< תְהִלִּים 61 >

לַמְנַצֵּ֬חַ ׀ עַֽל־נְגִינַ֬ת לְדָוִֽד׃ שִׁמְעָ֣ה אֱ֭לֹהִים רִנָּתִ֑י הַ֝קְשִׁ֗יבָה תְּפִלָּתִֽי׃ 1
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; kadhannaa koos dhaggeeffadhu.
מִקְצֵ֤ה הָאָ֨רֶץ ׀ אֵלֶ֣יךָ אֶ֭קְרָא בַּעֲטֹ֣ף לִבִּ֑י בְּצוּר־יָר֖וּם מִמֶּ֣נִּי תַנְחֵֽנִי׃ 2
Yeroo garaan koo citetti, ani handaara lafaatii sin waammadha; ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi.
כִּֽי־הָיִ֣יתָ מַחְסֶ֣ה לִ֑י מִגְדַּל־עֹ֝֗ז מִפְּנֵ֥י אֹויֵֽב׃ 3
Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha.
אָג֣וּרָה בְ֭אָהָלְךָ עֹולָמִ֑ים אֶֽחֱסֶ֨ה בְסֵ֖תֶר כְּנָפֶ֣יךָ סֶּֽלָה׃ 4
Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa.
כִּֽי־אַתָּ֣ה אֱ֭לֹהִים שָׁמַ֣עְתָּ לִנְדָרָ֑י נָתַ֥תָּ יְ֝רֻשַּׁ֗ת יִרְאֵ֥י שְׁמֶֽךָ׃ 5
Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta.
יָמִ֣ים עַל־יְמֵי־מֶ֣לֶךְ תֹּוסִ֑יף שְׁ֝נֹותָ֗יו כְּמֹו־דֹ֥ר וָדֹֽר׃ 6
Bara jireenya mootii, umurii isaa illee dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi.
יֵשֵׁ֣ב עֹ֭ולָם לִפְנֵ֣י אֱלֹהִ֑ים חֶ֥סֶד וֶ֝אֱמֶ֗ת מַ֣ן יִנְצְרֻֽהוּ׃ 7
Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi.
כֵּ֤ן אֲזַמְּרָ֣ה שִׁמְךָ֣ לָעַ֑ד לְֽשַׁלְּמִ֥י נְדָרַ֗י יֹ֣ום ׀ יֹֽום׃ 8
Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.

< תְהִלִּים 61 >