< 列王記Ⅱ 18 >

1 イスラエルの王エラの子ホセアの三年にユダの王アハズの子ヒゼキア王となれり
Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe.
2 彼は王となれる時二十五歳にしてエルサレムにて二十九年世ををさめたりその母はザカリヤの女にして名をアビといへり
Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
3 ヒゼキヤはその父ダビデの凡てなせしごとくヱホバの善と見たまふ事をなし
Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
4 崇邱を除き偶像を毀ちアシラ像を斫たふしモーセの造りし銅の蛇を打碎けりこの時までイスラエルの子孫その蛇にむかひて香を焚たればなり人々これをネホシタン(銅物)と稱なせり
Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
5 ヒゼキヤはイスラエルの神ヱホバを賴り是をもて彼の後にも彼の先にもユダの諸の王等の中に彼に如ものなかりき
Hisqiyaas Waaqayyo Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre.
6 即ち彼は固くヱホバに身をよせてこれに從ふことをやめずヱホバがモーセに命じたまひしその誡命を守れり
Inni jabaatee Waaqayyotti hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera Waaqayyo Museef kenne sanas ni eege.
7 ヱホバ彼とともに在したれば彼はその往ところにて凡て利達を得たり彼はアッスリヤの王に叛きてこれに事へざりき
Waaqayyos isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille.
8 彼ペリシテ人を撃敗りてガザにいたりその境に達し看守臺より城にまで及べり
Inni gamoo eegumsaatii jalqabee hamma magaalaa dallaa jabaa qabuutti, hamma Gaazaattii fi daangaa isheetti Filisxeemota ni moʼate.
9 ヒゼキヤ王の四年すなはちイスラエルの王エラの子ホセアの七年にアッスリヤの王シヤルマネセル、サマリヤに攻のぼりてこれを圍みけるが
Waggaa afuraffaa bara Hisqiyaas mootichaa keessa jechuunis waggaa torbaffaa bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa Shalmaneseer mootichi Asoor Samaariyaatti duulee marsee ishee qabate.
10 三年の後つひに之を取りサマリヤの取れしはヒゼキヤの六年にしてイスラエルの王ホセアの九年にあたる
Dhuma waggaa sadaffaatti Asooronni ishee fudhatan. Akkasiinis Samaariyaan waggaa jaʼaffaa bara mootummaa Hisqiyaas keessa, waggaa saglaffaa bara Hoosheeʼaa mooticha Israaʼel keessa ni fudhatamte.
11 アッスリヤの王イスラエルをアッスリヤに擄へゆきてこれをハラとゴザン河の邊とメデアの邑々におきぬ
Mootiin Asooris Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geessee Halaa keessa, Goozaan keessa, Laga Haaboor biraa fi magaalaawwan Midiyaan keessa ni qubachiise.
12 是は彼等その神ヱホバの言に遵はずその契約を破りヱホバの僕モーセが凡て命じたる事をやぶりこれを聽ことも行ふこともせざるによりてなり
Wanni kun sababii isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif ajajamuu didanii kakuu isaa, ajaja Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kenne hunda cabsaniif isaanitti dhufe. Isaan ajaja sana hin dhaggeeffanne yookaan hojii irra hin oolchine.
13 ヒゼキヤ王の十四年にアッスリヤの王セナケリブ攻のぼりてユダの諸の堅き邑を取ければ
Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti, Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate.
14 ユダの王ヒゼキヤ人をラキシにつかはしてアッスリヤの王にいたらしめて言ふ我過てり我を離れて歸りたまへ汝が我に蒙らしむる者は我これを爲べしとアッスリヤの王すなはち銀三百タラント金三十タラントをユダの王ヒゼキヤに課したり
Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate.
15 是においてヒゼキヤ、ヱホバの家と王の家の庫とにあるところの銀をことごとく彼に與へたり
Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef.
16 此時ユダの王ヒゼキヤまた己が金を著たりしヱホバの宮の戸および柱を剥てこれをアッスリヤの王に與へたり
Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne.
17 アッスリヤの王またタルタン、ラブサリスおよびラブシヤケをしてラキシより大軍をひきゐてエルサレムにむかひてヒゼキヤ王の所にいたらしめたればすなはち上りてエルサレムにきたれり彼等則ち上り來り漂布場の大路に沿るよの池塘の水道の邊にいたりて立り
Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan.
18 而して彼等王を呼たればヒルキヤの子なる宮内卿エリアキム書記官セブナおよびアサフの子なる史官ヨア出きたりて彼等に詣りけるに
Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan.
19 ラブシヤケこれに言けるは汝等ヒゼキヤに言べし大王アッスリヤの王かく言たまふ此汝が賴むところの者は何ぞや
Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa: “‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte?
20 汝戰爭をなすの謀計と勇力とを言も只これ口の先の言語たるのみ誰を恃みて我に叛くことをせしや
Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta?
21 視よ汝は折かかれる葦の杖なるエジプトを賴む其は人の其に倚るあればすなはちその手を刺とほすなりエジプトの王パロは凡てこれを賴む者に斯あるなり
Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma.
22 汝等あるひは我はわれらの神ヱホバを賴むと我に言ん彼はヒゼキヤがその崇邱と祭壇とを除きたる者にあらずやまた彼はユダとエルサレムに告て汝等はエルサレムに於てこの壇の前に祷拝をなすべしと言しにあらずや
Yoo isin, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
23 然ば請ふわが主君アッスリヤの王に約をなせ汝もし人を乗しむることを得ば我馬二千匹を汝にあたへん
“‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna!
24 汝いかにしてか吾主君の諸臣の中の最も微き一將だにも退くることを得ん汝なんぞエジプトを賴みて兵車と騎兵をこれに仰がんとするや
Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa?
25 また我とても今ヱホバの旨によらずして比處を滅しに上れるならんやヱホバ我に此處に攻のぼりてこれを滅せと言たり
Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’”
26 時にヒルキヤの子エリアキムおよびセブナとヨア、ラダシヤケにいひけるは請ふスリアの語をもて僕等に語りたまへ我儕これを識なり石垣の上にをる民の聞るところにてユダヤ語をもて我儕に言談たまふなかれ
Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
27 ラブシヤケかれらに言ふわが君唯我を汝の主と汝とにつかはして此言をのべしめたまふならんや亦石垣の上に坐する人々にも我を遣して彼等をして汝等とともに自己の便溺を食ひ且飮にいたらしめんとしたまふにあらずやと
Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
28 而してラブシヤケ起あがりユダヤ語をもて大聲に呼はり言をいだして曰けるは汝等大王アッスリヤの王の言を聽け
Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa!
29 王かく言たまふ汝等ヒゼキヤに欺かるるなかれ彼は汝等をわが手より救ひいだすことをえざるなり
Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu.
30 ヒゼキヤがヱホバかならず我らを救ひたまはん此邑はアッスリヤの王の手に陷らじと言て汝らにヱホバを賴ましめんとするとも
Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
31 汝等ヒゼキヤの言を聽なかれアッスリヤの王かく言たまふ汝等約をなして我に降れ而して各人おのれの葡萄の樹の果を食ひ各人おのれの無花果樹の果をくらひ各人おのれの井水を飮めよ
“Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu;
32 我來りて汝等を一の國に携ゆかん其は汝儕の國のごとき國穀と酒のある地パンと葡萄園のある地油の出る橄欖と蜜とのある地なり汝等は生ることを得ん死ることあらじヒゼキヤ、ヱホバ我儕を救ひたまはんと言て汝らを勸るともこれを聽なかれ
kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa! “Waan inni, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa.
33 國々の神の中執かその國をアッスリヤの王の手より救ひたりしや
Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa?
34 ハマテおよびアルパデの神々は何處にあるセパルワイム、ヘナおよびアワの神々は何處にあるやサマリヤをわが手より救ひ出せし神々あるや
Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu?
35 國々の神の中にその國をわが手より救ひいだせし者ありしや然ばヱホバいかでかエルサレムをわが手より救ひいだすことを得んと
Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
36 然ども民は默して一言もこれに應へざりき其は王命じてこれに應ふるなかれと言おきたればなり
Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
37 かくてヒルキヤの子なる宮内卿エリアキム書記官セブナおよびアサの子なる史官ヨアその衣をさきてヒゼキヤの許にいたりラブシヤケの言をこれに告たり
Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.

< 列王記Ⅱ 18 >