< תהילים 33 >

רננו צדיקים ביהוה לישרים נאוה תהלה 1
Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; isa jajuun tolootaaf ni mala.
הודו ליהוה בכנור בנבל עשור זמרו-לו 2
Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa; baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
שירו-לו שיר חדש היטיבו נגן בתרועה 3
Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
כי-ישר דבר-יהוה וכל-מעשהו באמונה 4
Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii; inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
אהב צדקה ומשפט חסד יהוה מלאה הארץ 5
Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
בדבר יהוה שמים נעשו וברוח פיו כל-צבאם 6
Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman; tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
כנס כנד מי הים נתן באוצרות תהומות 7
Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba; bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
ייראו מיהוה כל-הארץ ממנו יגורו כל-ישבי תבל 8
Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
כי הוא אמר ויהי הוא-צוה ויעמד 9
Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe; inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
יהוה הפיר עצת-גוים הניא מחשבות עמים 10
Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
עצת יהוה לעולם תעמד מחשבות לבו לדר ודר 11
Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
אשרי הגוי אשר-יהוה אלהיו העם בחר לנחלה לו 12
Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe, namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
משמים הביט יהוה ראה את-כל-בני האדם 13
Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga;
ממכון-שבתו השגיח-- אל כל-ישבי הארץ 14
inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
היצר יחד לבם המבין אל-כל-מעשיהם 15
inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.
אין-המלך נושע ברב-חיל גבור לא-ינצל ברב-כח 16
Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu; jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
שקר הסוס לתשועה וברב חילו לא ימלט 17
Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha; guddinni humna isaas nama hin oolchu.
הנה עין יהוה אל-יראיו למיחלים לחסדו 18
Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra, warra araara isaa abdatan irras jira;
להציל ממות נפשם ולחיותם ברעב 19
inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa; bara beelaas isaan ni jiraachisa.
נפשנו חכתה ליהוה עזרנו ומגננו הוא 20
Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
כי-בו ישמח לבנו כי בשם קדשו בטחנו 21
Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
יהי-חסדך יהוה עלינו כאשר יחלנו לך 22
Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.

< תהילים 33 >