< アモス書 4 >

1 バシヤンの牝牛等よ汝ら此言を聽け 汝らはサマリヤの山に居り弱者を虐げ貧者を壓し又その主にむかひて此に持きたりて我らに飮せよと言ふ
Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan dubbii kana dhagaʼaa.
2 主ヱホバ己の聖を指し誓ひて云ふ 視よ日汝らの上に臨む その日には人汝らを鈎にかけ汝等の遺餘者を釣魚鈎にかけて曳いださん
Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee qulqullummaa isaatiin kakateera: “Yeroon isin itti hokkoodhaan, isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin qabamu tokko dhugumaan ni dhufa.
3 汝らは各々その前なる石垣の破壞たる處より奔出てハルモンに逃往ん ヱホバこれを言ふ
Isin tokko tokkoon qajeeltanii qaawwa dallaatiin ni baatu; gara Harmoonittis ni darbatamtu” jedha Waaqayyo.
4 汝らベテルに往て罪を犯しギルガルに往て益々おほく罪を犯せ 朝ごとに汝らの犠牲を携へゆけ 三日ごとに汝らの什一を携へゆけ
“Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa harka tokko fidaa.
5 酵いれたる者を感謝祭に獻げ願意よりする禮物を召てこれを告示せ イスラエルの子孫よ 汝らは斯するを好むなりと主ヱホバ言たまふ
Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, ittiin boonaa” jedha Waaqayyo Gooftaan.
6 また我汝らの一切の邑に於て汝らの齒を清からしめ汝らの一切の處において汝らの食を乏しからしめたり 然るに汝らは我に歸らずとヱホバ言給ふ
“Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
7 また我収穫までには尚三月あるに雨をとどめて汝らに下さず かの邑には雨を降しこの邑には雨をふらさざりき 此田圃は雨を得 彼田圃は雨を得ずして枯れたり
“Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti bokkaa isin irraa nan kute. Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee kaan irraa immoo nan dhaabe. Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee kaan garuu homaa dhabee goge.
8 二三の邑別の一の邑に躚めきゆきて水を飮ども飽ことあたはず 然るに汝らは我に歸らずとヱホバ言たまふ
Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore; garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
9 我枯死殻と朽腐穗とをもて汝等を撃なやませり また汝らの衆多の園と葡萄園と無花果樹と橄欖樹とは蝗これを食へり 然るに汝らは我に歸らずとヱホバ言たまふ
“Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse. Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
10 我なんぢらの中にエジプトに爲し如く疫病をおこし劍をもて汝らの少き人を殺し又汝らの馬を奪さり汝らの營の臭氣をして騰りて汝らの鼻を撲しめたり 然るも汝らは我に歸らずとヱホバいひたまふ
“Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana dhaʼicha isinitti nan erge. Ani fardeen isin boojitan wajjin dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe. Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute; isin garuu gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
11 我なんぢらの中の邑を滅すことソドム、ゴモラを神の滅したまひし如くしたれば汝らは熖の中より取いだしたる燃柴のごとくなれり 然るも汝らは我に歸らずとヱホバ言たまふ
“Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera. Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti; taʼus isin gara kootti hin deebine” jedha Waaqayyo.
12 イスラエルよ然ば我かく汝に行はん 我是を汝に行ふべければイスラエルよ汝の神に會ふ準備をせよ
“Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha; sababii ani akkana isin godhuuf yaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.”
13 彼は即ち山を作りなし風を作り出し人の思想の如何なるをその人に示しまた晨光をかへて黑暗となし地の高處を踏む者なり その名を萬軍の神ヱホバといふ
Inni tulluuwwan tolchee bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun, inni barii dukkaneessee iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun, maqaan isaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.

< アモス書 4 >