< 申命記 11 >

1 然ば汝の神ヱホバを愛し常にその職守と法度と律法と誡命とを守るべし
Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu; yeroo hundas fedhii isaa, qajeelchawwan isaa, seerawwan isaatii fi ajajawwan isaa eegi.
2 汝らの子女は知ずまた見ざれば我これに言ず惟汝らに言ふ汝らは今日すでに汝らの神ヱホバの懲戒とその大なる事とその強き手とその伸たる腕とを知り
Kan adabbii Waaqayyo Waaqa keessanii, surraa isaa, harka isaa jabaa fi irree isaa kan diriirfame beeke yookaan arge isinuma malee akka ijoollee keessan hin taʼin harʼa yaadadhaa.
3 またそのエジプトの中においてエジプト王パロとその全國にむかひておこなひたまひし徴證と行爲とを知り
Mallattoowwanii fi wantoota inni Gibxi keessatti Faraʼoon mootii Gibxii fi biyya isaa guutuu irratti hojjete,
4 またヱホバがエジプトの軍勢とその馬とその車とに爲たまひし事すなはち彼らが汝らの後を追きたれる時に紅海の水を彼らの上に覆ひかからしめ之を滅ぼして今日までその跡方なからしめし事を知り
waan inni loltoota Gibxi, fardeenii fi gaariiwwanis godhe, utuma isaan isin duukaa buʼanuu akka inni Galaana Diimaadhaan isaan haguuge, akka itti Waaqayyo badiisa bara baraa isaanitti fide yaadadhaa.
5 また此處にいたるまで曠野に於て汝らに爲たまひし事等を知り
Waan inni hamma isin iddoo kana geessanitti lafa gammoojjii keessatti isiniif godhe kan arge ijoollee keessan miti;
6 またそのルベンの子孫なるエリアブの子等ダタンとアビラムに爲たまひし事すなはちイスラエルの全家の眞中において地その口を啓きて彼らとその家族とその天幕とその足下に立つ者とを呑つくしし事を知なり
isaan waan inni gaafa lafti afaan ishee banattee guutummaa Israaʼel gidduutti Daataanii fi Abiiraam ilmaan Eliiyaab namicha gosa Ruubeen sana maatii isaanii wajjin, dunkaanota isaaniitii fi qabeenya isaanii kan lubbuu qabu hunda liqimsitetti isaan godhe hin argine.
7 即ち汝らはヱホバの行ひたまひし此諸の大なる作爲を目に覩たり
Iji keessan garuu waan guddaa Waaqayyo godhe kanneen hunda argeera.
8 然ば汝ら我今日汝らに命ずる誡命を盡く守るべし然せば汝らは強くなり汝らが濟りゆきて獲んとする地にいりて之を獲ことを得
Kanaafuu isin akka Yordaanosiin ceetanii biyya dhaaluuf jirtanitti galuuf jabaattaniif ajajawwan ani harʼa isinii kennu hunda eegaa;
9 またヱホバが汝らと汝らの後の子孫にあたへんと汝らの先祖等に誓たまひし地乳と蜜との流るる國において汝らの日を長うすることを得ん
kunis akka isin biyya Waaqayyo abbootii keessanii fi sanyii isaaniitiif kennuuf kakate kan aannanii fi damma baasu sana keessatti bara dheeraa jiraattaniif.
10 汝らが進みいりて獲んとする地は汝らが出來りしエジプトの地のごとくならず彼處にては汝ら種を播き足をもて之に灌漑げりその状蔬菜園におけるが如し
Biyyi ati dhaaluuf itti galaa jirtu kun akka biyya Gibxi kan ati keessaa baatee dhufte kan ati akkuma lafa biqiltuutti sanyii kee facaaftee miilla keetiin bishaan obaafte sanaa miti.
11 然ど汝らが濟りゆきて獲ところの地は山と谷の多き地にして天よりの雨水を吸ふなり
Biyyi ati Yordaanos ceetee dhaaltu kun garuu biyya tulluuwwanii fi sululawwanii kan samiidhaa bokkaa argatuu dha.
12 その地は汝の神ヱホバの顧みたまふ者にして年の始より年の終まで汝の神ヱホバの目常にその上に在り
Biyyi kun biyya Waaqayyo Waaqni kee kunuunsuu dha; jalqaba waggaatii hamma dhuma waggaattis iji Waaqayyo Waaqa keetii ishee irraa hin buqqaʼu.
13 汝らもし我今日なんぢらに命ずる吾命令を善守りて汝らの神ヱホバを愛し心を盡し精神を盡して之に事へなば
Yoo ajajawwan ani harʼa isiniif kennu amanamummaadhaan eegdan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattanii garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltan,
14 我なんぢらの地の雨を秋の雨春の雨ともに時に隨ひて降し汝らをしてその穀物を收入しめ且酒と油を獲せしめ
akka ati midhaan kee, wayinii keetii fi zayitii kee galfattuuf ani yeroo isaatti bokkaa birraatii fi bokkaa arfaasaa lafa keetti nan roobsa.
15 また汝の家畜のために野に草を生ぜしむべし汝は食ひて飽ん
Loon keetiif marga bakkee nan kenna; atis nyaattee quufta.
16 汝ら自ら愼むべし心迷ひ翻へりて他の神々に事へこれを拝む勿れ
Of eeggadhaa! Yoo kanaa achii isin akka garagaltanii waaqota biraa waaqeffattanii fi isaaniifis sagaddan gowwoomfamtu.
17 恐くはヱホバ汝らにむかひて怒を發して天を閉たまひ雨ふらず地物を生ぜずなりて汝らそのヱホバに賜れる美地より速かに滅亡るに至らん
Ergasii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; innis akka bokkaan hin roobne, laftis oomisha hin kennineef samiiwwan ni cufa; isinis biyya gaarii Waaqayyo isiniif kennu irraa daftanii ni baddu.
18 汝ら是等の我言を汝らの心と魂との中に蔵めまた之を汝らの手に結びて徴となし汝らの目の間におきて誌となし
Dubbiiwwan koo kanneen garaa fi qalbii keessanitti qabadhaa; akka mallattootti harkatti hidhadhaa; adda keessan irrattis maxxanfadhaa.
19 之をなんぢらの子等に敎へ家に坐する時も路を歩む時も寝る時も興る時もこれを語り
Ijoollee keessanis barsiisaa; yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
20 また汝の家の柱となんぢの門に之を書記べし
Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi;
21 然せばヱホバが汝らの先祖等に與へんと誓ひたまひし地に汝らのをる日および汝らの子等のをる日は數多くして天の地を覆ふ日の久きが如くならん
kunis akka umuriin keessanii fi umuriin ijoollee keessanii biyya Waaqayyo abbootii keessaniif kennuuf kakate keessatti akkuma umurii samiiwwan lafaa oli jiraniitti dheeratuuf.
22 汝らもし我が汝らに命ずる此一切の誡命を善く守りてこれを行ひ汝等の神ヱホバを愛しその一切の道に歩み之に附從がはば
Yoo isin ajajawwan ani isiniif kennu kanneen hunda of eeggannoodhaan duukaa buutan jechuunis yoo isin Waaqayyo Waaqa keessan jaallattan, karaa isaa hunda irra deemtanii fi isatti maxxantan,
23 ヱホバこの國々の民をことごとく汝らの前より逐はらひたまはん而して汝らは己よりも大にして能力ある國々を獲にいたるべし
Waaqayyo saboota hunda fuula keessan duraa ariʼee ni baasa; isinis saboota isin caalaa gurguddaa fi jajjaboo ni dhaaltu.
24 凡そ汝らが足の蹠にて踏む處は皆汝らの有とならん即ち汝らの境界は曠野よりレバノンに亘りまたユフラテ河といふ河より西の海に亘るべし
Lafti miilli keessan irra dhaabate hundinuu keessan taʼa; daariin keessanis gammoojjiidhaa hamma Libaanoonitti, laga Efraaxiisii hamma galaana lixaatti ni balʼata.
25 汝らの前に立ことを得る人あらじ汝らの神ヱホバ汝らが踏いるところの地の人々をして汝らを怖ぢ汝らを畏れしめたまふこと其嘗て汝らに言たまひし如くならん
Namni kam iyyuu fuula keessan dura dhaabachuu hin dandaʼu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma isin abdachiisetti rifachiisuu fi sodaachisuu keessan lafa isin dhaqxan hunda irra ni buusa.
26 視よ我今日汝らの前に祝福と呪詛とを置く
Kunoo, ani harʼa eebbaa fi abaarsa fuula keessan dura nan kaaʼa;
27 汝らもし我が今日なんぢらに命ずる汝らの神ヱホバの誡命に遵はば祝福を得ん
eebbi kunis yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii kanneen ani harʼa isiniif kennu eegdanii dha.
28 汝らもし汝らの神ヱホバの誡命に遵はず翻へりて我が今日なんぢらに命ずる道を離れ素知ざりし他の神々に從がひなば呪詛を蒙らん
Abaarsi immoo yoo isin ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼuu diddanii karaa ani harʼa isin ajaje irraa garagaltanii waaqota biraa kanneen isin duraan hin beekne duukaa buutanii dha.
29 汝の神ヱホバ汝が往て獲んとする地に汝を導きいりたまふ時は汝ゲリジム山に祝福を置きエバル山に呪詛をおくべし
Yommuu Waaqayyo Waaqni kee biyya ati dhaaluuf itti galtu kanatti si fidutti Tulluu Gerziim irratti eebba, Tulluu Eebaal irratti immoo abaarsa labsita.
30 この二山はヨルダンの彼旁アラバに住るカナン人の地において日の出る方の道の後にありギルガルに對ひてモレの橡樹と相去こと遠らざるにあらずや
Tulluuwwan kunneen Yordaanos gamatti, karaa gara lixa biiftuutti geessuun gama lixaatti, muka Mooree guddicha biratti, biyya Kanaʼaanota Arabbaa keessa jiraatan keessatti fuullee Gilgaalitti argamu mitii?
31 汝らはヨルダンを濟り汝らの神ヱホバの汝らに賜ふ地に進みいりて之を獲んとす必ずこれを獲て其處に住ことを得ん
Isin biyya Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kennu seentanii dhaaluuf Yordaanosin ceʼuudhaaf jirtu; yommuu lafa sana dhaaltanii irra jiraattanitti,
32 然ば我が今日なんぢらに授くるところの法度と律法を汝らことごとく守りて行ふべし
ajajawwanii fi seerawwan ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu hunda eegaa.

< 申命記 11 >