< 歴代誌Ⅰ 4 >

1 ユダの子等はペレヅ、ヘヅロン、カルミ、ホル、シヨバル
Ilmaan Yihuudaa: Faares, Hezroon, Karmii, Huurii fi Sobaal.
2 シヨバルの子レアヤ、ヤハテを生みヤハテ、アホマイおよびラハデを生り是等はザレア人の宗族なり
Reʼaayaan ilmi Sobaal abbaa Yahaatiiti; Yahaati immoo abbaa Ahuumaayii fi Laahadii ti. Isaan kunneen balbalawwan Zoraatotaa ti.
3 エタムの父の生る者は左のごとしヱズレル、イシマおよびイデバシその姉妹の名はハゼレルポニといふ
Ilmaan Eexaam kanneenii dha: Yizriʼeel, Yishmaa fi Yidbaashi. Obboleettiin isaanii immoo Hazelelphoonii jedhamti.
4 ゲドルの父ペヌエル、ホシヤの父エゼル是等はベテレヘムの父エフラタの長子ホルの子等なり
Phenuuʼeel abbaa Gedoor; Eezer immoo abbaa Huushaam. Isaan kunneen sanyii Huuri ilma Efraataa hangaftichaatii fi abbaa Beetlihem sanaa ti.
5 テコアの父アシユルは二人の妻を有り即ちヘラとナアラ
Ashihuur abbaan Teqooʼaa niitota lama kanneen Heelaa fi Naʼaraa jedhaman qaba ture.
6 ナアラ、アシユルによりてアホザム、へペル、テメニおよびアハシタリを產り是等はナアラの產る子なり
Naʼaraan ilmaan Ahuzaam, Heefer, Teemenii fi Haaʼahashitaar jedhaman deesseef. Ilmaan Naʼaraa isaan kanneen turan.
7 ヘラの產る子はゼレテ、ヱゾアル、エテナン
Ilmaan Heelaa: Zeret, Zooharii fi Etnaan;
8 ハツコヅはアヌブおよびゾベバを產り ハルムの子アハルヘルの宗族も彼より出づ
Qoosi abbaa Anuub, abbaa Hazobeebaa fi abbaa balbalawwan Ahariheel ilma Haaruumiti.
9 ヤベヅはその兄弟の中にて最も尊ばれたる者なりきその母我くるしみてこれを產たればといひてその名をヤベヅ(くるしみ)と名けたり
Yaabeex nama obboloota isaa caalaa ulfina qabu ture; haatii isaa, “Ani dhiphinaanan isa daʼe” jettee Yaabeex jettee isa moggaafte.
10 ヤベヅ、イスラエルの神に龥はり我を祝福に祝福て我境を擴め御手をもて我を助け我をして災難に罹りてくるしむこと無らしめたまへと言り神その求むる所を允したまふ
Yaabeex immoo akkana jedhee Waaqa Israaʼelitti iyyate; “Ati na eebbisi; biyya koos naaf balʼisi! Akka ani hin miidhamnee fi akka ani dhiphina jalaa baʼuuf harki kee na wajjin haa jiraatu.” Waaqnis waan inni kadhate sana ni kenneef.
11 シユワの兄弟ケルブはメヒルを生りメヒルはエシトンの父なり
Kiluub obboleessi Shuhaa abbaa Mihiirii ti; Mehiir immoo abbaa Eshitooniti.
12 エシトンはベテラパ、パセアおよびイルハナシの父テヒンナを生り是等はレカの人なり
Eshitoonis abbaa Beet Raafaan, abbaa Faasehaa fi Tehiinaa ti; Tahiinaan immoo abbaa Iir Naahaashii ti. Isaan kunneen namoota Reekaa ti.
13 ケナズの子等はオテニエルおよびセラヤ、オテニエルの子はハタテ
Ilmaan Qenaz: Otniiʼeelii fi Seraayaa. Ilmaan Otniiʼeel: Hataatii fi Maʼoonotaayi.
14 メオノタイはオフラを生みセラヤはヨアブを生りヨアブはカラシム(工匠)谷の人々の父なり彼處のものは工匠なればかくいふ
Meʼoonotaayi abbaa Ofraa ti. Seraayaan abbaa Yooʼaabii ti; Yooʼaab immoo abbaa Gee Haraashiimii ti. Maqaan kun sababii isaan ogummaa hojii harkaa qabaniif kennameef.
15 ヱフンネの子カレブの子等はイル、エラおよびナアム、エラの子等およびケナズ
Ilmaan Kaaleb ilma Yefunee: Iiruu, Eelaa fi Naʼaam. Ilmi Eelaa: Qenaz.
16 ヱハレレルの子等はジフ、ジバ、テリア、アサレル
Ilmaan Yehaleliʼeel: Ziifii, Ziifaa, Tiiriyaa fi Asareel.
17 エズラの子等はヱテル、メレデ、エペル、ヤロン、メレデの妻はミリアム、シヤンマイおよびイシバを產り イシバはエシテモアの父なり
Ilmaan Izraa: Yeteer, Mered, Eeferii fi Yaaloon. Niitota Mered keessaa isheen tokko Miiriyaam, Shamaayii fi Yishibaa abbaa Eshtimoʼaa sana deesse.
18 そのユダヤ人なる妻はゲドルの父ヱレデとシヨコの父へベルとザノアの父ヱクテエルを產り是等はメレデが娶りたるパロの女ビテヤの生る子なり
Niitiin isaa dubartiin Yihuudaa sunis Yaared abbaa Gedoor, Hebeer abbaa Sookooniitii fi Yequutiiʼeel abbaa Zaanoʼaa deesse. Isaan kunneen ijoollee Bitiyaa intala Faraʼoon kan Mered fuudhe sanaa ti.
19 ナハムの姉妹なるホデヤの妻の生める子等はガルミ人ケイラの父およびマアカ人エシテモアなり
Ilmaan niitiin Hoodiyaa obboleettiin Naham sun deesse: Abbaa Qeyiilaa namicha Garmii sanaatii fi Eshtimoʼaa namicha Maʼakaa ti.
20 シモンの子等はアムノン、リンナ、ベネハナン、テロン、イシの子等はゾヘテおよびべネゾヘテ
Ilmaan Simiʼoon: Amnoon, Riinaa, Ben-Haanaanii fi Tiiloon. Ilmaan Yishiʼii: Zoheetii fi Ben-Zoheetii ti.
21 ユダの子シラの子等はレカの父エル、マレシヤの父ラダおよび織布者の家の宗族すなはちアシベアの家の者等
Ilmaan Sheelaa ilma Yihuudaa: Eer abbaa Leekaa, Laʼadaa abbaa Maareeshaatii fi balbalawwan Beet Ashibeeʼaatti warra wayyaa quncee talbaa haphii hojjetanii.
22 ならびにモアブに主たりしヨキム、コゼバの人々ヨアシおよびサラフ等なり またヤシユブ、レハムといふ者ありその記録は古し
Yooqiim, namoota Koozeebaa, Yooʼaashii fi Saaraaf isa Moʼaabii fi Yaashubiileheem bulchu. Barreeffamni kunneenis kan bara durii ti.
23 是等の者は陶工にしてネタイムおよびゲデラに住み王の地に居りてその用をなせり
Isaanis suphee dhooftuu Nexaayiimii fi Gedeeraa keessa jiraatan turan; jarri kun mootichaaf hojjechaa achi jiraatu ture.
24 シメオンの子等はネムエル、ヤミン、ヤリブ、ゼラ、シヤウル
Ilmaan Simiʼoon: Nemuuʼeel, Yaamiin, Yaariib, Zeraa fi Shaawul;
25 シヤウルの子はシヤルム その子はミブサムその子はミシマ
Shaluum ilma Saaʼuul ture; Mibsaam ilma Shaluumiti; Mishmaa immoo ilma Mabsaamiti.
26 ミシマの子はハムエル その子はザツクル その子はシメイ
Ilmaan Mishmaa: Ilma isaa Hamuuʼeel, ilma isaa Zakuurii fi ilma isaa Shimeʼii.
27 シメイには男子十六人女子六人ありしがその兄弟等には多の子あらざりきまたその宗族の者は凡てユダの子孫ほどには殖増ざりき
Shimeʼiin ilmaan kudha jaʼaa fi intallan jaʼa qaba ture; obboloonni isaa garuu ijoollee hedduu hin qaban ture; sababii kanaaf balbalawwan isaanii hundinuu akka gosa Yihuudaa baayʼee hin turre.
28 彼らの住る處はベエルシバ、モラダ、ハザルシユアル
Isaanis Bersheebaa, Molaadaa, Hazar Shuuʼaal,
29 ビルハ、エゼム、トラデ
Bilihaa, Ezem, Toolaad,
30 ベトエル、ホルマ、チクラグ
Betuuʼeel, Hormaa, Siiqlaag,
31 ベテマルカボテ、ハザルスシム、ベテビリ、シヤライム是等の邑はダビデの世にたるまで彼等の有たりき
Beet Markaabot, Hazar Susiim, Beet Biirii fi Shaʼarayiim keessa jiraatan. Magaalaawwan kunneen hamma bara mootummaa Daawitiitti magaalaawwan isaanii turan.
32 その村郷はエタム、アイン、リンモン、トケン、アシヤンの五の邑なり
Akkasumas gandoota Eexaam, Ayin, Reemoon, Tookkenii fi Ashaan jechuunis magaalaa shananii fi
33 またこの邑々の周圍に衆多の村ありてバアルにまでおよべり彼らの住處は是のごとくにして彼ら各々系譜あり
gandoota naannoo isaaniitti argaman hunda keessa hamma Baʼaaliitti jiraatu ture. Kunneen iddoo isaan jiraatanii dha. Isaanis galmee hidda dhaloota isaanii kaawwatanii jiran.
34 メシヨバブ、ヤムレク、アマジヤの子ヨシヤ
Meshoobaab, Yamleek, Yooshaa ilma Amasiyaa,
35 ヨエル、アシエルの曾孫セラヤの孫ヨシビアの子ヱヒウ
Yooʼeel, Yehuu ilma Yooshibiyaa, ilma Seraayaa, ilma Asiiʼeel,
36 ヱリオエナイ、ヤコバ、ヱシヨハヤ、アサヤ、アデヱル、ヱシミエル、ベナヤ
akkasumas Eliiyooʼeenayi, Yaaʼiqoobaa, Yashoohayaa, Asaayaa, Aadiiʼeel, Yesiimiʼeel, Benaayaa,
37 およびシピの子ジザ、シピはアロンの子 アロンはヱダヤの子 ヱダヤはシムリの子 シムリはシマヤの子なり
Ziizaa ilma Shiifii, ilma Aloon, ilma Yedaayaa, ilma Shimrii, ilma Shemaaʼiyaa.
38 此に名を擧げたる者等はその宗族の中の長たる者にしてその宗家は大に蔓延り
Namoonni maqaan isaanii kanaa olitti himame kunneen hooggantoota balbala isaanii turan. Baayʼinni maatii isaaniis akka malee dabalaa dhufe;
39 彼等はその群のために牧場を求めんとてゲドルの西におもむき谷の東の方にいたり
isaanis bushaayee isaaniitiif lafa dheedaa barbaacha hamma moggaa Gedoor kan gama baʼa sululaa jiru sanaatti deeman.
40 つひに膏腴なる善き牧場を見いだせしがその地は廣く靜穩にして安寧なりき其は昔より其處に住たりし者はハム人なればなり
Isaanis naannoo sanatti lafa dheedaa gabbataa fi gaarii argatan; lafni sunis balʼaa, kan nagaa fi tasgabbii qabu ture. Bara durii gosoonni Haamii naannoo sana jiraachaa turan.
41 即ち上にその名を記したる者等ユダの王ヒゼキヤの代に往て彼らの幕屋を撃やぶり彼らと其處に居しメウニ人を盡く滅ぼし之に代りて其處に住て今日にいたる是はその群を牧べき牧場其處にありたればなり
Namoonni maqaan isaanii dhaʼame kunneen bara Hisqiyaas mootii Yihuudaa ture keessa dhufan. Isaan akkuma hamma harʼaatti illee mulʼatu qubata Kaamotaatii fi Meʼuunoota achi jiraachaa turanii dhaʼanii guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Ergasiis sababii lafa dheedaa balʼaa bushaayee isaaniitiif argataniif lafa jaraa irra ni qubatan.
42 またシメオンの子孫の者五百人許イシの子等ペラテア、ネアリア、レバヤ、ウジエルを長としてセイル山に攻ゆき
Simiʼoonota kanneen keessaa namoonni dhibba shan ilmaan Yishiʼii Phelaatiyaa, Naʼaariyaa, Refaayaa fi Uziiʼeel hoogganamanii biyya gaaraa Seeʼiir weeraran.
43 アマレキ人の逃れて遺れる者を撃ほろぼして今日まで其處に住り
Isaanis Amaaleqoota miliqanii hafan balleessanii hamma harʼaatti achuma jiraatan.

< 歴代誌Ⅰ 4 >