< サムエル記Ⅰ 2 >

1 ハンナ祷りて言けるは我心はヱホバによりて喜び我角はヱホバによりて高し我口はわが敵の上にはりひらく是は我汝の救拯によりて樂むが故なり
Haannaanis akkana jettee kadhatte: “Garaan koo Waaqayyotti ni gammada; gaanfi koos Waaqayyoon ol kaafama. Afaan koos diinota koo irratti of jaja; ani fayyisuu keetti nan gammadaatii.
2 ヱホバのごとく聖き者はあらず其は汝の外に有る者なければなり又われらの神のごとき磐はあることなし
“Qulqulluun akka Waaqayyoo tokko iyyuu hin jiru; si malees eenyu iyyuu hin jiru; kattaan akka Waaqa keenyaa tokko iyyuu hin jiru.
3 汝等重ねて甚く誇りて語るなかれ汝等の口より漫言を出すなかれヱホバは全知の神にして行爲を裁度りたまふなり
“Of jajuudhaan hin dubbatinaa; yookaan dubbiin of tuulummaa akkasii afaan keessanii hin baʼin; Waaqayyo Waaqa beekaadhaatii; hojiiwwanis isaan madaalamu.
4 勇者の弓は折れ倒るる者は勢力を帶ぶ
“Iddaawwan namoota jajjaboo caccabaniiru; namoonni dadhaboon garuu humna hidhataniiru.
5 飽足る者は食のために身を傭はせ饑たる者は憩へり石女は七人を生み多くの子を有る者は衰ふるにいたる
Warri quufanii turan buddeenatti of gurguraniiru; warri beelaʼanii turan garuu siʼachi hin beelaʼan. Isheen dhabduu turte ijoollee torba deesse; isheen ijoollee baayʼee qabdu immoo ni dhabde.
6 ヱホバは殺し又生したまひ陰府に下し又上らしめたまふ (Sheol h7585)
“Waaqayyo ni ajjeesa; ni fayyisas; siiʼoolitti gad ni buusa; olis ni baasa. (Sheol h7585)
7 ヱホバは貧からしめ又富しめたまひ卑くしまた高くしたまふ
Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas; ni salphisa; ni ulfeessas.
8 荏弱者を塵の中より擧げ窮乏者を埃の中より升せて王公の中に坐せしめ榮光の位をつがしめ給ふ地の柱はヱホバの所屬なりヱホバ其上に世界を置きたまへり
Inni hiyyeeyyii awwaara keessaa ni kaasa; rakkattootas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; inni ilmaan mootii wajjin isaan ni teessisa; barcuma ulfinaas isaan dhaalchisa. “Hundeewwan lafaa kan Waaqayyoo ti; inni hundeewwan sana irra addunyaa kaaʼeera.
9 ヱホバ其聖徒の足を守りたまはん惡き者は黑暗にありて默すべし其は人力をもて勝つべからざればなり
Inni miilla qulqulloota isaa ni eega; namoonni hamoon garuu dukkana keessatti calʼisu. “Namni jabina isaatiin hin moʼatu;
10 ヱホバと爭ふ者は破碎かれんヱホバ天より雷を彼等の上にくだしヱホバは地の極を審き其王に力を與へ其膏そそぎし者の角を高くし給はん
warri Waaqayyoon morman ni caccabsamu. Inni samiidhaa isaanitti qaqawweessaʼa. Waaqayyo daarii lafaatti ni murteessa. “Inni mootii isaatiif jabina ni kenna; gaanfa dibamaa isaa illee ol ni kaasa.”
11 エルカナ、ラマに往て其家にいたりしが稚子は祭司エリのまへにありてヱホバにつかふ
Ergasii Elqaanaan gara mana isaa Raamaatti gale; mucichi garuu Eelii lubicha jalatti fuula Waaqayyoo dura tajaajilaa ture.
12 さてエリの子は邪なる者にしてヱホバをしらざりき
Ilmaan Eelii namoota hamoo turan; Waaqayyonis hin sodaatan ture.
13 祭司の民に於る習慣は斯のごとし人祭物をささぐる時肉を烹るあひだに祭司の僕三の歯ある肉叉を手にとりて來り
Akka bartee luboonni saba wajjin qabaniitti yeroo namni kam iyyuu aarsaa dhiʼeessutti utuma foon affeelamaa jiruu tajaajilaan lubichaa hokkoo quba sadii qabu tokko harkatti qabatee dhufee
14 之を釜あるひは鍋あるひは鼎又は炮烙に突きいれ肉叉の引きあぐるところの肉は祭司みなこれを己にとる是くシロに於て凡てそこに來るイスラエル人になせり
beddee yookaan huuroo yookaan okkotee yookaan xuwwee keessa galcha ture; lubichis waanuma qabduun sun ol baase ofii isaatii fudhata ture. Israaʼeloota gara Shiiloo dhufan hundas haaluma kanaan keessumsiisu turan.
15 脂をやく前にも亦祭司のしもべ來り祭物をささぐる人にいふ祭司のために燒くべき肉をあたへよ祭司は汝より烹たる肉を受けず生腥の肉をこのむと
Garuu utuma coomni isaa hin gubamin dura tajaajilaan lubichaa dhufee nama aarsaa qalmaa dhiʼeessuun, “Waan lubichi foon dheedhii malee affeelamaa si harkaa hin fudhanneef waan isaaf waadamu naa kenni” jedha ture.
16 もし其人これにむかひ直ちに脂をやくべければ後心のこのむままに取れといはば僕之にいふ否今あたへよ然らずば我強て取んと
Yoo namichi sun, “Jalqaba coomni isaa haa gubamu; ergasii kan barbaadde fudhadhu” jedheenis, tajaajilaan sun deebisee, “Hin taʼuu ammuma naa kenni; yoo ati didde immoo ani humnaan nan fudhadha” isaan jedha ture.
17 故に其壯者の罪ヱホバのまへに甚だ大なりそは人々ヱホバに祭物をささぐることをいとひたればなり
Cubbuun dargaggootaa kun fuula Waaqayyoo duratti akka malee guddaa ture; isaan aarsaa Waaqayyoof dhiʼeeffamu ni tuffatu tureetii.
18 サムエルなほ幼して布のエポデを著てヱホバのまへにつかふ
Saamuʼeel garuu dirata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee fuula Waaqayyoo dura ni tajaajila ture.
19 また其母これがために小き明衣をつくり歳毎にその夫とともに年の祭物をささげにのぼる時これをもちきたる
Haati isaa yommuu wagguma waggaan aarsaa waggaa dhiʼeessuuf dhirsa ishee wajjin ol baatutti wandaboo xinnoo ishee hojjettee ni geessitiif turte.
20 エリ、エルカナとその妻を祝していひけるは汝がヱホバにささげたる者のためにヱホバ此婦よりして子を汝にあたへたまはんことをねがふと斯てかれら其郷にかへる
Eeliinis, “Dubartii kana irraa qooda ilma isheen Waaqayyoof kennite sanaa Waaqayyo ijoollee isheef haa kennuu” jedhee Elqaanaa fi niitii isaa eebbise. Isaanis deebiʼanii mana isaaniitti galan.
21 しかしてヱホバ、ハンナをかへりみたまひければハンナ孕みて三人の男子と二人の女子をうめり童子サムエルはヱホバのまへにありて生育てり
Waaqayyos Haannaa ni yaadate; isheenis ulfooftee ilmaan sadii fi intallan lama ni deesse. Saamuʼeel mucichis fuula Waaqayyoo duratti ni guddate.
22 ここにエリ甚だ老て其子等がイスラエルの人々になせし諸の事を聞きまた其集會の幕屋の門にいづる婦人たちと寝たるを聞て
Yeroo kanatti Eeliin akka malee dulloomee ture; innis waan ilmaan isaa saba Israaʼel hundatti hojjetan hunda akkasumas akka isaan dubartoota balbala dunkaana wal gaʼii irra tajaajilan wajjin ciisan dhagaʼe.
23 これにいひけるは何ぞ斯る事をなすや我このすべての民より汝らのあしき行をきく
Kanaafuu inni akkana isaaniin jedhe; “Hammina isin gootan ani saba hundumaa irraa dhagaʼeera; isin maaliif waan akkasii gootu?
24 わが子よ然すべからず我きくところの風聞よからず爾らヱホバの民をしてあやまたしむ
Lakkisaa yaa ilmaan koo; oduun saba Waaqayyoo keessa facaʼee ani dhagaʼu kun gaarii miti.
25 人もし人にむかひて罪ををかさば神之をさばかんされど人もしヱホバに向ひて罪ををかさば誰かこれがためにとりなしをなさんやとしかれども其子父のことばを聽ざりきそはヱホバかれらを殺さんと思ひたまへばなり
Namni tokko yoo nama biraatti cubbuu hojjete Waaqayyotu gidduu galaaf; garuu yoo namni tokko Waaqayyotti cubbuu hojjete eenyutu gidduu galaaf?” Taʼus sababii Waaqayyo isaan ajjeesuu barbaadeef ilmaan Eelii gorsa abbaa isaanii hin dhageenye.
26 童子サムエル生長ゆきてヱホバと人とに愛せらる
Saamuʼeel mucichis guddachaa deemee fuula Waaqayyootii fi fuula namaa duratti surraa argate.
27 茲に神の人エリの許に來りこれにいひけるはヱホバ斯くいひたまふ爾の父祖の家エジプトにおいてパロの家にありしとき我明かに之にあらはれしにあらずや
Namni Waaqaa tokko gara Eelii dhufee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Yeroo manni abbaa keetii biyya Gibxi keessa garbummaa Faraʼoon jala turetti ani isatti of mulʼifnee?
28 我これをイスラエルの諸の支派のうちより選みてわが祭司となしわが壇の上に祭物をささげ香をたかしめ我前にエポデを衣しめまたイスラエルの人の火祭を悉く汝の父の家にあたへたり
Akka inni luba koo taʼuuf, akka inni gara iddoo aarsaa kootti ol baʼuuf, akka inni ixaana aarsuu fi akka fuula koo duratti dirata uffatuuf, ani gosoota Israaʼel hunda keessa abbaa kee filadheera; akkasumas aarsaa Israaʼeloonni ibiddaan dhiʼeessan hunda maatii abbaa keetiitiif kenneera.
29 なんぞわが命ぜし犠牲と禮物を汝の家にてふみつくるや何ぞ我よりもなんぢの子をたふとみわが民イスラエルの諸の祭物の最も嘉きところをもて己を肥すや
Egaa isin maaliif qalmaa fi aarsaa ani ajaje sana tuffatu? Ati maaliif aarsaa saba koo Israaʼeliin dhiʼeeffamu keessaa filatamaa isaa nyaatanii of gabbisuudhaan ana caalaatti ijoollee keetiif ulfina kennita?’
30 是ゆゑにイスラエルの神ヱホバいひたまはく我誠に曾ていへり汝の家およびなんぢの父祖の家永くわがまへにあゆまんと然ども今ヱホバいひたまふ決めてしからず我をたふとむ者は我もこれをたふとむ我を賤しむる者はかろんぜらるべし
“Kanaafuu Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Manni keetii fi manni abbaa keetii bara baraan fuula koo dura akka tajaajilaniif ani waadaa galee ture.’ Amma garuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Kun ana irraa haa fagaatu! Warra ulfina naa kennan nan ulfeessa; warri na tuffatan immoo ni tuffatamu.
31 視よ時いたらん我汝の腕と汝の父祖の家の腕を絶ち汝の家に老たるもの无らしめん
Akka maatii kee keessatti jaarsi hin argamneef, yeroon ani itti jabina keetii fi jabina maatii abbaa keetii cabsu tokko ni dhufa;
32 我大にイスラエルを善すべけれど汝の家内には災見えん汝の家にはこののち永く老るものなかるべし
iddoo jireenya koo keessattis rakkina argita. Israaʼeliif wanni gaariin yoo godhamu iyyuu, toora maatii keetii keessatti jaarsi hin argamu.
33 またわが壇より絶ざる汝の族の者は汝の目をそこなひ汝の心をいたましめん又汝の家にうまれいづるものは壯年にして死なん
Namni ani iddoo aarsaa koo biraa hin balleessin hundi ija kee imimmaaniin jaamsuu fi garaa kee gaddisiisuuf hambifama; ijoolleen kee hundinuus umurii ijoollummaatti duʼu.
34 汝のふたりの子ホフニとピネスの遇ところの事を其徴とせよ即ち二人ともに同じ日に死なん
“‘Wanni ilmaan kee lamaan Hofniinii fi Fiinehaasitti dhufu siif mallattoo taʼa; isaan lachanuu guyyuma tokkotti dhumu.
35 我はわがために忠信なる祭司をおこさん其人わが心とわが意にしたがひておこなはんわれその家をかたうせんかれわが膏そそぎし者のまへに恒にあゆむべし
Ani luba amanamaa kan akka waan garaa koo keessa jiruu fi akka waan yaada koo keessa jiruutti hojjetu tokko ofii kootiif nan kaafadha; ani isaaf mana bara baraa nan ijaara; innis fuula dibamaa kootii dura bara baraan tajaajila.
36 しかして汝の家にのこれる者は皆きたりてこれに屈み一厘の金と一片のパンを乞ひ且いはんねがはくは我を祭司の職の一に任じて些少のパンにても食ふことをえせしめよと
Namni sanyii kee keessaa hafe hundis, “Akka ani muraa buddeena tokkoo illee nyaadhuuf hojii lubummaa keessaa tokko irratti na ramadi” jedhe dhufee meetii tokkoo fi buddeena tokkoof fuula isaa duratti kufee sagadaaf.’”

< サムエル記Ⅰ 2 >