< תְהִלִּים 53 >

לַמְנַצֵּ֥חַ עַֽל־מָחֲלַ֗ת מַשְׂכִּ֥יל לְדָוִֽד׃ אָ֘מַ֤ר נָבָ֣ל בְּ֭לִבֹּו אֵ֣ין אֱלֹהִ֑ים הִֽ֝שְׁחִ֗יתוּ וְהִֽתְעִ֥יבוּ עָ֝֗וֶל אֵ֣ין עֹֽשֵׂה־טֹֽוב׃ 1
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
אֱ‍ֽלֹהִ֗ים מִשָּׁמַיִם֮ הִשְׁקִ֪יף עַֽל־בְּנֵ֫י אָדָ֥ם לִ֭רְאֹות הֲיֵ֣שׁ מַשְׂכִּ֑יל דֹּ֝רֵ֗שׁ אֶת־אֱלֹהִֽים׃ 2
Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
כֻּלֹּ֥ו סָג֮ יַחְדָּ֪ו נֶ֫אֱלָ֥חוּ אֵ֤ין עֹֽשֵׂה־טֹ֑וב אֵ֝֗ין גַּם־אֶחָֽד׃ 3
Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
הֲלֹ֥א יָדְעוּ֮ פֹּ֤עֲלֵ֫י אָ֥וֶן אֹכְלֵ֣י עַ֭מִּי אָ֣כְלוּ לֶ֑חֶם אֱ֝לֹהִ֗ים לֹ֣א קָרָֽאוּ׃ 4
Warri hammina hojjetan, kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
שָׁ֤ם ׀ פָּֽחֲדוּ־פַחַד֮ לֹא־הָ֪יָה֫ פָ֥חַד כִּֽי־אֱלֹהִ֗ים פִּ֭זַּר עַצְמֹ֣ות חֹנָ֑ךְ הֱ֝בִשֹׁ֗תָה כִּֽי־אֱלֹהִ֥ים מְאָסָֽם׃ 5
Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, sodaadhaan liqimfamaniiru. Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
מִ֥י יִתֵּ֣ן מִצִּיֹּון֮ יְשֻׁעֹ֪ות יִשְׂרָ֫אֵ֥ל בְּשׁ֣וּב אֱ֭לֹהִים שְׁב֣וּת עַמֹּ֑ו יָגֵ֥ל יַ֝עֲקֹ֗ב יִשְׂמַ֥ח יִשְׂרָאֵֽל׃ 6
Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

< תְהִלִּים 53 >