< בראשית 29 >

וישא יעקב רגליו וילך ארצה בני קדם 1
Yaaqoobis karaa isaa itti fufee gara warra biyya baʼaa dhufe.
וירא והנה באר בשדה והנה שם שלשה עדרי צאן רבצים עליה--כי מן הבאר ההוא ישקו העדרים והאבן גדלה על פי הבאר 2
Innis ilaalee kunoo boolla bishaanii tokko dirree irratti arge; kunoo karri hoolotaa sadii sababii achii bishaan dhuganiif boolla bishaanii sana bira ciciisaa turan. Dhagaan afaan boolla bishaanii sanaa irra ture guddaa ture.
ונאספו שמה כל העדרים וגללו את האבן מעל פי הבאר והשקו את הצאן והשיבו את האבן על פי הבאר למקמה 3
Yeroo karri hoolotaa hundi achitti walitti qabamanitti tiksoonni afaan boolla bishaanii irraa dhagaa gangalchanii hoolota bishaan obaasu turan. Ergasii immoo dhagaa sana iddoo isaatti deebisanii afaan boolla bishaanii irra kaaʼu turan.
ויאמר להם יעקב אחי מאין אתם ויאמרו מחרן אנחנו 4
Yaaqoobis tiksoota sanaan, “Yaa obboloota ko, isin warra eessaati?” jedhee gaafate. Isaanis, “Nu warra Kaaraaniiti” jedhanii deebisan.
ויאמר להם הידעתם את לבן בן נחור ויאמרו ידענו 5
Innis, “Laabaa ilma Naahoor beektuu?” jedheen. Jarris, “Eeyyee, beekna” jedhanii deebisan.
ויאמר להם השלום לו ויאמרו שלום--והנה רחל בתו באה עם הצאן 6
Yaaqoob immoo, “Inni fayyumaa?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, fayyuma; kunoo intalli isaa Raahel iyyuu hoolota fiddee dhufaa jirti” jedhaniin.
ויאמר הן עוד היום גדול--לא עת האסף המקנה השקו הצאן ולכו רעו 7
Innis, “Kunoo, amma lafti guyyaa dha; yeroo itti hoolonni walitti qabaman miti. Hoolota bishaan obaasaatii dhaqaa dheechisaa” jedheen.
ויאמרו לא נוכל עד אשר יאספו כל העדרים וגללו את האבן מעל פי הבאר והשקינו הצאן 8
Isaanis, “Nu hamma karri hoolotaa hundinuu walitti qabamanii dhagaan sun afaan boolla bishaanii irraa gangalfamutti hin dandeenyu; ergasii hoolota bishaan obaafna” jedhanii deebisan.
עודנו מדבר עמם ורחל באה עם הצאן אשר לאביה--כי רעה הוא 9
Utuma inni jara wajjin haasaʼaa jiruu, Raahel waan tiksee turteef hoolota abbaa ishee ooftee dhufte.
ויהי כאשר ראה יעקב את רחל בת לבן אחי אמו ואת צאן לבן אחי אמו ויגש יעקב ויגל את האבן מעל פי הבאר וישק את צאן לבן אחי אמו 10
Yaaqoob yommuu Raahel, intala obboleessa haadha isaa intala Laabaatii fi hoolota Laabaa argetti dhaqee dhagaa afaan boolla bishaanii irraa gangalchee hoolota eessuma isaa bishaan obaase.
וישק יעקב לרחל וישא את קלו ויבך 11
Yaaqoobis Raaheliin dhungate; sagalee ol fudhatees booʼe.
ויגד יעקב לרחל כי אחי אביה הוא וכי בן רבקה הוא ותרץ ותגד לאביה 12
Inni fira abbaa ishee akka taʼee fi ilma Ribqaa akka taʼe Raahelitti hime; isheenis fiigaa dhaqxee abbaa isheetti himte.
ויהי כשמע לבן את שמע יעקב בן אחתו וירץ לקראתו ויחבק לו וינשק לו ויביאהו אל ביתו ויספר ללבן את כל הדברים האלה 13
Laabaan akkuma waaʼee ilma obboleettii isaa waaʼee Yaaqoob dhagaʼeen isa simachuuf ariifatee baʼe. Innis erga hammatee dhungatee booddee mana isaatti fudhatee gale; Yaaqoobis waan kana hunda Laabaatti hime.
ויאמר לו לבן אך עצמי ובשרי אתה וישב עמו חדש ימים 14
Laabaan immoo, “Ati dhugumaan foon kootii fi dhiiga koo ti” jedheen. Yaaqoob erga jiʼa tokko guutuu Laabaa wajjin turee booddee,
ויאמר לבן ליעקב הכי אחי אתה ועבדתני חנם הגידה לי מה משכרתך 15
Laabaan akkana isaan jedhe; “Ati sababii fira koo taateef tola naa hojjechuu qabdaa? Mindaan kee akka hammam taʼuu qabu natti himi.”
וללבן שתי בנות שם הגדלה לאה ושם הקטנה רחל 16
Laabaan intallan lama qaba ture; maqaan ishee hangafaa Liyaa ture; maqaan ishee quxisuu immoo Raahel jedhama ture.
ועיני לאה רכות ורחל היתה יפת תאר ויפת מראה 17
Iji Liyaa dadhabaa ture; Raahel garuu bareedduu fi simboo qabeettii turte.
ויאהב יעקב את רחל ויאמר אעבדך שבע שנים ברחל בתך הקטנה 18
Yaaqoob Raahelin jaallatee, “Ani waaʼee intala kee ishee quxisuu, Raaheliif jedhee waggaa torba sin tajaajila” jedheen.
ויאמר לבן טוב תתי אתה לך מתתי אתה לאיש אחר שבה עמדי 19
Laabaan immoo, “Nama biraaf ishee kennuu irra siif kennuu naa wayya; asuma na bira turi” jedhe.
ויעבד יעקב ברחל שבע שנים ויהיו בעיניו כימים אחדים באהבתו אתה 20
Kanaafuu Yaaqoob Raahelin argachuuf jedhee waggaa torba tajaajile. Inni waan ishee jaallateef waggoonni kunneen guyyoota muraasa isatti fakkaatan.
ויאמר יעקב אל לבן הבה את אשתי כי מלאו ימי ואבואה אליה 21
Yaaqoobis Laabaadhaan, “Waan yeroon koo xumurameef akka ani ishee bira gaʼuuf niitii koo naa kenni” jedhe.
ויאסף לבן את כל אנשי המקום ויעש משתה 22
Kanaafuu Laabaan namoota iddoo sana jiran hunda walitti qabee cidha qopheesse.
ויהי בערב--ויקח את לאה בתו ויבא אתה אליו ויבא אליה 23
Garuu yeroo lafti galgalaaʼetti intala isaa Liyaa fidee Yaaqoobiif kenne; Yaaqoobis ishee bira gaʼe.
ויתן לבן לה את זלפה שפחתו--ללאה בתו שפחה 24
Laabaanis akka isheen hojjettuu ishee taatuuf garbittii isaa Zilfaa, intala isaa Liyaadhaaf kenne.
ויהי בבקר והנה הוא לאה ויאמר אל לבן מה זאת עשית לי--הלא ברחל עבדתי עמך ולמה רמיתני 25
Yommuu lafti bariʼetti kunoo Liyaa taʼuun ishee beekame! Yaaqoobis Laabaadhaan, “Wanni ati na goote kun maali? Ani Raaheliif jedhee si hin tajaajillee? Yoos ati maaliif na gowwoomsite ree?” jedhe.
ויאמר לבן לא יעשה כן במקומנו--לתת הצעירה לפני הבכירה 26
Laabaanis akkana jedhee deebise; “Biyya keenya keessatti intala hangafa dura intala quxisuu heerumsiisuun duudhaa keenya miti.
מלא שבע זאת ונתנה לך גם את זאת בעבדה אשר תעבד עמדי עוד שבע שנים אחרות 27
Torban misirrummaa intala kanaa raawwadhu; ergasii yoo ati waggaa biraa torba naaf hojjette quxisuu ishees siif kennina.”
ויעש יעקב כן וימלא שבע זאת ויתן לו את רחל בתו לו לאשה 28
Yaaqoobis akkasuma godhe. Torban sanas Liyaa wajjin dabarse; ergasiis Laabaan intala isaa Raahelin isatti heerumsiise.
ויתן לבן לרחל בתו את בלהה שפחתו--לה לשפחה 29
Laabaan akka isheen hojjettuu ishee taatuuf xomboree isaa Bilihaa, intala isaa Raaheliif kenne.
ויבא גם אל רחל ויאהב גם את רחל מלאה ויעבד עמו עוד שבע שנים אחרות 30
Yaaqoobis Raahel bira gaʼe; innis Liyaa caalaatti Raahelin jaallate. Waggoota biraa torbas Laabaaf hojjete.
וירא יהוה כי שנואה לאה ויפתח את רחמה ורחל עקרה 31
Waaqayyo yommuu akka Liyaan hin jaallatamin argetti gadameessa ishee baneef; Raahel garuu dhabduu turte.
ותהר לאה ותלד בן ותקרא שמו ראובן כי אמרה כי ראה יהוה בעניי--כי עתה יאהבני אישי 32
Liyaan ulfooftee ilma deesse. Isheenis waan, “Waaqayyo dhiphina koo argeeraatii dhugumaan siʼachi dhirsi koo na jaallata” jetteef maqaa isaa Ruubeen jettee moggaafte.
ותהר עוד ותלד בן ותאמר כי שמע יהוה כי שנואה אנכי ויתן לי גם את זה ותקרא שמו שמעון 33
Isheen ammas yommuu ulfooftee ilma deessetti, “Waaqayyo sababii akka ani hin jaallatamin dhagaʼeef ilma kanas naa kenne” jettee maqaa isaa Simiʼoon jettee moggaafte.
ותהר עוד ותלד בן ותאמר עתה הפעם ילוה אישי אלי כי ילדתי לו שלשה בנים על כן קרא שמו לוי 34
Ammas ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Sababii ani ilmaan sadii isaaf daʼeef amma dhirsi koo natti maxxana” jette; kanaafuu mucaan sun Lewwii jedhamee moggaafame.
ותהר עוד ותלד בן ותאמר הפעם אודה את יהוה--על כן קראה שמו יהודה ותעמד מלדת 35
Ammas isheen ulfooftee ilma deesse; isheenis, “Amma Waaqayyo nan galateeffadha” jette. Kanaafuu maqaa isaa Yihuudaa jettee moggaafte. Ergasiis daʼuu ni dhiifte.

< בראשית 29 >