< 歴代誌Ⅱ 23 >

1 第七年にいたりヱホヤダ力を強してヱロハムの子アザリヤ、ヨハナンの子イシマエル、オベデの子アザリア、アダヤの子マアセヤ、ジクリの子エシヤパテなどいふ百人の長等を招きて己と契約を結ばしむ
Yehooyaadaan waggaa torbaffaatti jabina ofii isaa ni argisiise. Innis ajajjuuwwan dhibbaa jechuunis Azaariyaa ilma Yirooham, Ishmaaʼeel ilma Yehohaanaan, Azaariyaa ilma Oobeed, Maʼaseyaa ilma Adaayaa fi Eliishaafaax ilma Zikrii wajjin kakuu seene.
2 是において彼らユダを行めぐりてユダの一切の邑よりレビ人を集めまたイスラエルの族長を集めてヱルサレムに歸り
Isaanis guutummaa Yihuudaa keessa deemanii magaalaawwan hunda keessaa Lewwotaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel walitti ni qaban. Yommuu isaan Yerusaalem gaʼanittis,
3 而してその會衆みな神の家において王と契約を結べり時にヱホヤダかれらに言けるけるはダビデの子孫の事につきてヱホバの宣まひしごとく王の子位に即べきなり
waldaan guutuun mana qulqullummaa Waaqaa keessatti mooticha wajjin kakuu seene. Yehooyaadaanis akkana isaaniin jedhe; “Akkuma Waaqayyo waaʼee sanyii Daawit waadaa gale sanatti, ilmi mootichaa mootii ni taʼa.
4 然ば汝ら斯なすべし汝ら祭司およびレビ人の安息日に入きたる者は三分の一は門を守り
Wanni isin gochuu qabdan isa kana: Isin lubootaa fi Lewwota guyyaa Sanbataa hojiitti ramadamtan keessaa harka sadii keessaa harki tokko karra,
5 三分の一は王の家に居り三分の一は基礎の門に居り民はみなヱホバの室の庭に居べし
harka sadii keessaa harki tokko masaraa mootummaa, harka sadii keessaa harki tokko immoo karra ‘Karra Hundee’ jedhamu sana eegaa; namoonni kaan hundi immoo oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argamuu qabu.
6 祭司と奉事をするレビ人の外は何人もヱホバの家に入べからず彼らは聖者なれば入ことを得るなり民はみなヱホバの殿を守るべし
Lubootaa fi Lewwota hojii irra jiran malee namni tokko iyyuu mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenin; isaan sababii qulqullaaʼaniif seenuu ni dandaʼu; warri kaan hundi garuu waan Waaqayyo isaan ajaje eeguu qabu.
7 レビ人はおのおの手に武器を執て王を繞りて立べし家に入る者をば凡て殺すべし汝らは王の出る時にも入る時にも王とともに居れと
Lewwonni tokkoon tokkoon isaanii miʼa lolaa harkatti qabatanii mootichatti naannaʼanii dhadhaabachuu qabu. Namni mana qulqullummaa seenu kan biraa kam iyyuu haa ajjeefamu. Lafa inni dhaqu hundatti mootichatti dhiʼoo jiraadhaa.”
8 是においてレビ人およびユダの人衆は祭司ヱホヤダが凡て命じたる如くに行ひ各々その手の人の安息日に入來べき者と安息日に出ゆくべき者とを率ゐ居れり祭司ヱホヤダ班列の者を去せざればなり
Lewwonnii fi namoonni Yihuudaa hundinuu akkuma Yehooyaadaan lubichi ajaje sana ni godhan. Sababii Yehooyaadaan lubichi gareewwan eegumsaa keessaa tokko illee gad hin dhiisiniif tokkoon tokkoon isaaniis namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatiin hojiitti bobbaʼanii fi warra hojii irraa boqotan ni fudhatan.
9 祭司ヱホヤダすなはち神の家にあるダビデ王の鎗および大楯小楯を百人の長等に交し
Innis eeboowwan, gaachanawwan gurguddaa fi xixinnaa Daawit Mootichaa kanneen mana qulqullummaa Waaqaa keessa turan ajajjuuwwan dhibbaatiif ni kenne.
10 一切の民をして各々武器を手に執て王の四周に立ち殿の右の端より殿の左の端におよびて壇と殿にそふて居しむ
Akka namoonni hundi miʼa lolaa harkatti qabatanii karaa kibba mana qulqullummaatii hamma karaa kaaba mana qulqullummaatti iddoo aarsaatii fi mana qulqullummaa biratti mootichatti naannaʼanii dhaabatan ni godhe.
11 斯て人衆王の子を携へ出し之に冠冕を戴かせ證詞をわたして王となし祭司ヱホヤダおよびその子等これに膏をそそげり而して皆王長壽かれと言ふ
Yehooyaadaa fi ilmaan isaa ilma mootichaa fidanii mataa isaa irra gonfoo kaaʼan; isaanis garagalcha kakuu itti kennanii akka inni mootii taʼe ni labsan. Isa dibaniis, “Mootichi bara baraan haa jiraatu!” jedhanii ni iyyan.
12 茲にアタリヤ民と近衛兵と王を讃る者との聲を聞きヱホバの室に入て民の所に至り
Ataaliyaan yommuu waca namoota fiiganii mooticha leellisanii dhageessetti, isaan bira gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhaqxe.
13 視に王は入口にてその柱の傍に立ち王の側に軍長と喇叭手立をり亦國の民みな喜びて喇叭を吹き謳歌者樂を奏し先だちて讃美を歌ひをりしかばアタリヤその衣を裂き叛逆なり叛逆なりと言り
Yeroo isheen ilaaltetti mootichi balbala irra utubaa isaa bira dhaabatuu ni argite. Qondaaltonnii fi warri malakata afuufan mooticha bira turan; namoonni biyya sanaa hundinuus gammadanii malakata afuufaa turan; faarfattoonni immoo meeshaa muuziiqaatiin faarfannaa qajeelchaa turan. Kana irratti Ataaliyaan uffata ishee tarsaaftee, “Kun maltummaa dha! Kun maltummaa dha!” jettee iyyite.
14 時に祭司ヱホヤダ軍兵を統る百人の長等を呼出してこれに言ふ彼をして列の間を通りて出しめよ凡て彼に從がふ者をば劍をもて殺すべしと祭司は彼をヱホバの室に殺すべからずとて斯いへるなり
Yehooyaadaan lubichis, “Hiriira gidduudhaa baasaatii ishee fidaa; nama ishee irra dhufu kam iyyuu goraadeedhaan ajjeesaa” jedhee ajajjuuwwan dhibbaa kanneen kutaawwan loltootaa sana irratti ramadaman erge. Lubichi, “Mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ishee hin ajjeesinaa” jedhee tureetii.
15 是をもて之がために路をひらき王の家の馬の門の入口まで往しめて其處にて之を殺せり
Kanaafuu isaan akkuma isheen karra “Karra Fardaa” jedhamu kan masaraa mootii duraa geesseen qabanii achumatti ishee ni ajjeesan.
16 斯てヱホヤダ己と一切の民と王との間にわれらは皆ヱホバの民とならんことの契約を結べり
Yehooyaadaan akka inni, sabnii fi mootichis saba Waaqayyoo taʼaniif kakuu ni dhaabe.
17 是において民みなバアルの室にゆきて之を毀ちその壇とその像を打碎きバアルの祭司マツタンを壇の前に殺せり
Sabni hundinuu gara galma Baʼaal dhaqee diige. Isaanis iddoowwan aarsaatii fi waaqota tolfamoo caccabsanii Mataan lubicha Baʼaal sana illee iddoowwan aarsaa duratti ni ajjeesan.
18 ヱホヤダまたヱホバの室の職事を祭司レビ人の手に委ぬ昔ダビデ、レビ人を班列にわかちてヱホバの室におきモーセの律法に記されたる所にしたがひて歓喜と謳歌とをもてヱホバの燔祭を献げしめたりき今このダビデの例に傚ふ
Ergasii Yehooyaadaan luboota Lewwota turan kanneen Daawit mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti ramadee ture sanatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa ni kenne; isaan akkuma Seera Musee keessatti barreeffame sanatti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu qabu; Daawit akka isaan gammachuu fi faarfannaadhaan aarsaa kana dhiʼeessan ajajee tureetii.
19 彼またヱホバの室の門々に看守者を立せ置き身の汚れたる者には何によりて汚れたるにもあれ凡て入ことを得ざらしむ
Akkasumas inni akka namni karaa kamiin iyyuu xuraaʼe tokko iyyuu ol hin seenneef balbala mana qulqullummaa Waaqayyoo dura eegdota ni dhaabe.
20 斯てヱホヤダ百人の長等と貴族と民の牧伯等および國の一切の民を率ゐてヱホバの家より王を導きくだり上の門よりして王の家にいり王を國の位に坐せしめたり
Innis ajajjuuwwan dhibbaa, namoota bebeekamoo, bulchitoota sabaa fi namoota biyyattii hunda fudhatee dhaqee mana qulqullummaa Waaqayyootii mooticha gad baasee fide. Isaanis karaa, “Karra Ol aanu” jedhamuutiin masaraa mootummaa seenanii mooticha teessoo mootummaa irra teessisan.
21 斯りしかば國の民みな喜こびて邑は平穩なりきアタリヤは劍にて殺さる
Saboonni biyyattii hundi ni ililchan; sababii Ataaliyaan goraadeedhaan ajjeefamteef magaalaan sun nagaa argatte.

< 歴代誌Ⅱ 23 >