< 列王記Ⅰ 7 >

1 ソロモン己の家を建しが十三年を經て全く其家を建終たり
Solomoon masaraa mootummaa isaa ijaaree fixachuuf waggaa kudha sadii itti fudhate.
2 彼レバノン森の家を建たり其長は百キユビト其濶は五十キユビト其高は三十キユビトなり香柏の柱四行ありて柱の上に香柏の梁あり
Innis Masaraa Bosona Libaanoon jedhamu ijaarrate; masaraan sunis dhundhuma dhibba tokko dalga dheeratee balʼina dhundhuma shantamaa fi ol dheerina dhundhuma soddoma qaba ture; innis toora afuriin utubaawwan birbirsaa kanneen dareeraawwan birbirsaa baatan qaba ture.
3 四十五本の柱の上なる梁の上は香柏にて蓋へり柱は一行に十五本あり
Manni sunis dareeraawwan utubaawwan irra naqaman sanaan olitti bantii birbirsi hojjetame qaba ture; innis toorawwan tokkoon tokkoon isaanii utubaawwan kudha shan qabatan walumaa galatti utubaawwan afurtamii shan qaba ture.
4 また窻三行ありて牖と牖と三段に相對ふ
Foddaawwan isaas ol kaafamanii toora sadii sadiin walitti garagalfamanii hojjetaman.
5 戸と戸柱は皆大木をもて角に造り牖と牖と三段に相對へり
Balballii fi michichilli balbalaa hundinuu roga afur afur qabu turan; isaanis karaa fuula duraatiin sadii sadiin walitti garagalfamanii turan.
6 又柱の廊を造れり其長五十キユビト其濶三十キユビトなり柱のまへに一の廊ありまた其柱のまへに柱と階あり
Innis galma utubaawwan hedduu qabu kan dhundhuma shantama lafa irra dheeratee dhundhuma soddoma balʼatu ijaare. Fuula galma sanaa duraanis gardaafoo tokkotu ture; gardaafoo sana duraan immoo utubaawwanii fi bantii utubaawwan sana irratti diriirfame tokkotu ture.
7 又ソロモン審判を爲すために位の廊即ち審判の廊を造り牀板より牀板まで香柏をもて蔽へり
Innis galma teessoo, iddoo itti murtii kennu galma laaftoo ijaaree lafa isaatii jalqabee hamma bantii isaatti muka birbirsaa itti uffise.
8 ソロモンの居住る家は其廊の後の他の庭にありて其工作同じかりきソロモン亦其娶りたるパロの女のために家を建しが此廊に同じかりき
Masaraan mootummaa kan akka inni keessa jiraatuuf ijaarame sunis gara dugda duubaatti hiiqee karooruma wal fakkaatuun hojjetame. Solomoon intala Faraʼoon kan fuudhe sanaaf illee masaraa mootummaa kan akkuma galma kanaa ijaare.
9 是等は内外とも基礎より檐にいたるまで又外面にては大庭にいたるまで皆鑿石の量にしたがひて鋸にて剖たる貴き石をもて造れるものなり
Ijaarsi sun hundinuu alaa jalqabee hamma oobdii guddichaatti, hundee irraa jalqabee hamma mataa keenyan manaatti dhagaa gatii guddaa kan safaramee muramee fi kan keessii fi duubni isaa magaaziidhaan miidhagfameen hojjetame.
10 又基礎は貴き石大なる石即ち十キユビトの石八キユビトの石なり
Hundeen isaas dhagoota gurguddaa gatii guddaa qaban kanneen gariin isaanii dhundhuma kudhan gariin isaanii immoo dhundhuma saddeeti taʼaniin buufame.
11 其上には鑿石の量に循ひて貴き石と香柏あり
Hundee kana irraanis dhagoota gatii guddaa kanneen safaramanii murmuramanii fi birbirsatu ture.
12 又大庭の周圍にに三層の鑿石と一層の香柏の厚板ありヱホバの家の内庭と家の廊におけるが如し
Oobdiin guddichis akkuma oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo kan keessaatii fi gardaafoo isaa sanaa keenyan manaa kan toora dhagaa soofamee ijaarame sadii fi toora saanqaa birbirsaa kan miidhagfamee hojjetame tokkoon marfame.
13 爰にソロモン人を遣はしてヒラムをツロより召び來れり
Solomoon mootichi Xiiroositti nama ergee Huuraamin fichisiise;
14 彼はナフタリの支派なる嫠婦の子にして其父はツロの人にて銅の細工人なりヒラムは銅の諸の細工を爲すの智慧と慧悟と知識の充ちたる者なりしがソロモン王の所に來りて其諸の細工を爲り
haati Huuraam haadha hiyyeessaa kan gosa Niftaalem turte; abbaan isaa immoo nama gosa Xiiroos kan ogummaa hojii naasii qabu ture. Huuraam kun nama ogummaa guddaa qabu kan hojii naasii hunda keessatti muuxannoo qabu ture. Innis gara Solomoon mootichaa dhufee hojii isatti kenname hunda hojjete.
15 彼銅の柱二を鋳たり其高各十八キユビトにして各十二キユビトの繩を環らすべし
Hiiraam utubaa naasii lama kanneen tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma kudha saddeet ol dheeratanii dhundhuma kudha lama furdatan hojjete.
16 又銅を鎔して柱頭を鋳て柱の顛に置ゆ此の頭の高も五キユビト彼の頭の高も五キユビトなり
Fiixee utubaawwan sanaa irra kaaʼuudhaafis naasii baqfame irraa guutuu lama tolche; tokkoon tokkoon guutuu sanaas dhundhuma shan shan ol dheerata ture.
17 柱の上にある頭の爲に組物の網と鏈樣の槎物を造れり此頭に七つ彼頭に七つあり
Ergasiis guutuuwwan fiixee utubaawwan irraa sanaaf foncaa wal keessa loofame akka gingilchaatti hojjetame lama tolche; tokkoo tokkoo guutuu sanaatiifis gingilchaa torba torbatu qoodame.
18 又二行の石榴を一の網工の上の四周に造りて柱の上にある頭を蓋ふ他の頭をも亦然せり
Innis guutuuwwan fiixee utubaawwanii irra jiran sana miidhagsuuf jedhee tokkoo tokkoo gingilchaa sanaatti naannessee toora lamaan roomaanota tolche. Tokkoo tokkoo guutuwwaniitiifis akkasuma tolche.
19 柱の上にある頭は四キユビトの百合花の形にして廊におけるがごとし
Guutuuwwan gardaafoo keessa fiixee utubaawwanii irra jiranis daraaraa fakkaatanii dhundhuma afur afur ol dheeratu ture.
20 二の柱の頭の上には亦網工の外なる腹の所に接きて石榴あり他の柱の四周にも石榴二百ありて相列べり
Guutuuwwan fiixee utubaawwan lamaanii irra kutaa waciitii fakkaatu kan gingilchaawwanitti aanuun gara irraa roomaanoota dhibba lamatu tooraan itti naannaʼee ture.
21 此柱を拝殿の廊に竪つ即ち右の柱を立て其名をヤキンと名け左の柱を竪て其名をボアズと名く
Innis utubaawwan sana gardaafoo mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin “Yaakiin” kan karaa kaabaatiin immoo “Boʼeez” jedhe.
22 其柱の上に百合花の形あり斯其柱の作成り
Guutuuwwan fiixee sana irra jiran daraaraa fakkaatu turan. Hojiin utubaawwan irraas akkasiin dhume.
23 又海を鋳なせり此邊より彼邊まで十キユビトにして其四周圓く其高五キユビトなり其四周は三十キユビトの繩を環らすべし
Innis sibiila baqfame irraa Gaanii geengoo afaan isaa qarqara tokkoo hamma qarqara kaaniitti dhundhuma kudhan balʼatee dhundhuma shan ol dheeratu tolche. Naannoon isaas funyoodhaan safaramee dhundhuma soddoma taʼe.
24 其邊の下には四周に匏瓜ありて之を環れり即ち一キユビトに十づつありて海の周圍を圍り其匏瓜は海を鋳たる時に二行に鋳たるなり
Hidhii isaa jalaanis dhundhuma tokko tokko irratti wiillee kudhan kudhanitu naanneffamee ture. Willeewwan sunis Gaanii sana wajjin tarree lamaan walumatti baqfamanii hojjetaman.
25 其海は十二の牛の上に立り其三は北に向ひ三は西に向ひ三は南に向ひ三は東に向ふ海其上にありて牛の後は皆内に向ふ
Gaanichis korommii kudha lama kanneen isaan keessaa sadii gara kaabaatti, sadii gara dhiʼaatti, sadii gara kibbaatti, sadii immoo gara baʼaatti garagalan irra dhaabate. Gaaniin sun dugda isaanii irra dhaabatee eegeen hunda isaanii gara walakkaatti garagalee ture.
26 海の厚は手寛にして其邊は百合花にて杯の邊の如くに作れり海は二千斗を容たり
Gaaniin sun hamma barruu harkaa yabbata ture; hidhiin isaas akkuma hidhii kubbaayyaa yookaan daraaraa hadaa fakkaata ture. Innis baadoosii kuma lama qabata ture.
27 又銅の臺十を造れり一の臺の長四キユビト其濶四キユビト其高三キユビトなり
Akkasumas baattuuwwan naasii kanneen iddoo tokkoo sochoʼuu dandaʼan kudhan tolche; tokkoon tokkoon isaanii dhundhuma afur afur lafa irra dheeratanii balʼina dhundhuma afur afuriitii fi ol dheerina dhundhuma sadii sadii qabu turan.
28 其臺の製作は左のごとし臺には嵌板あり嵌板は邊の中にあり
Haalli itti baattuuwwan kunneen hojjetamanis kana: Isaanis sibiila babalʼaa michichilaan marfame qabu ture.
29 邊の中にある嵌板の上に獅子と牛とケルビムあり又邊の上に座あり獅子と牛の下に花飾の垂下物あり
Sibiilawwan michichilaan marfaman sana irras fakkii leencawwanii, kan jibootaatii fi kan kiirubeeliitu ture; michichilawwan sana irras akkasuma ture. Fakkii leencawwaniitii fi jiboota sana jalaa fi gubbaanis fakkii daraaraa foʼamaa kan sibiila tumameen tolfame tokkotu ture.
30 其臺には各四の銅の輪と銅の軸あり其四の足には肩のごとき者あり其肩のごとき者は洗盤の下にありて凡の花飾の旁に鋳つけたり
Tokkoon tokkoon baattuu sanaa goommaa naasii afur afurii fi somaa naasii qaba ture; goleewwan afraniinis utubaawwanitu ture; utubaawwan kunneenis baqfamanii daraaraa foʼamaadhaan miidhagfamanii tolfaman.
31 其口は頭の内より上は一キユビトなり其口は圓く一キユビト半にして座の作の如し又其口には雕工あり其鏡板は四角にして圓からず
Gara keessa baattuu sanaatiin uraa geengoo kan dhundhuma tokko gad fagaatutu ture. Uraan kunis geengoo taʼee jalli isaa dhundhuma tokkoo fi walakkaa balʼata ture. Naannoo uraa isaatti waan soofamee faayeffame tokkotu ture. Sibiilli baattuu sanaa balʼaan roga afuriin wal qixxee ture malee geengoo hin turre.
32 四の輪は鏡板の下にあり輪の手は臺の中にあり輪は各高一キュビト半
Goommaawwan afran sun sibiila babalʼaa jala turan; somaan goommaawwaniis baattuu sanaan walitti qabsiifamee ture. Balʼinni tokkoo tokkoo goommaa sanaas dhundhuma tokkoo fi walakkaa ture.
33 輪の工作は戰車の輪の工作の如し其手と縁と輻と轂とは皆鋳物なり
Goommaawwan sunis akkuma goommaawwan gaariitti hojjetaman. Somaan isaanii, hidhiin isaanii, hokkoon isaaniitii fi handhuurri isaanii hundinuu sibiila baqfame irraa hojjetame.
34 臺の四隅に四の肩の如き者あり其肩のごとき者は臺より出づ
Tokkoo tokkoo goleewwan baattuu sanaa afran irra michichilawwan afurtu ture; michichilawwan isaas baattuudhuma sanaan walitti hojjetaman.
35 臺の上の所の高半キユビトは其周圍圓し又臺の上の所の手と鏡板も臺より出づ
Fiixee baattuu sanaa irra geengoo maramaa dhundhuma walakkaa dheeratu tokkotu ture. Michichilawwanii fi sibiilli babalʼaan sun fiixee baattuu sanaatti qabsiifamanii turan.
36 其手の板と鏡板には其各の隙處に循ひてケルビムと獅子と棕櫚を雕刻み又其四周に花飾を造れり
Innis michichilawwanii fi sibiila babalʼaa irratti iddoo hundatti fakkii kiirubeelii, kan leencotaatii fi kan mukkeen meexxii soofee fakkii daraaraa foʼamees naannoo isaanii guutuutti marse.
37 是のごとく十の臺を造れり其鋳法と量と形は皆同じ
Haalli inni ittiin baattuuwwan kurnan sana hojjetes kanaa dha. Isaan hundinuu haaluma tokkoon baqfamanii hojjetaman; wal qixxaataniis bifa tokko qabaatan.
38 又銅の洗盤十を造れり洗盤は各四十斗を容れ洗盤は各四キユビトなり十の臺の上には各一の洗盤あり
Ergasiis caabiiwwan naasii kudhan kanneen tokkoon tokkoon isaanii safartuu baadoos afurtama qabaatee balʼinni isaas dhundhuma afur taʼu hojjete; tokkoo tokkoo baattuuwwan kurnan sanaa irras caabii tokko tokkotu ture.
39 其臺五を家の右の旁に五を家の左の旁に置ゑ家の右の東南に其海を置り
Innis baattuuwwan sana keessaa shan karaa kibba mana qulqullummaatiin, shan immoo karaa kaaba mana qulqullummaatiin dhaabe. Gaanii sana immoo karaa kibbaatiin, kibba baʼa golee mana qulqullummaatiin dhaabe.
40 ヒラム又鍋と火鏟と鉢とを造れり斯ヒラム、ヱホバの家の爲にソロモン王に爲る諸の細工を成終たり
Inni okkoteewwan, waan daaraan ittiin hammaaramuu fi caabiiwwan ittiin dhiiga facaasanis ni tolche. Hiiroomis akkasiin hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Solomoon mootichaaf hojjechaa ture hunda fixe; hojiin kunis:
41 即ち二の往と其柱の上なる頭の二の毬と柱の上なる其頭の二の毬を蓋ふ二の網工と
Utubaawwan lamaan; guutuuwwan waciitii fakkaatan kanneen fiixee utubaawwanii irra jiran lamaan; wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan guutuuwwan waciitii fakkaatanii fiixee utubaawwanii irra jiran sana lamaan miidhagsan;
42 其二の網工の爲の石榴四百是は一の網工に石榴二行ありて柱の上なる二の毬を蓋ふ
wantoota akka gingilchaa wal keessa loofaman lamaan sanaafis roomaanota dhibba afur, tokkoo tokkoo wantoota sanaatiif roomaanota tarree lamaa waciitiiwwan lamaan guutuuwwanii kanneen fiixee utubaawwanii irraa sana ni miidhagsan;
43 又十の臺と其臺の上の十の洗盤と
baattuuwwan kurnan, caabii isaanii kurnan wajjin;
44 一の海と其海の下の十二の牛
gaanii fi korommii loonii kudha lamaan isa jalaan jiru;
45 及び鍋と火鏟と鉢是也ヒラムがソロモン王にヱホバの家のために造りし此等の器は皆光明ある銅なりき
okkoteewwan, waan ittiin daaraa hammaaranii fi caabiiwwan. Miʼi Huuraam mana qulqullummaa Waaqayyootiif jedhee Solomoon mootichaaf hojjete sun hundinuu naasii cululuqaa irraa tolfame.
46 王ヨルダンの低地に於てスコテとザレタンの間の粘土の地にて之を鋳たり
Mootichis miʼoota kanneen dirree Yordaanositti iddoo suphee kan Sukootii fi Zaaretaan gidduu jirutti baqsiisee hojjechiise.
47 ソロモン其器甚だしく多かりければ皆權ずに措り其銅の重しれざりき
Solomoon waan isaan akka malee baayʼee taʼaniif miʼoota kanneen hunda hin madaalle; ulfinni naasiis hammam akka taʼe hin beekamne.
48 又ソロモン、ヱホバの家の諸の器を造れり即ち金の壇と供前のパンを載る金の案
Akkasumas Solomoon miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa jiran hunda ni hojjechiise: Isaanis iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetame; minjaala warqee kan buddeenni ilaalchaa irra ture;
49 および純金の燈臺是は神殿のまへに五は右に五は左にあり又金の花と燈盞と燈鉗と
baattuuwwan ibsaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman shan karaa mirgaatiin, shan immoo karaa bitaatiin fuula iddoo qulqulluu manicha keessaa dura dhaabaman sana, daraarawwan, ibsaawwanii fi qabduuwwan warqee irraa hojjetaman;
50 純金の盆と剪刀と鉢と皿と滅燈器と至聖所なる内の家の戸のため及び拝殿なる家の戸のためなる金の肘鈕是なり
caabiiwwan, waan ittiin ibsaa irraa daaraa dhadhaʼan, waciitiiwwan ittiin dhiiga facaasan, caabiiwwanii fi qodaa ixaanaa kanneen warqee qulqulluu irraa hojjetaman; cufaawwan kutaa manichaa kanneen gara keessaatiif jechuunis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaaf, akkasumas cufaawwan galma guddichaa kanneen mana qulqullummaatiif aguuraawwan warqee.
51 斯ソロモン王のヱホバの家のために爲る諸の細工終れり是においてソロモン其父ダビデが奉納めたる物即ち金銀および器を携へいりてヱホバの家の寳物の中に置り
Solomoon mootichi yommuu hojiin inni mana qulqullummaa Waaqayyootiif hojjete hundi raawwatametti miʼoota abbaan isaa Daawit Waaqaaf addaan baase jechuunis meetii, warqee fi miʼoota fidee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa kaaʼe.

< 列王記Ⅰ 7 >