< サムエル記Ⅱ 19 >

1 時にヨアブに告る者ありていふ視よ王はアブサロムの爲に哭き悲しむと
Yooʼaabittis, “Daawit mootichi Abesaaloomiif booʼuu fi gadduutti jira” jedhamee himame.
2 其日の勝利は凡の民の悲哀となれり其は民其日王は其子のために憂ふと言ふを聞たればなり
Sababii guutummaan loltootaa oduu, “Mootichi ilma isaatiif gaddaa jira” jedhu dhagaʼeef moʼichi gaafa sanaa gaddatti geeddarame.
3 其日民は戰爭に逃て羞たる民の竊て去がごとく竊て城邑にいりぬ
Gaafa sana sabni hundis akkuma loltoota moʼatamanii qaanaʼuudhaan baqatanii magaalaa seenaniitti qaanaʼee magaalaa seene.
4 王は其面を掩へり王大聲に叫てわが子アブサロムよアブサロムわが子よわが子よといふ
Mootichis fuula isaa haguuggatee, “Yaa ilma koo Abesaaloom! Yaa Abesaaloom ilma ko, yaa ilma koo!” jedhee sagalee ol fudhatee booʼe.
5 ここにヨアブ家にいり王の許にいたりていひけるは汝今日汝の生命と汝の男子汝の女子の生命および汝の妻等の生命と汝の妾等の生命を救ひたる汝の凡の臣僕の顔を羞させたり
Yooʼaab gara mootichaa mana ol seenee akkana jedhe; “Ati harʼa fuula namoota kee kanneen lubbuu kee, lubbuu ilmaan keetiitii fi intallan keetii, lubbuu niitota keetiitii fi saajjatoowwan keetii oolchan sana hundaa qaaniidhaan haguugdeerta.
6 是は汝おのれを惡む者を愛しおのれを愛する者を惡むなり汝今日汝が諸侯伯をも諸僕をも顧みざるを示せり今日我さとる若しアブサロム生をりて我儕皆死たらば汝の目に適ひしならん
Ati warra si jibban jaallattee warra si jaallatan immoo jibbiteerta. Ati akka ajajjoota loltoota keetiitii fi namoota isaanii wayittuu hin hedne harʼa mirkaneessiteerta. Harʼa utuu hundi keenya duunee Abesaaloom jiraatee ati akka gammaddu ani nan arga.
7 されど今立て出で汝の諸僕を慰めてかたるべし我ヱホバを指て誓ふ汝若し出ずば今夜一人も汝とともに止るものなかるべし是は汝が若き時より今にいたるまでに蒙りたる諸の災禍よりも汝に惡かるべし
Amma gad baʼiitii namoota kee jajjabeessi. Yoo ati gad baʼuu baatte akka edana namni tokko iyyuu si biratti hin hafne ani maqaa Waaqayyootiin nan kakadha. Kun immoo rakkina ati ijoollummaa keetii jalqabdee hamma ammaatti keessa dabarte hunda caalaa hammaata.”
8 是に於て王たちて門に坐す人々凡の民に告て視よ王は門に坐し居るといひければ民皆王のまへにいたる然どイスラエルはおのむの其天幕に逃かへれり
Kanaafuu mootichi kaʼee karra dura taaʼe. Namoonni hundinuus yommuu, “Mootichi karra dura taaʼee jira” jedhamee itti himametti isa bira dhufan. Yeroo sanatti Israaʼeloonni hundi gara mana isaaniitti baqatanii turan.
9 イスラエルの諸の支派の中に民皆爭ひていひけるは王は我儕を敵の手より救ひいだしまた我儕をペリシテ人の手より助けいだせりされど今はアブサロムのために國を逃いでたり
Guutummaa gosoota Israaʼel keessatti namoonni hundinuu akkana jedhanii wal falmaa turan; “Mootichi harka diinota keenyaa jalaa nu baaseera; namni harka Filisxeemotaa jalaa nu baases isuma. Amma garuu inni sababii Abesaaloomiitiif biyyaa baqateera;
10 また我儕が膏そそぎて我儕の上にかきしアブサロムは戰爭に死ねりされば爾ら何ぞ王を導きかへらんことと言ざるや
Abesaaloom inni nu akka inni bulchaa keenya taʼuuf jennee dibne sun immoo lola irratti duʼeera. Kanaafuu waaʼee mooticha as deebisuu irratti isin maaliif waan tokko hin mariʼanne?”
11 ダビデ王祭司ザドクとアビヤタルに言つかはしけるはユダの長老等に告て言ヘイスラエルの全家の言語王の家に達せしに爾ら何ぞ王を其家に導きかへる最後となるや
Daawit mootichis akkana jedhee ergaa kana Zaadoqii fi Abiyaataar lubootatti erge; “Akkana jedhaatii maanguddoota Yihuudaa gaafadhaa; ‘Wanni guutummaa Israaʼel keessatti odeeffamaa jiru gurra mootichaa qaqqabeeraatii isin maaliif mooticha mana mootummaa isaatti deebisuu irratti duubatti haftani?
12 爾等はわが兄弟爾らはわが骨肉なりしかるになんぞ爾等王を導き歸る最後となるやと
Isin obboloota koo, foon kootii fi dhiiga koo ti; yoos mooticha fiduu irratti maaliif duubatti harkifattan ree?’
13 又アマサに言べし爾はわが骨肉にあらずや爾ヨアブにかはりて常にわがまへにて軍長たるべし若しからずば神我に斯なし又重ねてかくなしたまへと
Amaasaanis, ‘Ati foonii fi dhiiga koo mitii? Yoo ani ammaa jalqabee iddoo Yooʼaab ajajaa loltoota koo si gochuu baadhe, Waaqni waan hamaa natti haa fidu; waan caalu illee natti haa fidu.’”
14 かくダビデ、ユダの凡の人をして其心を傾けて一人のごとくにならしめければかれら王にねがはくは爾および爾の諸の臣僕歸りたまへといひおくれり
Mootichis akkuma garaa nama tokkootti garaa namoota Yihuudaa hundaa boojiʼe. Isaanis, “Namoota kee hunda wajjin deebiʼi” jedhanii mootichatti ergan.
15 是において王歸りてヨルダンにいたるにユダの人々王を迎へんとて來りてギルガルにいたり王を送りてヨルダンを濟らんとす
Mootichis biyyatti deebiʼee hamma Yordaanositti dhufe. Namoonni Yihuudaas mooticha simatanii Yordaanosin ceesisanii fiduuf hamma Gilgaalitti dhufan.
16 時にバホリムのベニヤミン人ゲラの子シメイ急ぎてユダの人々とともに下りダビデ王を迓ふ
Shimeʼiin namichi Bahuuriim ilmi Geeraa kan gosa Beniyaam sunis mooticha simachuuf namoota Yihuudaa wajjin dafee gad buʼe.
17 一千のベニヤミン人彼とともにあり亦サウルの家の僕ヂバも其十五人の男子と二十人の僕をしたがへて偕に居たりしが皆王のまへにむかひてヨルダンをこぎ渡れり
Isa wajjinis Beniyaamota kuma tokko akkasumas Ziibaa tajaajilaa maatii Saaʼol, ilmaan isaa kudha shananii fi hojjettoota isaa digdamatu ture. Isaanis mooticha dursanii Yordaanosin ceʼan.
18 時に王の家族を濟しまた王の目に善と見ゆるところを爲んとて濟舟を濟せり爰にゲラの子シメイ、ヨルダンを濟れる時王のまへに伏して
Isaanis maatii mootichaa simachuu fi waan inni barbaadu isaaf gochuuf malkaa ceʼan. Shimeʼiin ilmi Geeraa yommuu Yordaanosin ceʼetti mooticha duratti kufee
19 王にいひけるはわが主よねがはくは罪を我に歸するなかれまた王わが主のエルサレムより出たまへる日に僕が爲たる惡き事を記憶えたまふなかれねがはくは王これを心に置たまふなかれ
akkana isaan jedhe; “Gooftaan koo balleessaa natti hin herregin. Balleessaa garbichi kee yeroo ati gooftaan koo mootichi Yerusaalemii baatetti hojjete garaatti hin qabatin. Mootichi waan sana yaada isaa keessaa haa baasu.
20 其は僕我罪を犯したるを知ればなり故に視よ我今日ヨセフの全家の最初に下り來りて王わが主を迓ふと
Ani garbichi kee cubbuu hojjechuu koo beekaatii; harʼa garuu ani mana Yoosef hunda keessaa gooftaa koo mooticha simachuuf nama jalqabaa taʼee dhufeera.”
21 然にゼルヤの子アビシヤイ答へていひけるはシメイはヱホバの膏そそぎし者を詛たるに因て其がために誅さるべきにあらずやと
Abiishaayi ilmi Zeruuyaas, “Shimeʼiin sababii nama Waaqayyo dibe abaareef amma duʼuun isaaf hin maluu?” jedhe.
22 ダビデいひけるは爾らゼルヤの子よ爾らのあづかるところにあらず爾等今日我に敵となる今日豈イスラエルの中にて人を誅すべけんや我豈わが今日イスラエルの王となりたるをしらざらんやと
Daawit immoo deebisee, “Yaa ilmaan Zeruuyaa anii fi isin maal wal irraa qabna? Isin yeroo ammaa diinota natti taataniirtu! Harʼa namni tokko iyyuu Israaʼel keessatti ajjeefamuu qabaa? Ani guyyaa harʼaa Israaʼel irratti mootii taʼuu koo hin beekuu?” jedhe.
23 是をもて王はシメイに爾は誅されじといひて王かれに誓へり
Kanaafuu mootichi Shimeʼiidhaan, “Ati duʼuu hin qabdu” jedhe. Kanas kakaadhaan mirkaneesseef.
24 爰にサウルの子メピボセテ下りて王をむかふ彼は王の去し日より安かに歸れる日まで其足を飾らず其鬚を飾らず又其衣を濯ざりき
Mefiibooshet akaakayyuun Saaʼolis mooticha simachuuf gad buʼe. Inni gaafa mootichi Yerusaalemii baʼee jalqabee hamma mootichi deebiʼutti miilla isaatiif eegumsa barbaachisaa hin goone yookaan areeda hin haaddanne yookaan uffata isaa hin miiccanne ture.
Yeroo inni mooticha simachuuf Yerusaalemii dhufettis mootichi, “Mefiibooshet, ati maaliif na wajjin hin deemne?” jedhee isa gaafate.
26 彼エルサレムよりきたりて王を迓ふる時王かれにいひけるはメビボセテ爾なんぞ我とともに往ざりしや 彼こたへけるはわが主王よわが僕我を欺けり僕はわれ驢馬に鞍おきて其に乗て王の處にゆかんといへり僕跛者なればなり
Innis akkana jedhee deebise; “Yaa gooftaa koo mooticha, ani garbichi kee waanan naafa taʼeef, ‘Akka ani yaabbadhee mooticha faana deemuu dandaʼuuf harreen koo naaf haa feʼamu’ jedheen ture. Ziibaan tajaajilaan koo garuu na gowwoomse.
27 しかるに彼僕を王わが主に讒言せり然ども王わが主は神の使のごとし故に爾の目に善と見るところを爲たまへ
Inni gooftaa koo mooticha durattis garbicha kee maqaa balleesseera; gooftaan koo mootichi akkuma ergamaa Waaqayyoo ti; kanaafuu waan barbaadde hunda godhi.
28 わが父の全家は王わが主のまへには死人なるのみなるに爾僕を爾の席にて食ふ者の中に置たまへりされば我何の理ありてか重ねて王に哀訴ることをえん
Silaa wanni maatiin abbaa kootii hundinuu mooticha irraa argachuu malan duʼa qofa ture. Ati garuu ana garbicha kee warra maaddii kee irraa nyaatan wajjin teessifte. Kana caalaa wanni ani akka naa godhamuuf mooticha gaafachuuf mirga qabu maalii?”
29 王かれにいひけるは爾なんぞ重ねて爾の事を言や我いふ爾とヂバ其地を分つべし
Mootichis, “Maaliif dubbii dheeressita? Ani akka atii fi Ziibaan lafa hunda gargar qooddattan ajajeera” jedheen.
30 メピボセテ王にいひけるは王わが主安然に其家に歸りたまひたればかれに之を悉くとらしめたまへと
Mefiibooshet immoo mootichaan, “Amma erga gooftaan koo mootichi nagaan deebiʼee inni waan hunda haa fudhatu” jedhe.
31 爰にギレアデ人バルジライ、ロゲリムより下り王を送りてヨルダンを渡らんとて王とともにヨルダンを濟れり
Namichi gosa Giliʼaad kan Barzilaay jedhamu tokkos Rogeliimii gad buʼe; innis mooticha geggeessuuf isa wajjin Yordaanos ceʼe.
32 バルジライは甚だ老たる人にて八十歳なりきかれは甚だ大なる人なれば王のマハナイムに留れる間王を養へり
Barzilaayiin jaarsa dulloomaa waggaa saddeettama ture. Innis waan nama sooressa tureef yeroo mootichi Mahanayiim jiraatetti waan inni nyaatu dhiʼeessaafii ture.
33 王バルジライにいひけるは爾我とともに濟り來れ我エルサレムにて爾を我とともに養はん
Mootichis Barzilaayiin, “Gamatti na wajjin ceʼiitii na wajjin Yerusaalem jiraadhu; anis sin sooraa” jedhe.
34 バルジライ王にいひけるはわが生命の年の日尚幾何ありてか我王とともにエルサレムに上らんや
Barzilaayiin garuu mootichaan akkana jedhe; “Ani siʼachi waggaa hammam jiraachuufan mooticha wajjin Yerusaalem dhaqa?
35 我は今日八十歳なり善きと惡きとを辨へるをえんや僕其食ふところと飮ところを味ふをえんや我再び謳歌之男と謳歌之女の聲を聽えんや僕なんぞ尚王わが主の累となるべけんや
Ani yeroo ammaa waggaa saddeettama guuteera. Ani waan gaarii fi waan hamaa addaan baasuu nan dandaʼaa? Garbichi kee miʼaa nyaataa fi dhugaatii beekaa? Ammas sagalee dhiirotaatii fi dubartoota sirbanii dhagaʼuu dandaʼaa? Yoos garbichi kee maaliif gooftaa koo mootichatti baʼaa dabalamaa taʼa ree?
36 僕は王とともにヨルダンを濟りて只少しくゆかん王なんぞこの報賞を我に報ゆるに及ばんや
Garbichi kee mooticha wajjin Yordaanos ceʼee xinnoo ishee ni deema; mootichi garuu maaliif haala kanaan galata naaf deebisa?
37 請ふ僕を歸らしめよ我自己の邑にてわが父母の墓の側に死ん但し僕キムハムを視たまへかれを王わが主とともに濟り往しめたまへ又爾の目に善と見る所を彼になしたまへ
Akka ani yoon duʼe magaaluma kootti awwaala abbaa fi haadha koo biratti awwaalamuuf garbicha kee dhiisi haa deebiʼu. Garbichi kee Kimhaam garuu kunoo ti. Inni gooftaa koo mooticha wajjin haa ceʼu. Atis waan jaallattu kam iyyuu isaaf godhi.”
38 王いひけるはキムハム我とともに濟り往くべし我爾の目に善と見ゆる所をかれに爲ん又爾が望みて我に求むる所は皆我爾のために爲すべしと
Mootichis, “Kimhaam na wajjin ni ceʼa; anis waan ati jaallattu kam iyyuu isaaf nan godha; waan ati narraa barbaaddu kam iyyuus siif nan godha” jedhe.
39 民皆ヨルダンを濟れり王渡りし時王バルジライに接吻してこれを祝す彼遂に己の所に歸れり
Akkasiin namoonni hundinuu Yordaanosin ceʼan; mootichis ni ceʼe. Mootichis Barzilaayii dhungatee eebbise; Barzilaayiinis gara mana isaatti deebiʼe.
40 かくて王ギルガルに進むにキムハムかれとともに進めりユダの民皆王を送れりイスラエルの民の半も亦しかり
Yommuu mootichi gara Gilgaalitti darbetti Kimhaam isa wajjin deeme. Loltoonni Yihuudaa hundinuu fi walakkaan loltoota Israaʼel mooticha ceesisan.
41 是にイスラエルの人々皆王の所にいたりて王にいひけるは我儕の兄弟なるユダの人々何故に爾を竊みさり王と其家族およびダビデとともなる其凡の從者を送りてヨルダンを濟りしやと
Yommuu suma namoonni Israaʼel hundinuu gara mootichaa dhufanii, “Obboloonni keenya warri Yihuudaa maaliif nu dhoksanii mootichaa fi maatii isaa, duukaa buutota isa wajjin Yordaanosin ceesisanii fidani?” jedhaniin.
42 ユダの人々皆イスラエルの人々に對へていふ王は我に近きが故なり爾なんぞ此事について怒るや我儕王の物を食ひしことあるや王我儕に賜物を與へたることあるや
Namoonni Yihuudaa hundis deebisanii namoota Israaʼeliin, “Nu waan mootichi fira dhiigaa nuuf taʼeef waan kana goone. Isin waaʼee waan kanaa maaliif aartu? Nu waan mootichaa keessaa tokko illee nyaanneerraa? Waan tokko illees ofii keenyaaf fudhanneerraa?” jedhan.
43 イスラエルの人ユダの人に對ていひけるは我は王のうちに十の分を有ち亦ダビデのうちにも我は爾よりも多を有つなりしかるに爾なんぞ我らを軽じたるやわが王を導きかへらんと言しは我最初なるにあらずやとされどユダの人々の言はイスラエルの人々の言よりも厲しかりき
Kana irratti namoonni Israaʼel namoota Yihuudaatiin, “Nu mooticha irraa qooda harka kudhan qabna; kana malees nu isin caalaa Daawit irraa mirga qabna. Yoos isin maaliif akkas nu tuffattu ree? Akka mootiin keenya nuuf deebiʼuuf kan duraan dursinee gaafanne nu mitii?” jedhanii deebisan. Garuu deebiin namoonni Yihuudaa deebisan kan Israaʼelootaa irra jabaa ture.

< サムエル記Ⅱ 19 >