< 歴代誌Ⅰ 18 >

1 此後ダビデ、ベリシテ人を撃てこれを服し又ペリシテ人の手よりガテとその郷里を取り
Ergasii Daawit Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.
2 彼またモアダを撃ければモアブ人はダビデの臣となりて貢を納たり
Daawit Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.
3 ダビデまたハマテの邊にてゾバの王ハダレゼルを撃り是は彼がユフラテ河の邊にてその權勢を振はんとて往る時なりき
Kana irrattis Daawit yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate.
4 而してダビデ彼より車千輛騎兵七千歩兵二萬を取りダビデまた一百の車の馬を存してその餘の車馬は皆その足の筋を切り
Daawitis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.
5 その時ダマスコのスリア人ゾバの王ハダレゼルを援けんとて來りければダビデそのスリア人二萬二千を殺せり
Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawit isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.
6 而してダビデ、ダマスコのスリアに鎮臺を置ぬスリア人は貢を納てダビデの臣となれりヱホバ、ダビデを凡てその往く處にて助たまへり
Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Waaqayyos Daawitiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.
7 ダビデ、ハダレゼルの臣僕等の持る金の楯を奪ひて之をヱルサレムに持きたり
Daawitis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.
8 またハダレゼルの邑テブハテとクンより甚だ衆多の銅を取きたれりソロモンこれを用て銅の海と柱と銅の器具を造れり
Daawit magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Solomoon immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.
9 時にハマテの王トイ、ダビデがゾバの王ハダレゼルの總の軍勢を撃破りしを聞て
Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawit guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti,
10 その子ハドラムをダビデ王に遣し安否を問ひかつこれを賀せしむ其はハダレゼル曾てトイと戰闘をなしたるにダビデ、ハダレゼルと戰ひて之を撃やぶりたればなりハドラム金銀および銅の種々の器を携へきたりければ
akka inni sababii ol aantummaa Daawit Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.
11 ダビデ王そのエドム、モアブ、アンモンの子孫ペリシテ人アマレクなどの諸の國民の中より取きたりし金銀とともに是等をもヱホバに奉納たり
Daawit Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Waaqayyoof addaan baase.
12 ゼルヤの子アビシヤイ鹽谷にてエドム人一萬八千を殺せり
Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe.
13 斯てダビデ、エドムに鎮臺を置エドム人は皆ダビデの臣となりぬヱホバかくダビデを凡その往處にて助けたまへり
Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawitiif ni garbooman. Waaqayyos lafa inni dhaqe hundatti Daawitiif moʼannaa ni kenne.
14 ダビデはイスラエルの全地を治めてその諸の民に公平と正義を行へり
Daawit guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.
15 ゼルヤの子ヨアブは軍旅の長アヒルデの子ヨシヤパテは史官
Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture;
16 アヒトブの子ザドクとアビヤタルの子アビメレクは祭司シヤウシヤは書記官
Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaafisaan immoo barreessaa ture;
17 ヱホヤダの子ベナヤはケレテ人とペレテ人の長ダビデの子等は王の座側に侍る大臣なりき
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawit immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan.

< 歴代誌Ⅰ 18 >