を共にする汝の友潜に汝を誘ひて言あらん汝も汝の先祖等も識ざりし他の神々に我ら往て事へん
Yoo obboleessi kee yookaan ilmi kee yookaan intalli kee yookaan niitiin kee kan ati jaallattu yookaan michuun kee, “Kottu waaqota biraa kanneen atis taatu abbootiin kee hin beekin waaqeffannaa” jedhee dhoksaadhaan si dogoggorsuu barbaade,
7 即ち汝の周圍にある國々の神の或は汝に近く或は汝に遠くして地の此極より地の彼極までに鎮り坐る者に我ら事へんと斯言ことあるとも
yoo inni waaqota saboota naannoo keetii, kanneen dhiʼoo yookaan fagoo jiran, warra daarii lafaa tokkoo hamma daarii lafaa kaaniitti jiranii waaqeffanna, siin jedhe,
8 汝これに從ふ勿れ之に聽なかれ之を惜み視る勿れ之を憐むなかれ之を庇ひ匿す勿れ
tole hin jedhiniif yookaan isa hin dhagaʼin. Hin naʼiniif. Isaaf hin hilin yookaan harka irra hin qabin.
9 汝かならず之を殺すべし之を殺すには汝まづ之に手を下し然る後に民みな手を下すべし
Ati isa ajjeesuu qabda. Isa ajjeesuufis jalqabatti harki kee, itti aansees harki saba hundaa haa kaʼu.
10 彼はエジプトの國奴隸の家より汝を導き出したまひし汝の神ヱホバより汝を誘ひ離さんと求めたれば汝石をもて之を撃殺すべし
Waan inni akka ati Waaqayyo Waaqa kee kan Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana irraa garagaltu godheef dhagaadhaan tumii isa ajjeesi.
11 然せばイスラエルみな聞て懼れ重ねて斯る惡き事を汝らの中に行はざらん
Ergasii Israaʼeloonni hundi dhagaʼanii ni sodaatu; si gidduudhaas eenyu iyyuu deebiʼee waan hamaa akkasii hin hojjetu.
12 汝聞に汝の神ヱホバの汝に與へて住しめたまへる汝の邑の一に
Yoo ati magaalaawwan akka ati keessa jiraattuuf Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessaa tokkotti iyyuu utuu akkas jedhamuu dhageesse,
13 邪僻なる人々興り我らは今まで識ざりし他の神々に往て事へんと言てその邑に住む人を誘ひ惑はしたりと言あらば
yoo namoonni hamoon isin gidduudhaa kaʼanii, “Kottaa waaqota biraa kanneen isin hin beekne waaqeffannaa” jedhanii saba magaalaa isaanii dogoggorsu taʼe,
14 汝これを尋ね探り善問べし若その事眞にその言確にして斯る憎むべき事汝らの中に行はれたらば
dubbii sana iyyaafadhu; qoradhu; sirriitti gaafadhu. Kunoo, yoo dubbiin sun dhugaa taʼee wanni jibbisiisaan kun gidduu keetti hojjetamuun isaa mirkanaaʼe,
15 汝かならずその邑に住む者を刃にかけて撃ころしその邑とその中に居る一切の者およびその家畜を刃にかけて盡く撃ころすべし
ati namoota magaalaa sana keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixi; magaalaa sana illee namoota isheetii fi horii ishee wajjin guutumaan guutuutti barbadeessi.
16 またその中より獲たる掠取物は凡てこれをその衢に集め火をもてその邑とその一切の掠取物をことごとく焚て汝の神ヱホバに供ふべし是は永く荒邱となりて再び建なほさるること無るべきなり
Miʼa boojuu kan magaalaa sanaa argame hunda walakkaa oobdii isheetti walitti qabiitii magaalaa sana guutuu boojuu ishee wajjin Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa guutummaan gubamu godhiitii gubi. Isheen bara baraan barbadooftee haa haftu; deebitees hin ijaaramin.
17 斯汝この詛はれし物を少許も汝の手に附おく勿れ然せばヱホバその烈しき怒を靜め汝に慈悲を加へて汝を憐れみ汝の先祖等に誓ひしごとく汝の數を衆くしたまはん
Akka Waaqayyo dheekkamsa isaa sodaachisaa irraa deebiʼuuf wanni abaarame tokko harka keetti hin argamin; inni siif araarama; garaa siif laafa; akkuma abbootii keetiif kakatetti si baayʼisa;
18 汝もし汝の神ヱホバの言を聽き我が今日なんぢに命ずるその一切の誡命を守り汝の神ヱホバの善と觀たまふ事を行はば是のごとくなるべし
kunis waan ati ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu hunda eegdee fuula isaa duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtuuf.

< 申命記 13 >