< איוב 29 >

ויסף איוב שאת משלו ויאמר 1
Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
מי-יתנני כירחי-קדם כימי אלוה ישמרני 2
“Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana akkamin hawwa ture,
בהלו נרו עלי ראשי לאורו אלך חשך 3
yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin dukkana keessa darbee yeroon deeme,
כאשר הייתי בימי חרפי בסוד אלוה עלי אהלי 4
yeroo ani nama jabaa ture, yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,
בעוד שדי עמדי סביבותי נערי 5
yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture, yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,
ברחץ הליכי בחמה וצור יצוק עמדי פלגי-שמן 6
yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame, yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.
בצאתי שער עלי-קרת ברחוב אכין מושבי 7
“Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,
ראוני נערים ונחבאו וישישים קמו עמדו 8
dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru; maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;
שרים עצרו במלים וכף ישימו לפיהם 9
hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;
קול-נגידים נחבאו ולשונם לחכם דבקה 10
sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.
כי אזן שמעה ותאשרני ועין ראתה ותעידני 11
Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja; kanneen na arganis na galateeffatu ture;
כי-אמלט עני משוע ויתום ולא-עזר לו 12
ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu, nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.
ברכת אבד עלי תבא ולב אלמנה ארנן 13
Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera; ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.
צדק לבשתי וילבשני כמעיל וצניף משפטי 14
Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera; murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.
עינים הייתי לעור ורגלים לפסח אני 15
Ani nama jaameef ija, okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.
אב אנכי לאביונים ורב לא-ידעתי אחקרהו 16
Ani rakkataadhaaf abbaan ture; nama ormaatiif illee nan falman ture.
ואשברה מתלעות עול ומשניו אשליך טרף 17
Qarriffaa nama hamaa nan cabse; waan inni qabates afaan isaatii buuseera.
ואמר עם-קני אגוע וכחול ארבה ימים 18
“Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa; barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.
שרשי פתוח אלי-מים וטל ילין בקצירי 19
Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba; fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.
כבודי חדש עמדי וקשתי בידי תחליף 20
Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata; iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’
לי-שמעו ויחלו וידמו למו עצתי 21
“Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa abdiidhaan na dhaggeeffatu.
אחרי דברי לא ישנו ועלימו תטף מלתי 22
Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne; dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.
ויחלו כמטר לי ופיהם פערו למלקוש 23
Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan; dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.
אשחק אלהם לא יאמינו ואור פני לא יפילון 24
Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne; ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.
אבחר דרכם ואשב ראש ואשכון כמלך בגדוד כאשר אבלים ינחם 25
Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe; akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe; ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.

< איוב 29 >