< תהילים 44 >

למנצח לבני-קרח משכיל ב אלהים באזנינו שמענו-- אבותינו ספרו-לנו פעל פעלת בימיהם בימי קדם 1
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqi, waan ati bara durii, jabana isaanii keessa hojjette sana, abbootiin keenya nutti himaniiru; nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
אתה ידך גוים הורשת-- ותטעם תרע לאמים ותשלחם 2
Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; abbootii keenya immoo ni dhaabde; namoota ni balleessite; abbootii keenya garuu bilisa baafte.
כי לא בחרבם ירשו ארץ וזרועם לא-הושיעה-למו כי-ימינך וזרועך ואור פניך-- כי רציתם 3
Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; ati isaan jaallatteertaatii.
אתה-הוא מלכי אלהים צוה ישועות יעקב 4
Ati Mootii koo fi Waaqa koo kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
בך צרינו ננגח בשמך נבוס קמינו 5
Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
כי לא בקשתי אבטח וחרבי לא תושיעני 6
Ani iddaa koo hin amanadhu; goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
כי הושעתנו מצרינו ומשנאינו הבישות 7
ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; warra nu jibban immoo ni qaanessita.
באלהים הללנו כל-היום ושמך לעולם נודה סלה 8
Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
אף-זנחת ותכלימנו ולא-תצא בצבאותינו 9
Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; ati loltoota keenya wajjin hin baane.
תשיבנו אחור מני-צר ומשנאינו שסו למו 10
Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.
תתננו כצאן מאכל ובגוים זריתנו 11
Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
תמכר-עמך בלא-הון ולא-רבית במחיריהם 12
Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
תשימנו חרפה לשכנינו לעג וקלס לסביבותינו 13
Ollaa keenya duratti nama kolfaa, warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
תשימנו משל בגוים מנוד-ראש בלאמים 14
Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; namoonnis mataa nutti raasan.
כל-היום כלמתי נגדי ובשת פני כסתני 15
Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
מקול מחרף ומגדף מפני אויב ומתנקם 16
Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
כל-זאת באתנו ולא שכחנוך ולא-שקרנו בבריתך 17
Kun hundi nutti dhufeera; taʼus nu si hin daganne; yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
לא-נסוג אחור לבנו ותט אשרינו מני ארחך 18
Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
כי דכיתנו במקום תנים ותכס עלינו בצלמות 19
Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; dukkana hamaadhaan nu haguugde.
אם-שכחנו שם אלהינו ונפרש כפינו לאל זר 20
Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
הלא אלהים יחקר-זאת כי-הוא ידע תעלמות לב 21
silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
כי-עליך הרגנו כל-היום נחשבנו כצאן טבחה 22
Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
עורה למה תישן אדני הקיצה אל-תזנח לנצח 23
Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
למה-פניך תסתיר תשכח ענינו ולחצנו 24
Ati maaliif fuula kee dhokfatta? Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
כי שחה לעפר נפשנו דבקה לארץ בטננו 25
Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; garaan keenyas lafatti maxxaneera.
קומה עזרתה לנו ופדנו למען חסדך 26
Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee kan hin geeddaramneetiifis nu furi.

< תהילים 44 >