< 歴代誌Ⅱ 19 >

1 ユダの王ヨシヤパテは恙なくヱルサレムに歸りてその家に至れり
Yeroo Yehooshaafaax mootiin Yihuudaa nagaadhaan gara masaraa isaa Yerusaalemitti deebiʼetti,
2 時に先見者ハナニの子ヱヒウ、ヨシヤパテ王を出むかへて之に言けるは汝惡き者を助けヱホバを惡む者を愛して可らんや之がためにヱホバの前より震怒なんぢの上に臨む
Yehuun raajichi ilmi Hanaanii sun isa simachuuf baʼee akkana isaan jedhe; “Ati nama hamaa gargaaruu fi warra Waaqayyoon jibban jaallachuu qabdaa? Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo sitti dhufeera.
3 然ながら善事もまた汝の身に見ゆ即ち汝はアシラ像を國中より除きかつ心を傾けて神を求むるなりと
Taʼus waan ati siidaawwan Aasheeraa barbadeessitee fi sababii garaan kee Waaqa barbaaduudhaaf qophaaʼaa taʼeef wanni gaariin si biratti argameera.”
4 ヨシヤパテはヱルサレムに住をりしが復出てベエルシバよりエフライムの山地まで民の間を行めぐりその先祖の神ヱホバにこれを導き歸せり
Yehooshaafaax Yerusaalem keessa jiraate; innis Bersheebaadhaa hamma biyya gaaraa Efreemitti saba gidduu deemee akka isaan gara Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitti deebiʼan godhe.
5 彼またユダの一切の堅固なる邑に裁判人を立つ國中の邑々みな然り
Innis biyya sana keessatti magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hundatti abbootii murtii muude.
6 而して裁判人に言けるは汝等その爲ところを愼め汝らは人のために裁判するに非ずヱホバのために裁判するなり裁判する時にはヱホバ汝らと偕にいます
Akkanas jedheen; “Waan hojjettan qalbeeffadhaa; Waaqayyo isa yeroo isin murtii kennitanitti isin wajjin jiru sanaaf jettaniiti malee namaaf jettanii murtii hin kennitaniitii.
7 然ば汝らヱホバを畏れ愼みて事をなせ我らの神ヱホバは惡き事なく人を偏視ことなく賄賂を取こと無ればなり
Waaqayyoon sodaachuun isin keessa haa jiraatu. Sababii Waaqayyo Waaqa keenya bira dabni yookaan wal caalchisuun yookaan mattaʼaa fudhachuun hin jirreef of eeggannaadhaan murtii kennaa.”
8 ヨシヤパテまたレビ人祭司およびイスラエルの族長を選びてヱルサレムに置きヱホバの事および訴訟を審判しむ彼らはヱルサレムにかへれり
Yehooshaafaax akkasumas Yerusaalem keessatti akka isaan seera Waaqayyoo eegsisanii dubbii wal dhabiisaatiif illee araara buusaniif Lewwota, lubootaa fi hangafoota maatiiwwan Israaʼel tokko tokko muude. Isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
9 ヨシヤパテこれに命じて云く汝らヱホバを畏れ眞實と誠心をもて斯おこなふべし
Innis akkana jedhee isaan ajaje; “Isin amanamummaa fi garaa guutuun Waaqayyoon sodaachaa tajaajiluu qabdu.
10 凡てその邑々に住む汝らの兄弟血を相流せる事または律法と誡命法度と條例などの事につきて汝らに訴へ出ること有ばこれを諭してヱホバに罪を犯さざらしめよ恐らくは震怒なんぢと汝らの兄弟にのぞまん汝ら斯おこなはば愆なかるべし
Himatawwan namoota biyya keessanii kanneen magaalaa keessa jiraatan irraa waaʼee dhiiga dhangalaasuu yookaan waaʼee seeraa, waaʼee ajajawwanii, waaʼee labsii yookaan qajeelcha diduu irratti gara keessan dhufan, akka isaan Waaqayyotti cubbuu hin hojjenneef akeekkachiisaa. Yoo kanaa achii dheekkamsi isaa isinii fi obboloota keessanitti ni dhufaa. Waan kana godhaa; isinis cubbuu hin hojjettan.
11 視よ祭司の長アマリヤ汝らの上にありてヱホバの事を凡て司どりユダの家の宰イシマエルの子ゼバデヤ王の事を凡て司どる亦レビ人汝らの前にありて官吏とならん汝ら心を強くして事をなせヱホバ善人を祐けたまふべし
“Waan kan Waaqayyoo taʼe kam irratti iyyuu Amariyaan lubichi hangafti, waan kan mootii taʼe kam irratti iyyuu Zebaadiyaan ilmi Ishmaaʼeel hoogganaan gosa Yihuudaa isin irratti muudamaniiru; Lewwonni immoo qondaaltota taʼanii fuula keessan dura ni tajaajilu. Jabaadhaa hojjedhaa; Waaqayyo warra waan gaarii hojjettan wajjin haa jiraatu.”

< 歴代誌Ⅱ 19 >