< 列王記Ⅰ 15 >

1 ネバテの子ヤラベアム王の第十八年にアビヤム、ユダの王となり
Bara mootummaa Yerobiʼaam ilma Nebaat keessa, waggaa kudha saddeettaffaatti Abiyaan mootii Yihuudaa taʼe;
2 エルサレムにて三年世を治めたり其母の名はマアカといひてアブサロムの女なり
innis Yerusaalem keessa jiraatee waggaa sadii ni bulche. Maqaan haadha isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
3 彼は其父が己のさきに爲たる諸の罪を行ひ其心其父ダビデの心の如く其神ヱホバに完全からざりき
Innis cubbuu abbaan isaa isaan dura hojjete hunda hojjete; garaan isaa akka garaan abbaa isaa Daawit ture sana guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa isaatiif hin kennamne.
4 然に其神ヱホバ、ダビデの爲にエルサレムに於て彼に一の燈明を與へ其子を其後に興しエルサレムを固く立しめ賜へり
Taʼu illee Waaqayyo Waaqni isaa Daawitiif jedhee akka inni isa dhaaluuf ilma isaaf kaasuu fi Yerusaalem jajjabeessuudhaan Yerusaalem keessatti ibsaa kenneef.
5 其はダビデはヘテ人ウリヤの事の外は一生の間ヱホバの目に適ふ事を爲て其己に命じたまへる諸の事に背かざりければなり
Daawit yakka Uuriyaa namicha Heet sana irratti hojjete malee fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjechuudhaan bara jireenya isaa guutuu ajajawwan Waaqayyoo eege.
6 レハベアムとヤラベアムの間には其一生の間戰爭ありき
Bara jireenya Abiyaa hunda keessa Rehooboʼaamii fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
7 アビヤムの其餘の行爲と凡て其爲たる事はユダの王の歴代志の書に記載さるるにあらずやアビヤムとヤラベアムの間に戰爭ありき
Wanni bara bulchiinsa Abiyaan keessa taʼe kan biraa fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamee jira mitii? Abiiyaa fi Yerobiʼaam gidduu waraanatu ture.
8 アビヤム其先祖と倶に寝りしかば之をダビデの城に葬りぬ其子アサ之に代りて王と爲り
Abiyaanis Abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
9 イスラエルの王ヤラベアムの第二十年にアサ、ユダの王となり
Bara mootummaa Yerobiʼaam mooticha Israaʼel keessa waggaa digdammaffaatti Aasaan mootii Yihuudaa taʼe;
10 エルサレムにて四十一年世を治めたり其母の名はマアカといひてアブサロムの女なり
innis waggaa afurtamii tokko Yerusaalemin bulche. Maqaan akkoo isaa Maʼakaa ture; isheen intala Abiishaaloom turte.
11 アサは其父ダビデの如くヱホバの目に適ふ事を爲し
Aasaan akkuma Daawit Abbaan isaa hojjete sana waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa taʼe hojjete.
12 男色を行ふ者を國より逐ひ出し其父祖等の造りたる諸の偶像を除けり
Inni mana sagadaa kan dhiirota sagaagalanii biyya sanaa balleessee waaqota tolfamoo abbootiin isaa hojjetan hundas barbadeesse.
13 彼は亦其母マアカのアシラの像を造りしがために之を貶して太后たらしめざりき而してアサ其像を毀ちてキデロンの谷に焚棄たり
Akkoo isaa Maʼakaa iyyuu waan isheen fakkii Asheeraa jibbisiisaa tokko tolfatteef iddoo ulfinaa kan isheen akka haadha mootiitti qabaatte sana irra ishee buuse. Aasaan fakkii sana diigee Sulula Qeedroon keessatti ni gube.
14 但し崇邱は除かざりき然どアサの心は一生の間ヱホバに完全かりき
Yoo inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa guutumaan guutuutti balleessuu baate iyyuu bara jireenya isaa guutuu garaan Aasaa Waaqayyoof kennamee ture.
15 彼其父の献納めたる物と己のをさめたる物金銀器をヱホバの家に携へいりぬ
Innis meetii fi warqee akkasumas miʼoota innii fi abbaan isaa Waaqaaf addaan baasan gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
16 アサとイスラエルの王バアシヤの間に一生の間戰爭ありき
Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
17 イスラエルの王バアシヤ、ユダに攻上りユダの王アサの所に誰をも往來せざらしめん爲にラマを築けり
Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
18 是に於てアサ王ヱホバの家の府庫と王の家の府庫に殘れる所の金銀を盡く將て之を其臣僕の手に付し之をダマスコに住るスリアの王ヘジヨンの子タブリモンの子なるベネハダデに遣はして言けるは
Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa ofii isaa keessatti hafe hunda fudhate. Innis waan kana qondaaltota isaatti imaanaa kennee gara Ben-Hadaad ilma Xabrimoon ilma Heziyoon mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaatti isaan erge.
19 わが父と爾の父の間の如く我と爾の間に約を立ん視よ我爾に金銀の禮物を餽れり往て爾とイスラエルの王バアシヤとの約を破り彼をして我を離れて上らしめよ
Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani kennaa meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
20 ベネハダデ、アサ王に聽きて自己の軍勢の長等を遣はしてイスラエルの諸邑を攻めイヨンとダンとアベルベテマアカおよびキンネレテの全地とナフタリの全地とを撃り
Ben-Hadaadis yaada Aasaa Mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Innis Iiyoon, Daan, Abeel Beet Maʼaakaa fi Kinereeti hunda Niftaalemin dabalee of jala galfate.
21 バアシヤ聞及びラマを築くことを罷てテルザに止り
Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee Tiirzaatti gale.
22 是に於てアサ王令をユダ全國に降したり一人も免かれし者なし斯して即ちバアシヤが用ひてラマを築きたる石と材木を取きたらしめアサ王之を用てべニヤミンのゲバとミズパを築けり
Aasaan mootichis guutummaa Yihuudaatti ajaja baase; namni tokkos hin hambifamne; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan achitti ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaa mootichis Beniyaam keessatti Gebaa, akkasumas Miisphaa ittiin ijaarrate.
23 アサの其餘の行爲と其諸の功業と凡て其爲たる事および其建たる城邑はユダの王の歴代志の書に記載さるるにあらずや但し彼は年老るに及びて其足を病たり
Wantoonni bara mootummaa Aasaa keessa hojjetaman kanneen biraa hundi, jabinni isaa hundi, wanni inni hojjete hundii fi magaalaawwan inni ijaare kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? Bara dulluma isaa keessa garuu miilli isaa ni dhukkubsate.
24 アサ其父祖と時に寝りて其父ダビデの城に其父祖と偕に葬らる其子ヨシヤパテ之に代りて王と爲り
Ergasii Aasaan abbootii ofii wajjin boqotee magaalaa abbaa isaa magaalaa Daawit keessatti abbootii isaa biratti awwaalame. Yehooshaafaax ilmi isaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 ユダの王アサの第二年にヤラベアムの子ナダブ、イスラエルの王と爲り二年イスラエルを治めたり
Naadaab ilmi Yerobiʼaamis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa lammaffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama Israaʼelin bulche.
26 彼ヱホバの目のまへに惡を爲其父の道に歩行み其イスラエルに犯させたる罪を行へり
Innis karuma abbaa isaa irra deemee cubbuu abbaan isaa hojjetee saba Israaʼelinis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
27 爰にイツサカルの家のアヒヤの子バアシヤ彼に敵して黨を結びペリシテ人に屬するギベトンにて彼を撃り其はナダブとイスラエル皆ギベトンを圍み居たればなり
Utuma Naadaabii fi sabni Israaʼel hundi magaalaa Filisxeemotaa kan Gibetoon jedhamtu marsaa jiranuu Baʼishaan ilmi Ahiiyaa namichi biyya Yisaakor sun Naadaabitti fincilee Gibetoon keessatti dhaʼee isa ajjeese.
28 ユダの王アサの第三年にバアシヤ彼を殺し彼に代りて王となれり
Baʼishaanis bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa sadaffaatti Naadaabin ajjeesee iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
29 バアシヤ王となれる時ヤラベアムの全家を撃ち氣息ある者は一人もヤラベアムに殘さずして盡く之を滅せりヱホバの其僕シロ人アヒヤに由て言たまへる言の如し
Inni akkuma mootii taʼeen maatii Yerobiʼaam hunda fixe. Akkuma dubbii Waaqayyo karaa garbicha isaa Ahiiyaa namicha Shiilootiin dubbatee ture sanaatti hunda isaanii fixe malee nama hafuura baafatu tokko illee Yerobiʼaamiif hin hambifne.
30 是はヤラベアムが犯し又イスラエルに犯させたる罪の爲め又彼がイスラエルの神ヱホバの怒を惹き起したる事に因るなり
Kunis sababii cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis cubbuu hojjechiisuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaaseefii dha.
31 ナダブの其餘の行爲と凡て其爲たる事はイスラエルの王の歴代志の書に記載さるるにあらずや
Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Naadaab keessa hojjetamanii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
32 アサとイスラエルの王バアシヤの間に一生のあひだ戰爭ありき
Aasaa fi Baʼishaan mooticha Israaʼel gidduu bara mootummaa isaanii guutuu waraanatu ture.
33 ユダの王アサの第三年にアヒヤの子バアシヤ、テルザに於てイスラエルの全地の王となりて二十四年を經たり
Bara Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa sadaffaatti Baʼishaan ilmi Ahiiyaa Tiirzaa keessatti Israaʼel hunda irratti mootii taʼee waggaa digdamii afur bulche.
34 彼ヱホバの目のまへに惡を爲しヤラベアムの道にあゆみ其イスラエルに犯させたる罪を行へり
Innis karuma Yerobiʼaam irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiise sana hojjechuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.

< 列王記Ⅰ 15 >