< 歴代誌Ⅱ 15 >

1 茲に神の霊オデデの子アザリヤに臨みければ
Hafuurri Waaqaa Azaariyaa ilma Oodeed irra ni buʼe.
2 彼出ゆきてアサを迎へ之に言けるはアサおよびユダとベニヤミンの人々よ我に聽け汝等がヱホバと偕にをる間はヱホバも汝らと偕に在すべし汝ら若かれを求めなば彼に遇ん然どかれを棄なば彼も汝らを棄たまはん
Innis Asaatti gad baʼee akkana jedheen; “Aasaa fi Yihuudaan hundi, Beniyaamis na dhagaʼaa. Yoo isin isa wajjin jiraattan Waaqayyo isin wajjin ni jiraata. Yoo isin isa barbaaddan inni isiniif ni argama; yoo isin isa dhiiftan immoo innis isin dhiisa.
3 抑イスラエルには眞の神なく敎訓を施こす祭司なく律法なきこと日久しかりしが
Yeroo dheeraadhaaf Israaʼeloonni Waaqa dhugaa malee luba isaan barsiisuu fi seera malee jiraachaa turan.
4 患難の時にイスラエルの神ヱホバに立かへりて之を求めたれば即ちこれに遇り
Yeroo rakkina isaaniitti garuu gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼanii isa barbaadan; innis isaaniif ni argame.
5 當時は出る者にも入る者にも平安なく惟大なる苦患くにぐにの民に臨めり
Sababii bara sana keessa jiraattonni biyyattii hundi raafama keessa turaniif baʼuu fi deebiʼanii galuun amansiisaa hin turre.
6 國は國に邑は邑に撃碎かる其は神諸の患難をもて之を苦しめたまへばなり
Sababii Waaqni rakkina gosa hundaatiin isaan dhiphisaa tureef sabni tokko saba biraatiin, magaalaan tokko magaalaa biraatiin barbadeeffamaa ture.
7 然ば汝ら強かれよ汝らの手を弱くする勿れ汝らの行爲には賞賜あるべければなりと
Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii.”
8 アサこれらの言および預言者オデデの預言を聽て力を得憎むべき者をユダとベニヤミンの全地より除きまた其エフライムの山地に得たる邑々より除きヱホバの廊の前なるヱホバの壇を再興せり
Aasaan yommuu dubbii kanaa fi raajii Azaariyaa ilma Oodeed dhagaʼetti ni jajjabaate. Innis waaqota jibbisiisoo harka namaatiin hojjetaman biyya Yihuudaa, Beniyaamii fi magaalaawwan biyya gaaraa Efreem keessatti qabate hunda keessaa balleesse. Iddoo aarsaa Waaqayyoo kan gardaafoo mana qulqullummaa Waaqayyoo dura jiru illee ni haaromse.
9 彼またユダとベニヤミンの人々およびエフライム、マナセ、シメオンより來りて寄寓る者を集めたりイスラエルの人々の中ヱホバ神のアサと偕に在すを見てアサに降れる者夥多しかりしなり
Innis Yihuudaa fi Beniyaam akkasumas warra biyya Efreem, Minaasee fi Simiʼoonii dhufanii alagummaadhaan isaan gidduu jiraachaa turan hunda walitti qabe; namoonni akka malee baayʼeen akka Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin jiru arganii Israaʼel keessaa gara isaa dhufaniitii.
10 彼等すなはちアサの治世の十五年の三月にヱルサレムに集り
Isaanis waggaa kudha shanaffaa Aasaan mootii taʼetti jiʼa sadaffaa keessa Yerusaalemitti walitti qabaman.
11 其たづさへ來れる掠取物の中より牛七百羊七千をその日ヱホバに献げ
Yeroo sanattis waan boojiʼanii fidan keessaa sangoota dhibba torbaa fi hoolota kuma torba Waaqayyoof aarsaa godhan.
12 皆契約を結びて曰く心を盡し精神を盡して先祖の神ヱホバを求めん
Isaanis garaa fi lubbuu isaanii guutuudhaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii barbaaduudhaaf kakuu ni galan.
13 凡てイスラエルの神ヱホバを求めざる者は大小男女の區別なく之を殺さんと
Namni Waaqayyo Waaqa Israaʼel hin barbaanne hundi xinnaas taʼu guddaan, dhiiras taʼu dubartiin ni ajjeefama ture.
14 而して大聲を擧げ號呼をなし喇叭を吹き角を鳴してヱホバに誓を立て
Isaanis sagalee guddaa fi iyyaan, malakataa fi gaanfa afuufuudhaan Waaqayyoof ni kakatan.
15 ユダみなその誓を喜べり即ち彼ら一心をもて誓を立て一念にヱホバを求めたればヱホバこれに遇ひ四方において之に安息をたまへり
Yihuudoonni hundinuu waan garaa guutuudhaan kakataniif kakuu kanatti akka malee gammadan. Isaan fedhiidhaan Waaqa ni barbaadan; innis isaaniif argame. Kanaafuu Waaqayyo karaa hundaan boqonnaa isaaniif ni kenne.
16 偖またアサ王の母マアカ、アシラ像を作りしこと有ければアサこれを貶して太后たらしめずその像を斫たふして粉々に碎きキデロン川にてこれを焚り
Aasaan Mootichi akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana caccabsee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
17 但し崇邱は尚イスラエルより除かざりき然どもアサの心は一生の間全かりしなり
Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti Israaʼel keessaa balleessuu baate iyyuu garaan Aasaa bara jireenya isaa guutuu Waaqayyoof kennamee ture.
18 彼はまたその父の納めたる物および己が納めたる物すなはち金銀ならびに器皿等をヱホバの家に携へいれり
Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
19 アサの治世の三十五年までは再び戰爭あらざりき
Hamma bara mootummaa Aasaa waggaa soddomii shanaffaatti lolli tokko iyyuu hin kaane.

< 歴代誌Ⅱ 15 >