< 列王記Ⅱ 10 >

1 アハブ、サマリヤに七十人の子あり茲にヱヒウ書をしたためてサマリヤにおくり邑の牧伯等と長老等とアハブの子等の師傳等とに傳へて云ふ
Yeroo sanatti Ahaab ilmaan torbaatama Samaariyaa keessaa qaba ture. Kanaafuu Yehuun xalayoota barreessee qondaaltota Yizriʼeelitti, maanguddootattii fi guddiftoota ilmaan Ahaabitti gara Samaariyaatti erge. Inni akkana jedhe;
2 汝らの主の子等汝らとともにあり又汝等は車も馬も城もあり且武器もあれば此書汝らの許にいたらば
“Akkuma xalayaan kun isin gaʼeen, waan ilmaan gooftaa keessanii isin bira jiranii fi waan isinis gaariiwwanii fi fardeen, magaalaa jabeeffamee ijaaramee fi miʼa lolaa qabdaniif,
3 汝らの主の子等の中より最も優れる方正き者を選みだ出してその父の位に置ゑ汝等の主の家のために戰へよ
ilmaan gooftaa keessanii keessaa kan warra kaan caaluu fi kan ni mala jettanii yaaddan filadhaatii teessoo abbaa isaa irra teessisaa. Ergasiis mana abbaa keessaniitiif lolaa.”
4 彼ら大に恐れて言ふ二人の王等すでに彼に當ることを得ざりしなれば我儕いかでか當ることを得んと
Isaan garuu akka malee sodaatanii, “Yoo mootonni lama isa hin dandaʼin nu akkamiin isa dandeenya?” waliin jedhan.
5 乃ち家宰邑宰長老師傳等ヱヒウに言おくりけるは我儕は汝の僕なり凡て汝が我儕に命ずる事を爲ん我儕は王を立るを好まず汝の目に善と見ゆる所を爲せ
Kanaafuu bulchaan masaraa mootummaatii fi shuumiin magaalattii, maanguddoonnii fi guddiftoonni, “Nu garboota kee ti; waan ati jettu hunda ni hojjenna. Nu nama tokko illee mootii goonee hin filannu; ati mataan kee waanuma jaallatte godhi” jedhanii ergaa kana Yehuutti ergan.
6 是においてヱヒウ再度かれらに書をおくりて云ふ汝らもし我に與き我言にしたがふならば汝らの主の子なる人々の首をとりて明日の今頃ヱズレルにきたりて吾許にいたれと當時王の子七十人はその師傳なる邑の貴人等とともに居る
Yehuun immoo, “Isin yoo garee koo taatanii fi yoo naa ajajamtan, mataa ilmaan gooftaa keessanii kukkutaatii bori yeroo kanatti Yizriʼeelitti naa fidaa” jedhee xalayaa lammaffaa barreesse. Yeroo kanatti ilmaan mootii torbaatamanuu namoota magaalaa sanaa bebeekamoo kanneen isaan guddisan bira turan.
7 その書かれらに至りしかば彼等王の子等をとらへてその七十人をことごとく殺しその首を籃につめてこれをヱズレルのヱヒウの許につかはせり
Yommuu xalayaan sun isaan gaʼetti namoonni kunneen ilmaan mootii torbaatamman sana hundumaa ni gogorraʼan. Mataa isaaniis guubootti naqanii gara Yizriʼeelitti Yehuudhaaf ni ergan.
8 すなはち使者いたりてヱヒウに告て人衆王の子等の首をたづさへ來れりと言ければ明朝までそれを門の入口に二山に積おけと言り
Ergamtichi yommuu deebiʼetti, “Isaan mataa ilmaan mootii fidaniiru” jedhee Yehuutti hime. Yehuun immoo, “Mee balbala ittiin magaalattii seenan duratti iddoo lamatti tuulaatii hamma lafti bariitutti tursaa” jedhee ajaje.
9 朝におよび彼出て立ちすべての民に言ふ汝等は義し我はわが主にそむきて之を弑したり然ど此すべての者等を殺せしは誰なるぞや
Yehuun guyyaa itti aanu ganamaan kaʼee gad baʼe. Fuula namoota hundaa dura dhaabatees akkana jedhe; “Isin yakka hin qabdan. Namni gooftaa kootti malatee isa ajjeese anuma; garuu warra kana hunda eenyutu fixe?
10 然ば汝等知れヱホバがアハブの家につきて告たまひしヱホバの言は一も地に隕ず即ちヱホバはその僕エリヤによりて告し事を成たまへりと
Kanaafuu akka dubbiin Waaqayyo mana Ahaab irratti dubbate tokko iyyuu lafa hin buune beekaa. Waaqayyo waan karaa garbicha isaa Eeliyaasiin dubbate sana guuteera.”
11 斯てヱヒウはアハブの家に屬する者のヱズレルに遺れるを盡く殺しまたその一切の重立たる者その親き者およびその祭司等を殺して彼に屬する者を一人も遺さざりき
Yehuunis akkasiin nama mana Ahaab keessaa Yizriʼeel keessatti hafe kam iyyuu, namoota isaa gurguddaa, michoota isaa kanneen itti dhiʼaatanii fi luboota isaa, utuu nama tokko illee hin hambisin hunda isaanii fixe.
12 ヱヒウすなはち起て往てサマリヤに至りしがヱヒウ途にある時牧者の集會所において
Yehuun ergasii kaʼee Samaariyaa dhaqe. Innis yommuu Beet Eekad gaʼetti,
13 ユダの王アハジアの兄弟等に遇ひ汝等は何人なるやと言けるに我儕はアハジアの兄弟なるが王の子等と王母の子等の安否を問んとて下るなりと答へたれば
firoota Ahaaziyaa mootii Yihuudaa keessaa namoota tokko tokko argee, “Isin eenyu?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu firoota Ahaaziyaa; nu maatii mootichaatii fi ilmaan haadha mootichaa dubbisuu dhufne” jedhanii deebisan.
14 彼等を生擒れと言り即ちかれらを生擒りその集會所の穴の側にて彼等四十二人を盡く殺し一人をも遺さざりき
Innis, “Utuma lubbuudhaan jiranuu isaan qabaa!” jedhee ajaje. Kanaafuu utuma isaan lubbuun jiranuu qabanii boolla bishaanii Beet Eekad biratti afurtamii lamaan isaanii gogorraʼan. Inni isaan keessaa nama tokko illee hin hambifne.
15 斯てヱヒウ其處より進みゆきしがレカブの子ヨナダブの己を迎にきたるに遭ければその安否をとふてこれに汝の心はわが心の汝の心と同一なるがごとくに眞實なるやと言けるにヨナダブ答へて眞實なりと言たれば然ば汝の手を我に伸よと言ひその手を伸ければ彼を挽て己の車に登らしめて
Erga achii deemee immoo Yehoonaadaab ilma Rekaab utuu inni gara isaa dhufuutti jiruu arge. Yehuunis isa dubbisee, “Akkuma ani gara kee jiru ati gara koo jirta moo?” jedhee isa gaafate. Yehoonaadaabis, “Ani gara kee jira” jedhee deebise. Yehuunis, “Yoo akkas taʼe harka kee natti kenni” jedheen. Innis harka isaa itti kenne. Yehuunis isa gargaaree gaariitti ol isa baase.
16 言ふ我とともに來りて我がヱホバに熱心なるを見よと斯かれを己の車に乗しめ
Yehuun, “Na wajjin kottuutii hinaaffaa ani Waaqayyoof qabu ilaali” jedheen. Ergasiis gaarii isaatiin isa fudhatee deeme.
17 サマリヤにいたりてアハブに屬する者のサマリヤに遺れるを盡く殺して遂にその一族を滅せりヱホバのエリヤに告たまひし言語のごとし
Yehuun yommuu Samaariyaa gaʼetti maatii Ahaab keessaa kanneen achitti hafan hunda fixe; innis akkuma dubbii Waaqayyo Eeliyaasitti dubbate sanaatti isaan balleesse.
18 茲にヱヒウ民をことごとく集てこれに言けるはアハブは少くバアルに事たるがヱヒウは大にこれに事へんとす
Ergasii Yehuun saba hunda walitti waamee akkana jedheen; “Ahaab xinnuma Baʼaalin tajaajile. Yehuun garuu guddisee isa tajaajila.
19 然ば今バアルの諸の預言者諸の臣僕諸の祭司等を我許に召せ一人も來らざる者なからしめよ我大なる祭祀をバアルのためになさんとするなり凡て來らざる者は生しおかじと但しヱヒウ、バアルの僕等を滅さんとて偽りて斯なせるなり
Kanaafuu amma raajota Baʼaal hunda, tajaajiltoota isaa hundaa fi luboota isaa hunda walitti waamaa. Waan ani qalma guddaa isaa Baʼaaliif dhiʼeessuuf tokkoon isaanii iyyuu hin hafin. Namni hafu kam iyyuu siʼachi lubbuudhaan hin jiraatu.” Yehuun garuu tajaajiltoota Baʼaal barbadeesuudhaaf sobee akkas jedhe.
20 ヱヒウすなはちバアルの祭禮を設よと言ければ之を宣たり
Yehuun, “Ulfina Baʼaaliif jedhaatii yaaʼii waamaa” jedhe. Kanaafuu isaan ni labsan.
21 是てヱヒウあまねくイスラエルに人をつかはしたればバアルの僕たる者皆きたれり一人も來らずして遺れるものはあらざりき彼等バアルの家にいりたればバアルの家は末より末まで充わたれり
Kana irratti inni Israaʼel guutuu keessa ergaa ergee akkasiin tajaajiltoonni Baʼaal hundinuu ni dhufan; tokkoon isaanii iyyuu hin hafne. Isaanis mana waaqeffannaa Baʼaalitti ol galan; manni sunis gama tokkoo hamma gama kaaniitti guutame.
22 時にヱヒウ衣裳を掌どる者てむかひ禮服をとりいだしてバアルの凡の僕等にあたへよといひければすなはち禮服をとりいだせり
Yehuunis namicha uffata eeguun, “Tajaajiltoota Baʼaal hundaaf uffata fidi” jedhe. Kanaafuu namichi sun wayyaa fideef.
23 斯ありてヱヒウはレカブの子ヨナダブとともにバアルの家にいりしがバアルの僕等に言ふ汝等尋ね見て此には只バアルの僕のみあらしめヱホバの僕を一人も汝らの中にあらしめざれと
Yehuu fi Yehoonaadaab ilmi Rekaab sun mana waaqeffannaa Baʼaal ol seenan. Yehuunis tajaajiltoota Baʼaaliin, “Mee asii fi achi ilaalaatii akka tajaajiltoota Baʼaal malee tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko iyyuu isin wajjin as hin jirre hubadhaa” jedhe.
24 彼等犠牲と燔祭を献げんとて入し時ヱヒウ八十人の者を外に置て言ふ凡てわがその手にわたすところの人を一人にても逃れしむる者は己の生命をもてその人の生命に代べしと
Kanaafuu isaan qalmaa fi aarsaa gubamu dhiʼeessuuf ol galan. Yehuun yeroo sanatti nama saddeettama ala dhaabee, “Namni warra ani harka keessanitti kennu kanneen keessaa akka tokko iyyuu miliqu godhu kam iyyuu qooda lubbuu namicha sanaa lubbuu isaa dhaba” jedhee akeekkachiisee ture.
25 期て燔祭を献ぐることの終りし時ヱヒウその士卒と諸將に言ふ入てかれらを殺せ一人をも出すなかれとすなはち刃をもて彼等を撃ころせり而して士卒と諸將これを投いだしてバアルの家の内殿に入り
Yehuun akkuma aarsaa gubamu sana dhiʼeessee raawwateen, “Ol seenaatii isaan fixaa; akka namni tokko iyyuu miliqu hin godhinaa” jedhee eegdotaa fi ajajjoota sana ajaje. Kanaafuu isaan goraadeedhaan warra sana cicciran. Eegdotaa fi ajajjoonni sun reeffa isaanii alatti gad dadarbatanii kutaa mana waaqeffannaa Baʼaal kan gara keessaatti ol galan.
26 諸の像をバアルの家よりとりいだしてこれを燒り
Isaanis mana Baʼaal keessaa fakkiiwwan gad baasanii guban.
27 即ちかれらバアルの像をこぼちバアルの家をこぼち其をもて厠を造りしが今日までのこる
Isaan fakkii Baʼaal caccabsanii mana Baʼaalis diigan. Namoonnis hamma guyyaa harʼaatti lafa itti bobbaa baʼan godhatanii itti fayyadamu.
28 ヱヒウかくイスラエルの中よりバアルを絶さりたりしかども
Akkasiin Yehuun Israaʼel keessaa waaqeffannaa Baʼaal balleesse.
29 ヱヒウは尚かのイスラエルに罪を犯させたるネバテの子ヤラベアムの罪に離るることをせざりき即ち彼なほベテルとダンにあるところの金の犢に事たり
Taʼus inni iyyuu cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; cubbuun kunis fakkii jabbii warqee irraa hojjetamee Beetʼeelii fi Daanitti waaqeffachuu isaanii ti.
30 ヱホバ、ヱヒウに言たまひけらく汝わが義と視るところの事を行ふにあたりて善く事をなしまたわが心にある諸の事をアハブの家になしたれば汝の子孫は四代までイスラエルの位に坐せんと
Waaqayyos Yehuudhaan akkana jedhe; “Sababii ati waan fuula koo duratti qajeelaa taʼe fiixaan baasuu keessatti waan gaarii hojjettee fi waan ani mana Ahaab irratti hojjechuuf garaadhaa qabu hunda hojjetteef sanyiiwwan kee hamma dhaloota afuraffaatti teessoo Israaʼel irra ni taaʼu.”
31 然るにヱヒウは心を盡してイスラエルの神ヱホバの律法をおこなはんとはせず尚かのイスラエルに罪を犯させたるヤラベアムの罪に離れざりき
Taʼus Yehuun seera Waaqayyo Waaqa Israaʼel garaa guutuudhaan eeguuf of eeggannoo hin goone. Inni cubbuu Yerobiʼaam kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine.
32 是時にあたりてヱホバ、イスラエルを割くことを始めたまへりハザエルすなはちイスラエルの一切の邊境を侵し
Bara sana keessa Waaqayyo lafa Israaʼel irraa kukkutee xinneessuu jalqabe. Hazaaʼeelis guutummaa bulchiinsa isaanii keessatti Israaʼeloota moʼate;
33 ヨルダンの東においてギレアデの全地ガド人ルベン人マナセ人の地を侵しアルノン河の邊なるアロエルよりギレアデにいたりバシヤンにおよべり
kunis gama baʼa Yordaanosiin biyya Giliʼaad hunda jechuunis biyya Gaad, biyya Ruubeenii fi biyya Minaasee kan Aroʼeer laga Arnoon biratti argamtu sanaa jalqabee Giliʼaadii hamma Baashaaniitti jiruu dha.
34 ヱヒウのその餘の行爲とその凡て爲たる事むよびその大なる能はイスラエルの王の歴代志の書に記さるるにあらずや
Wantoonni bara mootummaa Yehuu keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
35 ヱヒウその先祖等とともに寝りたればこれをサマリヤに葬りぬその子ヱホアハズこれに代て王となれり
Yehuun abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Yehooʼaahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
36 ヱヒウがサマリヤにをりてイスラエルに王たりし間は二十八年なりき
Yehuun Samaariyaa keessa taaʼee waggaa digdamii saddeet Israaʼelin bulche.

< 列王記Ⅱ 10 >