< 1 Tarihi 11 >

1 Dukan Isra’ila fa suka taru wurin Dawuda a Hebron suka ce, “Mu jiki da jininka ne.
Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
2 A dā, ko a lokacin da Shawulu yake sarki, ai, kai ne kake shugabantar Isra’ila a yaƙe-yaƙe. Kuma Ubangiji Allahnka ya ce maka, ‘Za ka zama makiyayin mutanena Isra’ila, za ka kuma zama mai mulkinsu.’”
Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
3 Sa’ad da dukan dattawan Isra’ila suka zo wurin Sarki Dawuda a Hebron, suka yi yarjejjeniya da shi a gaban Ubangiji, suka kuwa shafe Dawuda ya zama sarki a bisa Isra’ila, yadda Ubangiji ya yi alkawari ta wurin Sama’ila.
Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
4 Dawuda tare da dukan Isra’ilawa suka taka zuwa Urushalima (wato, Yebus). Yebusiyawan da suke zama a wurin
Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
5 suka ce wa Dawuda, “Ba za ka shiga nan ba.” Duk da haka, Dawuda ya ci kagarar Sihiyona, Birnin Dawuda.
Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
6 Dawuda ya ce, “Duk wanda ya jagoranci yaƙi a kan Yebusiyawa zai zama babban shugaban mayaƙa.” Yowab ɗan Zeruhiya ya fara haurawa, ta haka ya zama shugaba.
Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
7 Dawuda zauna a kagarar, ta haka aka kira ta Birnin Dawuda.
Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
8 Sai ya gina birni kewaye da shi, daga madogaran gini zuwa katangar da take kewaye, yayinda Yowab ya maido da sauran birnin.
Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
9 Dawuda kuwa ya ƙara ƙarfi, domin Ubangiji Maɗaukaki yana tare da shi.
Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
10 Waɗannan su ne manyan jarumawan Dawuda, su ne, tare da dukan Isra’ila, suka ba wa mulkinsa goyon baya mai ƙarfi da ya kai bisa dukan ƙasar, yadda Ubangiji ya yi alkawari.
Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
11 Ga jerin sunayen jarumawan Dawuda. Yashobeyam wani ɗan Hakmoni, shi ne babban shugaba; ya ɗaga māshinsa a kan mutum ɗari uku, waɗanda ya kashe a ƙarawa guda kawai.
Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe.
12 Biye da shi, shi ne Eleyazar ɗan Dodo mutumin Aho, ɗaya daga cikin jarumawa uku.
Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
13 Yana tare da Dawuda a Fas Dammim sa’ad da Filistiyawa suka taru can don yaƙi. A wani wuri inda akwai gona cike da sha’ir, sojoji suka gudu daga Filistiyawa.
Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
14 Sai shi da Dawuda suka shiga gonar sha’ir ɗin, suka tsaya ciki don su tsare ta. Suka ragargaza Filistiyawa, Ubangiji kuma ya kawo babban nasara.
Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
15 Wata rana uku cikin manyan mutanen nan talatin suka gangara wurin Dawuda zuwa dutse a kogon Adullam, yayinda ƙungiyar Filistiyawa suke sansani a Kwarin Refayim.
Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
16 A lokacin Dawuda yana cikin mafaka, sojojin Filistiyawa kuma suna a Betlehem.
Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
17 Dawuda ya ji marmarin ruwan sha sai ya ce, “Kash, a ce wani zai sami mini ruwan sha daga rijiya kusa da ƙofar Betlehem mana!”
Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
18 Sai Ukun suka kutsa kai cikin sansanin Filistiyawa, suka ja ruwa daga rijiyar da take kusa da ƙofar Betlehem suka ɗauko shi suka kawo wa Dawuda. Amma ya ƙi yă sha; a maimako, sai ya zubar da shi a gaban Ubangiji.
Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
19 Ya ce, “Allah yă sawwaƙe in yi haka, ya kamata in sha jinin waɗannan mutanen da suka yi kasai da rayukansu?” Domin sun yi kasai da rayukansu don su dawo da shi, Dawuda bai sha shi ba. Irin abubuwan da jarumawa ukun nan suka yi ke nan.
Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
20 Abishai ɗan’uwan Yowab shi ma babba ne cikin Ukun nan. Ya ɗaga māshinsa a kan mutum ɗari uku, waɗanda ya kashe, ya kuma zama sananne kamar Ukun.
Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
21 Aka ninka girmama shi bisa Ukun, sai ya zama shugaba, ko da yake ba a haɗa shi a cikinsu ba.
Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
22 Benahiya ɗan Yehohiyada shi ma wani barden yaƙi ne daga Kabzeyel, wanda ya yi manyan abubuwa. Ya bugi gwanayen Mowab biyu. Ya kuma gangara zuwa cikin rami a ranar da aka yi dusar ƙanƙara ya kashe zaki.
Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
23 Ya kuma kashe wani mutumin Masar mai tsayi ƙafa bakwai da rabi. Ko da yake mutumin Masar yana da māshi kamar sandan masaƙa a hannunsa, Benahiya ya yaƙe shi da kulki. Ya ƙwace māshin daga hannun mutumin Masar ya kuma kashe shi da māshin nan nasa.
Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
24 Irin abubuwan da Benahiya ɗan Yehohiyada ya yi ke nan; shi ma sananne ne kamar waɗannan jarumawa uku.
Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
25 Aka ɗauka shi da bangirma fiye da Talatin nan, amma ba a haɗa shi cikin Ukun ba. Dawuda kuwa ya sa shi yă lura da masu tsaron lafiyarsa.
Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
26 Jarumawan nan su ne, Asahel ɗan’uwan Yowab, Elhanan ɗan Dodo daga Betlehem,
Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
27 Shammot mutumin Haror, Helez mutumin Felon,
Shamoot namicha gosa Haroor, Heleez namicha gosa Pheloonaa,
28 Ira ɗan Ikkesh daga Tekowa, Abiyezer daga Anatot,
Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, Abiiʼezer nama Anaatoot,
29 Sibbekai mutumin Husha, Ilai mutumin Aho,
Siibekaay nama biyya Hushaa, Iilaayi nama Ahooʼaa,
30 Maharai mutumin Netofa, Heled ɗan Ba’ana mutumin Netofa,
Maharaayi nama Netoofaa, Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
31 Ittai ɗan Ribai daga Gibeya a Benyamin, Benahiya mutumin Firaton,
gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, Benaayaa nama Phiraatoon,
32 Hurai daga kogunan Ga’ash, Abiyel mutumin Arba,
Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
33 Azmawet mutumin Harum, Eliyaba mutumin Sha’albo,
Azmaawet namicha Baharuum, Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
34 ’ya’yan Hashem mutumin Gizon maza, Yonatan ɗan Shageye mutumin Harar,
ilmaan Haasheem namicha Gizoon, Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
35 Ahiyam ɗan Sakar mutumin Harar, Elifal ɗan Ur,
Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, Eliifaal ilma Uuri,
36 Hefer mutumin Mekerat, Ahiya mutumin Felon,
Heefer namicha Mekeeraataa, Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
37 Hezro mutumin Karmel, Na’arai ɗan Ezbai,
Hezroo nama Qarmeloos, Naʼaraayi ilma Ezbayi,
38 Yowel ɗan’uwan Natan, Mibhar ɗan Hagiri,
Yooʼeel obboleessa Naataanii, Mibehaar ilma Hagrii,
39 Zelek mutumin Ammon Naharai Baroti, mai ɗaukar kayan yaƙin Yowab ɗan Zeruhiya,
Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
40 Ira mutumin Itra, Gareb mutumin Itra,
Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
41 Uriya mutumin Hitti Zabad ɗan Alai,
Uuriyaa namicha Heet, Zaabaad ilma Ahilayi,
42 Adina ɗan Shiza mutumin Ruben, wanda shi ne babba na mutanen Ruben, kuma talatin suna tare da shi,
Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
43 Hanan ɗan Ma’aka, Yoshafat mutumin Mit,
Haanaan ilma Maʼakaa, Yooshaafaaxi namicha Miitinaa,
44 Uzziya mutumin Ashtarot, Shama da Yehiyel’ya’yan Hotam mutumin Arower maza,
Uziyaa namicha Ashteraati, Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer,
45 Yediyayel ɗan Shimri, ɗan’uwansa Yoha mutumin Tiz,
Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii,
46 Eliyel mutumin Ma’aha, Yeribai da Yoshawiya’ya’yan Elna’am maza, Itma mutumin Mowab,
Eliiʼeel namicha Mahawaa, Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, Yitmaa namicha Moʼaab,
47 Eliyel, Obed da Ya’asiyel mutumin Mezob.
Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.

< 1 Tarihi 11 >