< ירמיה 15 >

ויאמר יהוה אלי אם יעמד משה ושמואל לפני אין נפשי אל העם הזה שלח מעל פני ויצאו 1
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Yoo Musee fi Saamuʼeel fuula koo dura dhaabatan iyyuu garaan koo gara saba kanaatti hin deebiʼu. Fuula koo duraa isaan ariʼi! Isaan haa deeman!
והיה כי יאמרו אליך אנה נצא ואמרת אליהם כה אמר יהוה אשר למות למות ואשר לחרב לחרב ואשר לרעב לרעב ואשר לשבי לשבי 2
Yoo isaan, ‘Eessa dhaqna?’ jedhanii si gaafatan immoo akkana jedhii isaanitti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: “‘Namni duʼaaf ramadame gara duʼaa, namni goraadeedhaaf ramadame gara goraadee, namni beelaaf ramadame gara beelaa, namni boojuudhaaf ramadame immoo gara boojuu dhaqa.’
ופקדתי עליהם ארבע משפחות נאם יהוה את החרב להרג ואת הכלבים לסחב ואת עוף השמים ואת בהמת הארץ לאכל ולהשחית 3
“Ani waan isaan balleessu gosa afur isaanitti nan erga” jedha Waaqayyo. “Akka isaan ajjeesuuf goraadee, akka isaan harkisaniif saroota, akka isaan nyaatanii fixaniif immoo allaattiiwwan samiitii fi bineensota lafaa isaanitti nan erga.
ונתתים לזועה (לזעוה) לכל ממלכות הארץ--בגלל מנשה בן יחזקיהו מלך יהודה על אשר עשה בירושלם 4
Ani sababii Minaaseen ilmi Hisqiyaas mootichi Yihuudaa Yerusaalem keessatti hojjete waan sanaatiif fuula mootummoota lafa irraa hunda duratti jibbamtoota isaan nan godha.
כי מי יחמל עליך ירושלם ומי ינוד לך ומי יסור לשאל לשלם לך 5
“Yaa Yerusaalem, eenyutu garaa siif laafa? Eenyutu siif booʼa? Eenyutu si dubbisuuf sitti gora?
את נטשת אתי נאם יהוה אחור תלכי ואט את ידי עליך ואשחיתך נלאיתי הנחם 6
Ati na dhiifteerta; ittuma fuftees duubatti deebiʼaa jirta” jedha Waaqayyo. “Kanaafuu ani harka koo sitti hiixadhee sin balleessa; ani siʼachi siif naʼuu hin dandaʼu.
ואזרם במזרה בשערי הארץ שכלתי אבדתי את עמי מדרכיהם לוא שבו 7
Ani karrawwan magaalaa biyyattii duratti, qorbiidhaan qilleensatti isaan nan kenna. Ani saba kootti gaddaa fi badiisa nan fida; isaan karaa isaanii irraa hin deebineetii.
עצמו לי אלמנותו מחול ימים הבאתי להם על אם בחור שדד בצהרים הפלתי עליה פתאם עיר ובהלות 8
Ani haadhota hiyyeessaa isaanii cirracha galaanaa caalaa nan baayʼisa. Ani haadhota dargaggoota isaaniitti, guyyuma saafaadhaan waan isaan balleessu tokko nan fida; ani goolii fi naasuu akkuma tasaa isaanitti nan gadhiisa.
אמללה ילדת השבעה נפחה נפשה באה (בא) שמשה בעד יומם--בושה וחפרה ושאריתם לחרב אתן לפני איביהם--נאם יהוה 9
Haati ilmaan torbaa gaggabdee hafuura dhumaa baafatti. Aduun ishee guyyuma adiidhaan dhiiti; isheenis salphattee namaa gad taati. Ani hambaawwan isaanii fuula diinota isaanii duratti goraadeef dabarsee nan kenna” jedha Waaqayyo.
אוי לי אמי--כי ילדתני איש ריב ואיש מדון לכל הארץ לא נשיתי ולא נשו בי כלה מקללוני 10
Wayyoo yaa haadha ko, kan ana nama biyyattii guutuu loluu fi falmu deesse? Ani hin liqeessine yookaan hin liqeeffanne; namni hundi garuu na abaara.
אמר יהוה אם לא שרותך (שריתיך) לטוב אם לוא הפגעתי בך בעת רעה ובעת צרה--את האיב 11
Waaqayyo akkana jedhe; “Ani dhugumaan kaayyoo gaariidhaaf sin baraara; Ani dhugumaan yeroo rakkinaatii fi gidiraatti, akka diinonni kee si kadhatan nan godha.
הירע ברזל ברזל מצפון ונחשת 12
“Namni kam iyyuu sibiila, sibiila kaabaa dhufe yookaan naasii cabsuu ni dandaʼaa?
חילך ואוצרותיך לבז אתן לא במחיר ובכל חטאותיך ובכל גבוליך 13
“Sababii cubbuu kee hunda kan biyya kee guutuu keessa jiru sanaatiif ani badhaadhummaa keetii fi qabeenya kee toluma boojuuf nan kenna.
והעברתי את איביך בארץ לא ידעת כי אש קדחה באפי עליכם תוקד 14
Sababii dheekkamsi koo ibidda ishee gubu qabsiisuuf, ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa.”
אתה ידעת יהוה זכרני ופקדני והנקם לי מרדפי--אל לארך אפך תקחני דע שאתי עליך חרפה 15
Yaa Waaqayyo situ beeka; na yaadadhu; na tiksis. Warra na ariʼatan haaloo naaf baʼi. Ati obsa guddaa qabdaatii na hin balleessin; akka ani siif jedhee tuffatamu beeki.
נמצאו דבריך ואכלם ויהי דבריך (דברך) לי לששון ולשמחת לבבי כי נקרא שמך עלי יהוה אלהי צבאות 16
Dubbiin kee ni argame; anis nan nyaadhe; innis na gammachiise; gammachuu garaa kootiis taʼe; yaa Waaqayyo, Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, ani maqaa keetiin nan waamamaatii.
לא ישבתי בסוד משחקים ואעלז מפני ידך בדד ישבתי כי זעם מלאתני 17
Ani gonkumaa tuuta fandalaltootaa wajjin hin teenye; gonkumaa isaan wajjin hin gammanne; sababii harki kee narra turee fi sababii ati aariidhaan na guutteef ani kophaa koo nan taaʼe.
למה היה כאבי נצח ומכתי אנושה מאנה הרפא--היו תהיה לי כמו אכזב מים לא נאמנו 18
Rakkinni koo maaliif dhuma dhabe? Madaan koos maaliif fayyuu dide? Ati akka laga nama gowwoomsuu akka burqaa goguus natti taataa?
לכן כה אמר יהוה אם תשוב ואשיבך לפני תעמד ואם תוציא יקר מזולל כפי תהיה ישבו המה אליך ואתה לא תשוב אליהם 19
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Yoo ati qalbii jijjiirratte, ani akka ati na tajaajiltuuf deebisee sin dhaaba; Ati yoo dubbii faayidaa hin qabne dhiiftee dubbii faayidaa qabu dubbatte afaan naaf taata. Sabni kun gara keetti haa deebiʼuu malee ati gara isaaniitti deebiʼuu hin qabdu.
ונתתיך לעם הזה לחומת נחשת בצורה ונלחמו אליך ולא יוכלו לך כי אתך אני להושיעך ולהצילך נאם יהוה 20
Ani saba kanaaf dallaa dhagaa, dallaa naasii kan jabeeffamee ijaarame sin taasisa; isaan si lolu; garuu si hin moʼatan; ani si baraaruu fi si baasuuf si wajjin jiraatii” jedha Waaqayyo.
והצלתיך מיד רעים ופדתיך מכף ערצים 21
“Ani harka namoota hamoo jalaa sin baasa; harka warra gara jabeeyyii jalaas sin fura.”

< ירמיה 15 >