< Luka 10 >

1 Bayan wadannan abubuwa, Ubangiji ya sake nada wadansu saba'in ya aike su biyu biyu, domin su tafi kowanne birni da wurin da yake niyyan zuwa.
Kana booddee Gooftaan namoota biraa 72 muudee gara magaalaawwanii fi lafa ofii dhaquuf ture hundaatti lama lamaan of dura isaan erge.
2 Ya ce da su, “Girbin yana da yawa, amma ma'aikatan sun yi kadan. Saboda haka kuyi addu'a sosai ga Ubangijin girbin, domin ya aiko da ma'aikata cikin gonarsa.
Akkanas isaaniin jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa. Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.
3 Ku tafi, duba na aike ku kamar 'yan raguna cikin kyarkyetai.
Deemaa! Ani akka ilmoolee hoolaa gara gidduu yeeyyiitti isin erga.
4 Kada ku dauki jakan kudi, ko jakar matafiyi, ko takalma, kada ku gai da kowa a kan hanya.
Borsaa yookaan korojoo yookaan kophee hin qabatinaa; karaa irrattis nama tokko illee nagaa hin gaafatinaa.
5 Dukan gidan da ku ka shiga, ku fara cewa, 'Bari salama ta kasance a wannan gida.'
“Yeroo mana tokko seentanitti dursaatii, ‘Nagaan mana kanaaf haa taʼu’ jedhaa.
6 Idan akwai mutum mai salama a gidan, salamar ku za ta kasance a kansa, amma idan babu, salamar ku za ta dawo wurinku.
Yoo namni nagaa achi jiraate, nagaan keessan isaaf taʼa; yoo kanaa achii nagaan keessan isiniif deebiʼa.
7 Ku zauna a wannan gidan, ku ci ku sha abin da suka tanada maku. Gama ma'aikaci ya wajibci ladansa. Kada ku bi gida gida.
Waan isaan isinii kennan hunda nyaachaa, dhugaas achuma turaa; hojjetaaf mindaa isaa argachuun ni malaatii. Manaa gara manaatti hin labinaa.
8 Dukan birnin da ku ka shiga kuma sun karbe ku, ku ci abin da suka sa a gabanku.
“Yeroo magaalaa tokko seentanii simatamtanitti waanuma isinii dhiʼaate nyaadhaa.
9 Ku warkar da marasa lafiyar da ke wurin. Ku ce da su, 'Mulkin Allah ya zo kusa da ku.'
Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, ‘Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateera’ jedhaa isaanitti himaa.
10 Amma dukan birnin da ku ka shiga, idan ba su karbe ku ba, ku tafi cikin titunansu, ku ce,
Yoo magaalaa tokko seentanii isin simachuu baatan garuu gara daandii magaalaatti baʼaatii akkana jedhaa;
11 'Ko kurar birninku da ta like a kafafunmu, mun karkabe maku ita a matsayin shaida a kanku! Amma ku sani mulkin Allah ya zo kusa da ku.'
‘Nu akka akeekkachiisa isinii taʼuuf awwaara magaalaa keessanii illee miilla keenya irraa dhadhaʼanna. Taʼus waan kana beekaa: Mootummaan Waaqaa dhiʼaateera.’
12 Na gaya maku, a ranar shari'a Saduma za ta fi wannan birni samun sauki.
Ani isinittin hima; gaafas magaalaa sana irra Sodoomiif ni salphata.
13 Kaiton ki, Korasinu! Kaiton ki, Baitsaida! Ayyuka masu girma da aka yi a cikinku, da an yi su a cikin Taya da Sidon, da sun tuba tuntuni a zaune cikin toka da tufafin makoki.
“Yaa Koraaziin siif wayyoo! Yaa Beetisayidaa siif wayyoo! Hojiin dinqii kan isin keessatti hojjetame sun utuu Xiiroosii fi Siidoonaa keessatti hojjetamee jiraatee isaan silaa yeroo dheeraan dura uffata gaddaa uffatanii, daaraa keessas tataaʼanii qalbii jijjiirratu turan.
14 Amma a ranar shari'a Taya da Sidon za su fi ku samun sauki.
Garuu guyyaa murtiitti isin irra Xiiroosii fi Siidoonaaf ni salphata.
15 Ke kuma Kafarnahum, kina tsammani har zuwa sama za a daukaka ki? Babu, za a gangarar dake har zuwa hadas. (Hadēs g86)
Atis yaa Qifirnaahom, hamma samiitti ol kaafamtaa? Lakki, Siiʼoolitti gad buuta. (Hadēs g86)
16 Wanda ya saurare ku ya saurare ni, wanda ya ki ku, ya ki ni, kuma wanda ya ki ni, ya ki wanda ya aiko ni.”
“Namni isin dhagaʼu kam iyyuu na dhagaʼa; namni isin dhagaʼuu didu anas dhagaʼuu dida; namni na dhagaʼuu didu immoo isa na erge sana dhagaʼuu dida.”
17 Su saba'in din suka dawo da murna, suna cewa, “Ubangiji, har ma aljanu suna yi mana biyayya, a cikin sunanka.”
Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, “Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru” jedhan.
18 Sai Yesu ya ce masu, “Na ga Shaidan yana fadowa daga sama kamar walkiya.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge.
19 Duba, na ba ku iko ku taka macizai da kunamai, da kuma kan dukan ikon magabci, kuma ba zai iya yin illa a gareku ba ko kadan.
Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.
20 Amma duk da haka kada ku yi murna a kan wannan kadai cewa ruhohi suna yi maku biyayya, amma ku yi murna domin an rubuta sunayenku a cikin sama.”
Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa.”
21 Cikin wannan lokacin, ya yi farin ciki kwarai cikin Ruhu Mai Tsarki, ya ce, “Na ba ka girma, ya Uba, Ubangijin sama da kasa. Domin ka rufe wadannan abubuwa daga masu hikima da ganewa, ka bayyana su ga wadanda ba koyayyu ba ne, kamar kananan yara. I, Uba gama haka ne ya gamshe ka.”
Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.
22 Dukan abu, Ubana ya damka su gare ni, kuma babu wanda ya san Dan, sai Uban, kuma ba wanda ya san Uban, sai Dan. Sai kuma wanda Dan ya yi niyyar ya bayyana Uban a gareshi.”
“Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilmi eenyu akka taʼe hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaan eenyu akka taʼe hin beeku.”
23 Ya juya wajen almajiran, ya ce da su a kadaice, “Masu albarka ne su wadanda suka ga abin da kuke gani.
Barattoota isaattis garagalee kophaatti akkana jedheen; “Iji waan isin argitan argu eebbifamaa dha.
24 Na fada maku, annabawa da yawa, da sarakuna da yawa sun so da sun ga abubuwan da kuke gani, amma ba su gani ba. Kuma sun so da sun ji abubuwan da kuke ji, amma ba su ji su ba.”
Ani isinittin himaatii raajonnii fi mootonni baayʼeen waan isin argitan kana arguu barbaadan; garuu hin argine. Waan isin dhageessan kanas dhagaʼuu barbaadan; garuu hin dhageenye.”
25 Sai ga wani malamin shari'ar Yahudawa, ya zo ya gwada shi da cewa, “Malam, me zan yi domin in gaji rai na har abada?” (aiōnios g166)
Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, “Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?” jedhee gaafate. (aiōnios g166)
26 Sai Yesu ya ce masa, “Yaya kake karanta abin da aka rubuta cikin shari'a?”
Yesuusis deebisee, “Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?” jedheen.
27 Ya amsa ya ce,”Dole ne ka kaunaci Ubangiji Allah da dukan zuciyarka, da dukan ranka da dukan karfinka, da dukan lamirinka. Ka kuma kaunaci makwabcinka kamar kanka.”
Namichis, “‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu; ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’” jedhee deebise.
28 Yesu ya ce ma sa, “Ka amsa daidai, idan ka yi haka za ka rayu.”
Yesuusis, “Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa” jedheen.
29 Amma, malamin ya na so ya 'yantar da kansa, sai ya ce da Yesu, “To, wanene makwabcina?”
Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, “Ollaan koo eenyu?” jedhee Yesuusin gaafate.
30 Ya amsa ya ce, “Wani mutum yana tafiya daga Urushalima za shi Yariko. Sai ya fada hannun mafasa, suka tube shi, suka kwace dukan abin da ya ke da shi, suka yi masa duka, suka bar shi kamar matacce.
Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman.
31 Ya zama sai ga wani firist ya na bin wannan hanya, da ya gan shi sai ya bi ta gefe daya ya wuce.
Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe.
32 Haka kuma sai ga wani Balawi, sa'adda ya zo wurin, ya gan shi sai ya bi ta wani gefe ya wuce shi.
Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe.
33 Amma wani Basamariye, ya na tafiya sa'adda ya zo wurin da mutumin yake, sa'adda ya ga mutumin sai tausayi ya kama shi.
Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef.
34 Ya zo inda mutumin yake, ya daure masa raunukan da aka ji masa, yana shafa masu mai da ruwan inabi. Ya dora shi a kan dabbarsa ya kawo shi wurin kwana, ya kula da shi
Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare.
35 Washegari ya kawo dinari biyu, ya ba mai wurin kwanan ya ce 'Ka kula da shi, idan ma ka kashe fiye da haka, idan na dawo zan biya ka.'
Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen.
36 A cikinsu ukun nan, wanene kake tsammani makwabcin wannan mutum da ya fada hannun 'yan fashi?”
“Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?”
37 Sai malamin ya ce, “Wannan da ya nuna masa jinkai” Sai Yesu yace masa, “Ka je kai ma ka yi haka.”
Hayyuun seeraa sunis, “Isa garaa laafeef sana” jedheen. Yesuusis, “Atis dhaqiitii akkasuma godhi” jedheen.
38 Sa'adda suke tafiya, sai ya shiga cikin wani kauye, sai wata mata mai suna Marta ta marabce shi a gidanta.
Utuu karaa deemaa jiranuu Yesuus ganda tokko seene; dubartiin Maartaa jedhamtu tokkos mana isheetti isa simatte.
39 Tana da 'yar'uwa mai suna Maryamu, wadda ta zauna a kafafun Ubangiji tana jin abin da yake fadi.
Isheenis obboleettii Maariyaam jedhamtu tokko qabdi turte; Maariyaamis miilla Gooftaa jala teessee waan inni jedhu dhaggeeffachaa turte.
40 Amma ita Marta ta na ta kokari ta shirya abinci. Sai ta zo wurin Yesu ta ce, “Ubangiji, ba ka damu ba 'yar'uwata ta bar ni ina ta yin aiki ni kadai? Ka ce da ita ta taya ni.”
Maartaan garuu baayʼina hojiitiin waan dadhabaa turteef gara isaa dhuftee, “Yaa Gooftaa, obboleettiin koo akka ani hojii hunda kophaa koo hojjedhu natti dhiisuun ishee si hin gaddisiisuu? Akka isheen na gargaartu itti himi!” jette.
41 Amma Ubangiji ya amsa ya ce da ita, “Marta, Marta, kin damu a kan abubuwa da yawa,
Gooftaanis deebisee akkana jedheen; “Yaa Maartaa, yaa Maartaa, ati waaʼee waan baayʼee yaaddofta; ni raafamtas.
42 amma abu daya ne ya zama dole. Maryamu ta zabi abu mafi kyau, wanda ba za a iya kwace mata ba.”
Wanni barbaachisu garuu waanuma tokko qofa; Maariyaam isa caalu filatteerti; innis ishee irraa hin fudhatamu.”

< Luka 10 >