< 歴代誌Ⅰ 10 >

1 茲にペリシテ人イスラエルと戰ひけるがイスラエルの人々はペリシテ人の前より逃げギルボア山に殺されて倒れたり
Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
2 ペリシテ人はサウルとその子等を追撃しかしてペリシテ人サウルの子ヨナタン、アビナダブおよびマルキシユアを殺せり
Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
3 斯その戰闘烈しうしてサウルにおし迫り射手の者等つひにサウルに追つきければサウルは射手の者等のために惱めり
Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan.
4 サウル是におひてその武器を執る者に言けるは汝の劍をぬき其をもて我を刺せ恐らくはこの割禮なき者等きたりて我を辱しめんと然るにその武器を執る者痛くおそれて肯はざりければサウルすなはちその劍をとりてその上に伏たり
Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
5 武器を執る者サウルの死たるを見て己もまた劍の上に伏て死り
Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe.
6 斯サウルとその三人の子等およびその家族みな共に死り
Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman.
7 谷に居るイスラエルの人々みな彼らの逃るを見またサウルとその子等の死るを見てその邑々を棄て逃ければペリシテ人來りてその中に住り
Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
8 明る日ペリシテ人殺されたる者を剥んとて來りサウルとその子等のギルボア山にたふれをるを見
Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
9 すなはちサウルを剥てその首とその鎧甲を取りペリシテの國の四方に人を遣はしてこの事をその偶像と民に告しめ
Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan.
10 しかしてかれが鎧甲をその神の室に蔵め彼が首をダゴンの宮に釘けたり
Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan.
11 茲にペリシテ人がサウルになしたる事ことごとくヤベシギレアデ中に聞えければ
Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
12 勇士等みな起りサウルの體とその子等の體とを奪ひ取てこれをヤベシに持きたりヤベシの橡樹の下にその骨を葬りて七日のあひだ斷食せり
namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman.
13 斯サウルはヱホバにむかひて犯せし罪のために死たり即ち彼はヱホバの言を守らすまた憑鬼者に問ことを爲して
Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
14 ヱホバに問ことをせざりしなり是をもてヱホバかれを殺しその國を移してヱツサイの子ダビデに與へたまへり
Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.

< 歴代誌Ⅰ 10 >