< ダニエル書 2 >

1 ネブカデネザルの治世の二年にネブカデネザル夢を見それがために心に思ひなやみて復睡ること能はざりき
Nebukadnezar bara mootummaa isaa keessa, waggaa lammaffaatti abjuu abjoote; hafuurri isaa jeeqamee hirribas rafuu dadhabe.
2 是をもて王は命を下し王のためにその夢を解せんとて博士と法術士と魔術士とカルデヤ人とを召しめたれば彼ら來りて王の前に立つ
Kanaafuu mootichi akka isaan abjuu inni abjoote sana itti himaniif tolchitoota, mortoota, falfaltootaa fi warra urjii ilaalan waamsise; isaanis ol galanii fuula isaa dura dhadhaabatan;
3 王すなはち彼らにむかひ我夢を見その夢の義を知んと心に思ひなやむと言ければ
mootichis, “Ani abjuu na dhiphise tokko nan abjoodhe; hiikkaa abjuu sanaa maal akka taʼe beekuu nan barbaada” jedheen.
4 カルデヤ人等スリア語をもて王に申しけるは願くは王長壽かれ請ふ僕等にその夢を語りたまへ我らその解明を進めたてまつらんと
Kana irratti warri urjii ilaalan sun afaan Araamaayikiitiin mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee tajaajiltoota keetti himi; nu siif hiiknaa” jedhanii mootichaaf deebisan.
5 王こたへてカルデヤ人に言けるは我すでに命を出せり汝等もしその夢とこれが解明とを我に示さざるにおいては汝らの身は切裂れ汝らの家は厠にせられん
Mootichis warra urjii ilaalan sanaan akkana jedhe; “Ani waan kana murteesseera: Yoo isin abjuu koo fi hiikkaa isaa natti himuu baattan ani isinan kukkuta; manneen keessanis tuulaa waan diigamee taʼu.
6 又汝らもしその夢とこれが解明を示さば贐物と賞賚と大なる尊榮とを我より獲ん然ばその夢と之が解明を我に示せ
Garuu yoo abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himtan isin kennaa, badhaasaa fi ulfina guddaa narraa argattu. Kanaafuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himaa.”
7 彼らまた對へて言けるは願くは王僕どもにその夢を語りたまへ然ば我らその解明を奏すべしと
Isaan amma illee deebisanii, “Mootichi abjuu isaa tajaajiltoota isaatti haa himu; nu ni hiiknaaf” jedhan.
8 王こたへて言けるは我あきらかに知る汝らは吾命の下りしを見るが故に時を延さんことを望むなり
Kana irratti mootichi akkana jedhee deebiseef; “Ani akka isin sababii waan ani cimsee murteesse beektaniif, akka isin yeroo dheeressuu yaalaa jirtan hubadheera:
9 汝らもしその夢を我に示さずば汝らを處置するの法は只一のみ汝らは相語らひて虚言と妄誕なる詞を我前にのべて時の變るを待んとするなり汝ら今先その夢を我に示せ然すれば汝らがその解明をも我にしめし得ることを我しらんと
Yoo isin abjuu sana natti himuu baattan, adabbii tokkotu isin eeggata. Isin waan haalli geeddaramu seetanii dubbii dogoggorsaa fi hamaa natti himuu mariʼattaniirtu. Kanaafuu abjuu sana natti himaa; anis akka isin hiikkaa isaa natti himuu dandeessan kanaan nan beekaa.”
10 カルデヤ人等こたへて王の前に申しけるは世の中には王のその事を示し得る人一箇もなし是をもて王たる者主たる者君たる者等の中に斯る事を博士または法術士またはカルデヤ人に問たづねし者絶てあらざるなり
Warri urjii ilaalan sunis akkana jedhanii mootichaaf deebise; “Namni waan mootichi gaafate kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu lafa irratti hin argamu! Mootiin kam iyyuu hammuma fedhee guddaa fi jabaa taʼu illee tolchituu, moortuu yookaan warra urjii ilaalu kam iyyuu gaaffii akkanaa gaafatee hin beeku.
11 王の問たまふその事は甚だ難し肉身なる者と共に居ざる神々を除きては王の前にこれを示すことを得る者無るべしと
Wanni mootichi gaafate akka malee rakkisaa dha. Waaqota malee namni tokko iyyuu waan kana mootichaaf ibsuu hin dandaʼu; isaan immoo namoota gidduu hin jiraatan.”
12 斯りしかば王怒を發し大に憤りバビロンの智者をことごとく殺せと命じたり
Wanni kunis mooticha akka malee aarse; isa dallansiisees akka inni ogeeyyii Baabilon hundatti murtii duʼaa muru godhe.
13 即ち此命くだりければ智者等は殺されんとせり又ダニエルとその同僚をも殺さんともとめたり
Kanaafuu akka namoonni ogeeyyiin hundi ajjeefaman labsiin baʼe; namoonnis akka Daaniʼelii fi michoota isaa barbaadanii ajjeesaniif ergaman.
14 茲に王の侍衛の長アリオク、バビロンの智者等を殺さんとて出きたりければダニエル遠慮と智慧とをもて之に應答せり
Yommuu Ariyook itti gaafatamaan eegumsa mootichaa namoota Baabilon ogeeyyii ajjeesuuf baʼetti, Daaniʼel ogummaa fi malaan isa haasofsiise.
15 すなはち王の高官アリオクに對へて言けるは王なにとて斯すみやかにこの命を下したまひしやとアリオクその事をダニエルに告しらせたれば
Innis qondaala mootichaatiin, “Mootichi maaliif labsii cimaa akkasii baase?” jedhee gaafate. Ariyookis waan sana Daaniʼelitti hime.
16 ダニエルいりて王に乞求めて言ふ暫くの時日を賜へ然ばその解明を王に奏せんと
Kana irratti Daaniʼel ol seenee akka abjuu sana isaaf hiikuuf akka mootichi yeroo isaa kennu gaafate.
17 斯てダニエルその家にかへりその同僚ハナニヤ、ミシヤエルおよびアザリヤにこの事を告しらせ
Ergasii Daaniʼel gara mana isaatti deebiʼee waan sana michoota isaa Hanaaniyaatti, Miisaaʼelii fi Azariyaatti hime.
18 共にこの秘密につき天の神の憐憫を乞ひダニエルとその同僚等をしてその他のバビロンの智者とともに滅びさらしめんことを求めたりしが
Kanaafuu akka innii fi michoonni isaa ogeeyyiin Baabilon kaan hin ajjeefamneef akka isaan waaʼee icciitii kanaa Waaqa samii araara kadhatan isaan akeekkachiise.
19 ダニエルつひに夜の異象の中にこの秘密を示されければダニエル天の神を稱賛ふ
Halkan sanas icciitiin sun mulʼataan Daaniʼelitti mulʼifame. Ergasiis Daaniʼel Waaqa samii galateeffatee
20 即ちダニエル應へて言けるは永遠より永遠にいたるまでこの神の御名は讃まつるべきなり智慧と權能はこれが有なればなり
akkana jedhe: “Maqaan Waaqaa bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu; ogummaanii fi humni kan isaa ti.
21 彼は時と期とを變じ王を廢し王を立て智者に智慧を與へ賢者に知識を賜ふ
Inni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.
22 彼は深妙秘密の事を顯し幽暗にあるところの者を知たまふまた光明彼の裏にあり
Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; waan dukkana keessa jiru ni beeka; ifnis isa wajjin jiraata.
23 わが先祖等の神よ汝は我に智慧と權能を賜ひ今われらが汝に乞求めたるところの事を我にしめし給へば我感謝して汝を稱賛ふ即ち汝は王のかの事を我らに示したまへり
Yaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; waan nu si kadhanne na beeksifteerta; ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.”
24 是においてダニエルは王がバビロンの智者等を殺すことを命じおけるアリオクの許にいたり即ちいりてこれに言けるはバビロンの智者等を殺す勿れ我を王の前に引いたれよ我その解明を王に奏上ぐべしと
Daaniʼelis Ariyook isa mootichi akka inni ogeeyyii Baabilon ajjeesuuf ajaje sana bira deemee, “Ati ogeeyyii Baabilon hin ajjeesin. Mooticha biratti na geessi; ani abjuu isaa nan hiikaaf” jedheen.
25 アリオクすなはちダニエルを引て急ぎ王の前にいたり王にまうしけるは我ユダの俘囚人の中に一箇の人を得たり是者その解明を王にまうしあげん
Ariyookis Daaniʼelin mooticha bira geessee, “Ani boojiʼamtoota Yihuudaa keessaa nama hiikkaa abjuu mootichaa himuu dandaʼu tokko argeera” jedheen.
26 王こたへてベルテシヤザルと名くるダニエルに言けるは汝は我が見たる夢とその解明とを我に知らすることを得るやと
Mootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, “Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?” jedhe.
27 ダニエルすなはち應へて王の前に言けるは王の問たまふ秘密は智者法術士博士卜筮師など之を王に奏上ぐることを得ず
Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru;
28 然ど天に一の神ありて秘密をあらはし給ふ彼後の日に起らんところの事の如何なるかをネブカデネザル王にしらせたまふなり汝の夢汝が牀にありて想見たまひし汝の腦中の異象は是なり
garuu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
29 王よ汝牀にいりし時將來の事の如何を想ひまはしたまひしが秘密を顯す者將來の事の如何を汝にしめし給へり
“Yaa mooticha utuu ati ciiftee jirtuu wanni gara fuula duraatti taʼuuf jiru yaada keetti dhufe; inni icciitii mulʼisus waan fuula duratti taʼu sitti argisiise.
30 我がこの示現を蒙れるは凡の生る者にまさりて我に智慧あるに由にあらず唯その解明を王に知しむる事ありて王のつひにその心に想ひたまひし事を知にいたり給はんがためなり
Yaa mootii, akka kootti sababiin icciitiin kun natti mulʼateef ani namoota jiraatoo kaan caalaa ogummaa qabaadheef utuu hin taʼin, akka ati hiikkaa isaa beektee waan yaada kee keessa jiru hubattuuf.
31 王よ汝は一箇の巨なる像の汝の前に立るを見たまへり其像は大くしてその光輝は常ならずその形は畏ろしくあり
“Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture.
32 其像は頭は純金 胸と兩腕とは銀 腹と腿とは銅
Mataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman;
33 脛は鐵 脚は一分は鐵一分は泥土なり
miilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame.
34 汝見て居たまひしに遂に一箇の石人手によらずして鑿れて出でその像の鐵と泥土との脚を撃てこれを碎けり
Utuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse.
35 斯りしかばその鐵と泥土と銅と銀と金とは皆ともに碎けて夏の禾場の糠のごとくに成り風に吹はらはれて止るところ無りき而してその像を撃たる石は大なる山となりて全地に充り
Ergasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute.
36 是その夢なり我らその解明を王の前に陳ん
“Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna.
37 王よ汝は諸王の王にいませり即ち天の神汝に國と權威と能力と尊貴とを賜へり
Yaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;
38 また人の子等野の獣畜および天空の鳥は何處にをる者にもあれ皆これを汝の手に與へて汝にこれをことごとく治めしめたまふ汝はすなはち此金の頭なり
inni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti.
39 汝の後に汝に劣る一の國おこらんまた第三に銅の國おこりて全世界を治めん
“Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha.
40 第四の國は堅きこと鐵のごとくならん鐵は能く萬の物を毀ち碎くなり 鐵の是等をことごとく打碎くがごとく其國は毀ちかつ碎くことをせん
Dhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa.
41 汝その足と足の趾を見たまひしに一分は陶人の泥土一分は鐵なりければその國は分裂たる者ならん又汝鐵と粘土との混和たるを見たまひたればその國は鐵のごとく強からん
Akkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata.
42 その足の趾の一分は鐵一分は泥土なりしごとくその國は強きところもあり脆きところも有ん
Akkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa.
43 汝が鐵と粘土との混りたるを見たまひしごとく其等は人草の種子と混らん然ど鐵と泥土との相合せざるごとく彼と此と相合すること有じ
Akkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu.
44 この王等の日に天の神一の國を建たまはん是は何時までも滅ぶること無らん此國は他の民に歸せず却てこの諸の國を打破りてこれを滅せん是は立ちて永遠にいたらん
“Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata.
45 かの石の人手によらずして山より鑿れて出で鐵と銅と泥土と銀と金とを打碎きしを汝が見たまひしは即ちこの事なり大御神この後に起らんところの事を王にしらせたまへるなりその夢は眞にしてこの解明は確なり
Hiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”
46 是においてネブカデネザル王は俯伏てダニエルを拝し禮物と香をこれに献ぐることを命じたり
Nebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje.
47 而して王こたへてダニエルに言けるは汝がこの秘密を明かに示すことを得たるを見れば誠に汝らの神は神等の神王等の主にして能く秘密を示す者なりと
Mootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe.
48 かくて王はダこエルに高位を授け種々の大なる賜物を與へてこれをバビロン全州の總督となしまたバビロンの智者等を統る者の首長となせり
Ergasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude.
49 王またダニエルの願によりてシヤデラクとメシヤクとアベデネゴを擧てバビロン州の事務をつかさどらしめたりダニエルは王の宮にをる
Daaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe.

< ダニエル書 2 >