< שיר השירים 7 >

מה יפו פעמיך בנעלים בת נדיב חמוקי ירכיך--כמו חלאים מעשה ידי אמן 1
Yaa intala ilma mootii, miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata.
שררך אגן הסהר אל יחסר המזג בטנך ערמת חטים סוגה בשושנים 2
Handhuurri kee xoofoo geengoo kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa hin dhabamin fakkaata. Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii kan daraaraadhaan marfame fakkaata.
שני שדיך כשני עפרים תאמי צביה 3
Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee kanneen lakkuu dhalatanii ti.
צוארך כמגדל השן עיניך ברכות בחשבון על שער בת רבים--אפך כמגדל הלבנון צופה פני דמשק 4
Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. Iji kee haroo Heshboon kan karra Baatrabii biraa fakkaata. Funyaan kee gamoo Libaanoon kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata.
ראשך עליך ככרמל ודלת ראשך כארגמן מלך אסור ברהטים 5
Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama.
מה יפית ומה נעמת--אהבה בתענוגים 6
Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin akkam bareedda; akkamis namatti tolta!
זאת קומתך דמתה לתמר ושדיך לאשכלות 7
Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata.
אמרתי אעלה בתמר אחזה בסנסניו ויהיו נא שדיך כאשכלות הגפן וריח אפך כתפוחים 8
Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; ija isaa nan qabadha” nan jedhe. Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti;
וחכך כיין הטוב הולך לדודי למישרים דובב שפתי ישנים 9
afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. Ishee Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu.
אני לדודי ועלי תשוקתו 10
Ani kan michuu koo ti; hawwiin isaas anumaaf.
לכה דודי נצא השדה נלינה בכפרים 11
Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; gandoota achii keessa haa bullu.
נשכימה לכרמים--נראה אם פרחה הגפן פתח הסמדר הנצו הרמונים שם אתן את דדי לך 12
Akka mukni wayinii hudhaa baafate, akka daraaraan ija banatee fi akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; anis achitti jaalala koo siif nan kenna.
הדודאים נתנו ריח ועל פתחינו כל מגדים--חדשים גם ישנים דודי צפנתי לך 13
Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi balbala keenya dura jira.

< שיר השירים 7 >