< שמואל א 15 >

ויאמר שמואל אל שאול אתי שלח יהוה למשחך למלך על עמו על ישראל ועתה שמע לקול דברי יהוה 1
Saamuʼeelis Saaʼoliin akkana jedhe; “Akka ati saba isaa Israaʼel irratti mootii taatuuf akka ani si dibuuf Waaqayyo na ergeera; kanaafuu ati amma dubbii Waaqayyoo dhagaʼi.
כה אמר יהוה צבאות פקדתי את אשר עשה עמלק לישראל--אשר שם לו בדרך בעלתו ממצרים 2
Waaqayyo Waan Hundumaa Dandaʼu akkana jedha: ‘Waan isaan yeroo Israaʼel Gibxii baʼetti karaa irratti isaaniin mormuudhaan godhan sanaaf ani Amaaleqoota nan adaba.
עתה לך והכיתה את עמלק והחרמתם את כל אשר לו ולא תחמל עליו והמתה מאיש עד אשה מעלל ועד יונק משור ועד שה מגמל ועד חמור 3
Amma dhaqii Amaaleqoota dhaʼiitii waan kan isaanii taʼe hunda barbadeessi. Isaan hin hambisin; dhiirotaa fi dubartoonni, ijoollee fi daaʼimman, loonii fi hoolota, gaalawwanii fi harroota fixi.’”
וישמע שאול את העם ויפקדם בטלאים מאתים אלף רגלי ועשרת אלפים את איש יהודה 4
Kanaafuu Saaʼol iddoo Xilaaʼiim jedhamutti namoota walitti qabee lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo kuma dhibba lamaa fi namoota Yihuudaa kuma kudhan turan.
ויבא שאול עד עיר עמלק וירב בנחל 5
Saaʼolis gara magaalaa Amaaleqootaa dhaqee sulula tokko keessa riphee taaʼe.
ויאמר שאול אל הקיני לכו סרו רדו מתוך עמלקי פן אספך עמו ואתה עשיתה חסד עם כל בני ישראל בעלותם ממצרים ויסר קיני מתוך עמלק 6
Innis Qeenotaan, “Akka ani Amaaleqoota wajjin isin hin balleessineef achi hiiqaa; isaan irraas fagaadhaa; isin yeroo Israaʼeloonni hundi Gibxii baʼanitti waan gaarii isaaniif gootaniirtuutii” jedhe. Kanaafuu Qeenonni Amaaleqoota irraa fagaatan.
ויך שאול את עמלק מחוילה בואך שור אשר על פני מצרים 7
Ergasii Saaʼol Hawiilaa hamma Shuuri kan baʼa Gibxiitti argamuutti Amaaleqoota dhaʼe.
ויתפש את אגג מלך עמלק חי ואת כל העם החרים לפי חרב 8
Innis Agaag mooticha Amaaleqootaa utuma lubbuun jiruu boojiʼe; namoota isaa hundas guutumaan guutuutti goraadeen fixe.
ויחמל שאול והעם על אגג ועל מיטב הצאן והבקר והמשנים ועל הכרים ועל כל הטוב ולא אבו החרימם וכל המלאכה נמבזה ונמס אתה החרימו 9
Saaʼolii fi loltoonni isaa garuu Agaagin, hoolotaa fi loon, jabboota coccoomoo fi xobbaallaawwan hoolaa, waan gaarii hundas ni hambisan. Isaan kana guutumaan guutuutti fixuun fedhii isaanii hin turre; garuu waan tuffatamaa fi dadhabaa hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
ויהי דבר יהוה אל שמואל לאמר 10
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Saamuʼeel dhufe;
נחמתי כי המלכתי את שאול למלך--כי שב מאחרי ואת דברי לא הקים ויחר לשמואל ויזעק אל יהוה כל הלילה 11
“Ani Saaʼolin mootii gochuu kootti gaabbeera; inni sababii narraa garagaleef ajaja koo hin eegne.” Saamuʼeelis akka malee dhiphatee halkan sana guutuu Waaqayyotti booʼaa bule.
וישכם שמואל לקראת שאול בבקר ויגד לשמואל לאמר בא שאול הכרמלה והנה מציב לו יד ויסב ויעבר וירד הגלגל 12
Saamuʼeelis ganama bariin kaʼee Saaʼolin arguu deeme; taʼus, “Saaʼol gara Qarmeloos deemeera. Achittis erga soodduu yaadannoo isaa dhaabbatee booddee gara Gilgaalitti gad buʼeera” jedhamee itti himame.
ויבא שמואל אל שאול ויאמר לו שאול ברוך אתה ליהוה--הקימתי את דבר יהוה 13
Yeroo Saamuʼeel Saaʼol bira dhaqettis Saaʼol, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani ajaja Waaqayyoo eegeera” jedhe.
ויאמר שמואל ומה קול הצאן הזה באזני וקול הבקר אשר אנכי שמע 14
Saamuʼeel garuu, “Yoos marʼachuun hoolotaatii fi barooduun sangootaa kan ani dhagaʼu kun maali ree?” jedhe.
ויאמר שאול מעמלקי הביאום אשר חמל העם על מיטב הצאן והבקר למען זבח ליהוה אלהיך ואת היותר החרמנו 15
Saaʼolis, “Loltootatu Amaaleqoota irraa boojiʼee isaan fide; hoolotaa fi loon keessaa kanneen filatamoo taʼan Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa gochuuf hambisaniiru; nu garuu kanneen hafan guutumaan guutuutti barbadeessineerra” jedhee deebise.
ויאמר שמואל אל שאול הרף ואגידה לך את אשר דבר יהוה אלי הלילה ויאמרו (ויאמר) לו דבר 16
Saamuʼeelis Saaʼoliin, “Afachu! Ani waan Waaqayyo eda halkan natti hime sittin himaa” jedhe. Saaʼolis deebisee, “Natti himi” jedhe.
ויאמר שמואל--הלוא אם קטן אתה בעיניך ראש שבטי ישראל אתה וימשחך יהוה למלך על ישראל 17
Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Ati ija ofii keetii duratti xinnaa kan taatu iyyuu bulchaa gosa Israaʼel hin taanee? Waaqayyos Israaʼel irratti mootii godhee si dibeera.
וישלחך יהוה בדרך ויאמר לך והחרמתה את החטאים את עמלק ונלחמת בו עד כלותם אתם 18
Inni, ‘Dhaqiitii Amaaleqoota cubbamoota sana guutumaan guutuutti barbadeessi; hamma isaan fixxuttis isaan waraani’ jedhee si ergee ture.
ולמה לא שמעת בקול יהוה ותעט אל השלל ותעש הרע בעיני יהוה 19
Ati maaliif Waaqayyoof hin ajajamne ree? Maaliif gaggabdee boojuu irratti lafa dhooftee fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjette?”
ויאמר שאול אל שמואל אשר שמעתי בקול יהוה ואלך בדרך אשר שלחני יהוה ואביא את אגג מלך עמלק ואת עמלק החרמתי 20
Saaʼolis akkana jedhee deebise; “Ani Waaqayyoof ajajameera; gara Waaqayyo itti na erges dhaqeera. Ani Amaaleqoota guutumaan guutuutti barbadeessee mootii isaanii Agaagin fideera.
ויקח העם מהשלל צאן ובקר ראשית החרם לזבח ליהוה אלהיך בגלגל 21
Loltoonni garuu Gilgaalitti Waaqayyo Waaqa keetiif aarsaa dhiʼeessuuf jedhanii boojuu sana keessaa waan filatamaa Waaqaaf qulqulleeffame keessaa hoolotaa fi loon fudhatan.”
ויאמר שמואל החפץ ליהוה בעלות וזבחים כשמע בקול יהוה הנה שמע מזבח טוב להקשיב מחלב אילים 22
Saamuʼeelis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo akka yeroo sagalee isaatiif ajajamanitti gammadu sana, aarsaa gubamuu fi qalmatti ni gammadaa? Ajajamuutu aarsaa caala; dhagaʼuunis cooma korbeessa hoolaa caala.
כי חטאת קסם מרי ואון ותרפים הפצר יען מאסת את דבר יהוה וימאסך ממלך 23
Fincilli akka cubbuu falfala hojjechuu ti; mata jabinnis akka hammina Waaqa tolfamaa waaqeffachuu ti. Waan ati dubbii Waaqayyoo tuffatteef, anis akka ati mootii hin taane si tuffadheera.”
ויאמר שאול אל שמואל חטאתי כי עברתי את פי יהוה ואת דבריך כי יראתי את העם ואשמע בקולם 24
Saaʼolis Saamuʼeeliin akkana jedhe; “Ani cubbuu hojjedheera. Ani ajaja Waaqayyootii fi dubbii kee fudhachuu dideera. Ani waanan namoota sodaadheef isaanii ajajameera.
ועתה שא נא את חטאתי ושוב עמי ואשתחוה ליהוה 25
Ammas cubbuu koo naa dhiisiitii akka ani Waaqayyoof sagaduuf na wajjin deebiʼi.”
ויאמר שמואל אל שאול לא אשוב עמך כי מאסתה את דבר יהוה וימאסך יהוה מהיות מלך על ישראל 26
Saamuʼeel immoo, “Ani si wajjin hin deebiʼu. Ati dubbii Waaqayyoo tuffatteerta; Waaqayyos saba Israaʼel irratti mootii taʼuu kee tuffateera!” jedheen.
ויסב שמואל ללכת ויחזק בכנף מעילו ויקרע 27
Akkuma Saamuʼeel deemuuf of irra garagaleenis Saaʼol handaara uffata isaa qabe; uffanni isaas ni tarsaʼe.
ויאמר אליו שמואל קרע יהוה את ממלכות ישראל מעליך היום ונתנה לרעך הטוב ממך 28
Saamuʼeelis akkana isaan jedhe; “Waaqayyo harʼa mootummaa Israaʼel sirraa tarsaasee ollaa kee kan si caalu tokkoof kenneera.
וגם נצח ישראל לא ישקר ולא ינחם כי לא אדם הוא להנחם 29
Inni ulfina Israaʼel taʼe sun takkumaa hin sobu yookaan yaada isaa hin geeddaru; akka yaada isaa hin geeddarreef inni nama miti.”
ויאמר חטאתי--עתה כבדני נא נגד זקני עמי ונגד ישראל ושוב עמי והשתחויתי ליהוה אלהיך 30
Saaʼol immoo deebisee, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu fuula maanguddoota saba kootiitii fi fuula Israaʼel duratti ulfina naa kenni; akka ani Waaqayyo Waaqa keetiif sagaduufis kottuu na wajjin deebiʼi” jedhe.
וישב שמואל אחרי שאול וישתחו שאול ליהוה 31
Saamuʼeel akkasiin Saaʼol wajjin deebiʼe; Saaʼolis Waaqayyoof sagade.
ויאמר שמואל הגישו אלי את אגג מלך עמלק וילך אליו אגג מעדנת ויאמר אגג אכן סר מר המות 32
Saamuʼeelis, “Agaag mootii Amaaleqootaa sana as naa fidaa” jedhe. Agaagis, “Hadhaan duʼaa dhugumaan narraa fagaateera” jedhee gammadaa gara isaa dhufe.
ויאמר שמואל--כאשר שכלה נשים חרבך כן תשכל מנשים אמך וישסף שמואל את אגג לפני יהוה בגלגל 33
Saamuʼeel garuu, “Akkuma goraadeen kee dubartoota ilmoo malee hambise sana, haati kees dubartoota keessaa ilmoo malee hafti” jedhe. Saamuʼeelis Gilgaalitti fuula Waaqayyoo duratti Agaagin ciccire.
וילך שמואל הרמתה ושאול עלה אל ביתו גבעת שאול 34
Ergasiis Saamuʼeel gara Raamaa deeme; Saaʼol garuu gara mana ofii isaa, gara Gibeʼaa Saaʼolitti qajeele.
ולא יסף שמואל לראות את שאול עד יום מותו כי התאבל שמואל אל שאול ויהוה נחם כי המליך את שאול על ישראל 35
Saamuʼeel hamma gaafa duʼeetti deebiʼee Saaʼolin hin argine; Saamuʼeel garuu Saaʼoliif booʼaa ture. Waaqayyos Israaʼel irratti Saaʼolin mootii gochuu isaatti ni gaabbe.

< שמואל א 15 >