< サムエル記Ⅱ 4 >

1 サウルの子はアブネルのヘブロンにて死たるを聞きしかば其手弱くなりてイスラエルみな憂へたり
Iish-Booshet ilmi Saaʼol yommuu akka Abneer Kebroonitti ajjeefame dhagaʼetti humni isaa ni buʼe; Israaʼel hundis sodaan guutame.
2 サウルの子隊長二人を有てり其一人をバアナといひ一人をレカブといふベニヤミンの支派なるベロテ人リンモンの子等なり其はベロテも亦ベニヤミンの中に數らるればなり
Yeroo sanatti Iish-Booshet ilmi Saaʼol dura buutota garee duultotaa lama qaba ture. Inni tokko Baʼanaa, kaan immoo Rekaab jedhama ture; isaanis ilmaan Rimoon namicha Biʼeeroot kan gosa Beniyaam sanaa ti; Biʼeeroot kun akka kutaa Beniyaamitti lakkaaʼama;
3 昔にペロテ人ギツタイムに逃遁れて今日にいたるまで彼處に旅人となりて止まる
namoonni Biʼeeroot kunneen gara Gitayimitti baqatanii hamma harʼaatti alagummaan achi jiraatuutii.
4 サウルの子ヨナタンに跛足の子一人ありヱズレルよりサウルとヨナタンの事の報いたりし時には五歳なりき其乳媼かれを抱きて逃れたりしが急ぎ逃る時其子堕て跛者となれり其名をメピボセテといふ
Yoonaataan ilmi Saaʼol mucaa miilli isaa lachuu naafate tokko qaba ture. Yeroo oduun waaʼee Saaʼolii fi Yoonaataan Yizriʼeel irraa dhufetti inni nama waggaa shanii ture. Guddiftuun isaas isa fudhattee baqatte; garuu utuu isheen baqachuuf ariifattuu mucichi ishee irraa kufee naafate. Maqaan isaas Mefiibooshet jedhama ture.
5 ベロテ人リンモンの子レカブとバアナゆきて日の熱き頃イシボセテの家にいたるにイシボセテ午睡し居たり
Rekaabii fi Baʼanaan ilmaan Rimoon namicha gosa Biʼeeroot kaʼanii gara mana Iish-Boosheti qajeelan; yeroon isaan itti achi gaʼanis guyyaa saafaa yeroo inni itti aara galfatu ture.
6 かれら麥を取らんといひて家の中にいりきたりかれの腹を刺りしかしてレカブと其兄弟バアナ逃げさりぬ
Isaanis akka nama qamadii barbaaduutti kutaa manaa isa gara keessaatti ol seenanii garaa isaa waraanan. Ergasiis Rekaabii fi obboleessi isaa Baʼanaan miliqanii baʼan.
7 彼等が家にいりしときイシボセテは其寝室にありて床の上に寝たりかれら即ちこれをうちころしこれを馘りて其首級をとり終夜アラバの道をゆきて
Isaanis utuu inni kutaa ciisichaa keessa siree isaa irra rafee jiruu ol seenan. Erga garaa isaa waraananii isa ajjeesanii booddees mataa isaa irraa kutan. Mataa sanas fuudhanii halkan guutuu daandii Arabbaa irra deemaa bulan.
8 イシボセテの首級をヘブロンにダビデの許に携へいたりて王にいひけるは汝の生命を求めたる汝の敵サウルの子イシボセテの首を視よヱホバ今日我主なる王の仇をサウルと其裔に報いたまへりと
Isaanis Kebroonitti mataa Iish-Booshet gara Daawit mootichaa fidanii, “Kunoo mataa Iish-Booshet ilma diina kee Saaʼol kan ilma namicha si ajjeesuu barbaadu sanaa. Harʼa Waaqayyo Saaʼolii fi sanyii isaa illee gooftaa koo mootichaaf haaloo baaseera” jedhaniin.
9 ダビデ、ベロテ人リンモンの子レカブと其兄弟バアナに答へていひけるはわが生命を諸の艱難の中に救ひたまひしヱホバは生く
Daawit immoo Rekaabii fi obboleessa isaa Baʼanaa, ilmaan Rimoonii namicha gosa Biʼeerootaa sanaan akkana jedhe; “Dhugaa Waaqayyo jiraataa isa rakkina hunda jalaa na baase sanaa,
10 我は嘗て人の我に告て視よサウルは死りと言ひて自ら我に善き事を傳ふる者と思ひをりしを執てこれをチクラグに殺し其消息に報いたり
kunoo ani namicha waan oduu gaarii naa fide seʼee, ‘Saaʼol duʼeera’ jedhee natti hime sana qabee Siiqlaagitti ajjeeseera. Egaa wanni ani namicha oduu sana fide badhaase kana dha!
11 况や惡人の義人を其家の床の上に殺したるをやされば我彼の血をながせる罪を汝らに報い汝らをこの地より絶ざるべけんやと
Yoos yeroo namoonni hamooni nama balleessaa hin qabne tokko mana isaa keessatti, siree isaa irratti ajjeesanitti ani dhiiga isaa harka keessan irraa hin barbaaduu ree? Lafa irraas hin balleessuu ree?”
12 ダビデ少者に命じければ少者かれらを殺して其手足を切離しヘブロンの池の上に懸たり又イシボセテの首を取りてヘブロンにあるアブネルの墓に葬れり
Kanaafuu Daawit namoota isaa ajaje; isaanis jara ajjeesan. Harkaa fi miilla isaanii irraa kukkutanii haroo Kebroon biratti reeffa isaanii fannisan. Mataa Iish-Booshet garuu fuudhanii Kebroonitti awwaala Abneer biratti awwaalan.

< サムエル記Ⅱ 4 >