< Προς Εβραιους 12 >

1 τοιγαρουν και ημεις τοσουτον εχοντες περικειμενον ημιν νεφος μαρτυρων ογκον αποθεμενοι παντα και την ευπεριστατον αμαρτιαν δι υπομονης τρεχωμεν τον προκειμενον ημιν αγωνα
Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa;
2 αφορωντες εις τον της πιστεως αρχηγον και τελειωτην ιησουν ος αντι της προκειμενης αυτω χαρας υπεμεινεν σταυρον αισχυνης καταφρονησας εν δεξια τε του θρονου του θεου κεκαθικεν
kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.
3 αναλογισασθε γαρ τον τοιαυτην υπομεμενηκοτα υπο των αμαρτωλων εις αυτον αντιλογιαν ινα μη καμητε ταις ψυχαις υμων εκλυομενοι
Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.
4 ουπω μεχρις αιματος αντικατεστητε προς την αμαρτιαν ανταγωνιζομενοι
Isin amma iyyuu walʼaansoo cubbuu wajjin gootan keessatti hamma dhiiga dhangalaasuutti jabaattanii hin mormine.
5 και εκλελησθε της παρακλησεως ητις υμιν ως υιοις διαλεγεται υιε μου μη ολιγωρει παιδειας κυριου μηδε εκλυου υπ αυτου ελεγχομενος
Dubbii jajjabinaa kan akkuma ilmaaniitti isinitti dubbatu sana irraanfattaniirtu; innis akkana jedha: “Yaa ilma ko, adabbii Gooftaa hin tuffatin; yommuu inni si ifatus abdii hin kutatin;
6 ον γαρ αγαπα κυριος παιδευει μαστιγοι δε παντα υιον ον παραδεχεται
Gooftaan warra jaallatu ni adabaatii; inni nama akka ilmaatti ilaalu kam iyyuu ni adaba.”
7 εις παιδειαν υπομενετε ως υιοις υμιν προσφερεται ο θεος τις γαρ υιος εστιν ον ου παιδευει πατηρ
Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti?
8 ει δε χωρις εστε παιδειας ης μετοχοι γεγονασιν παντες αρα νοθοι εστε και ουχ υιοι
Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti.
9 ειτα τους μεν της σαρκος ημων πατερας ειχομεν παιδευτας και ενετρεπομεθα ου πολλω μαλλον υποταγησομεθα τω πατρι των πνευματων και ζησομεν
Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree!
10 οι μεν γαρ προς ολιγας ημερας κατα το δοκουν αυτοις επαιδευον ο δε επι το συμφερον εις το μεταλαβειν της αγιοτητος αυτου
Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
11 πασα δε παιδεια προς μεν το παρον ου δοκει χαρας ειναι αλλα λυπης υστερον δε καρπον ειρηνικον τοις δι αυτης γεγυμνασμενοις αποδιδωσιν δικαιοσυνης
Adabbiin hundinuu yeroo sana waan nama gaddisiisu malee waan nama gammachiisu hin fakkaatu. Ergasii garuu warra adabbii sanaan leenjifamaniif ija qajeelummaa fi nagaa kenna.
12 διο τας παρειμενας χειρας και τα παραλελυμενα γονατα ανορθωσατε
Kanaafuu irree laafee fi jilba dadhabe jabeessaa.
13 και τροχιας ορθας ποιησατε τοις ποσιν υμων ινα μη το χωλον εκτραπη ιαθη δε μαλλον
Naafti akka fayyuuf malee akka karaa irraa hin jalʼanneef, “Miilla keessaniif daandii qajeelaa baafadhaa.”
14 ειρηνην διωκετε μετα παντων και τον αγιασμον ου χωρις ουδεις οψεται τον κυριον
Nama hunda wajjin nagaadhaan jiraachuu fi qulqulluu taʼuuf tattaaffadhaa; qulqullummaan malee namni kam iyyuu Gooftaa arguu hin dandaʼuutii.
15 επισκοπουντες μη τις υστερων απο της χαριτος του θεου μη τις ριζα πικριας ανω φυουσα ενοχλη και δια ταυτης μιανθωσιν πολλοι
Nama kamitti iyyuu ayyaanni Waaqaa akka hin hirʼanne of eeggadhaa; hiddi hadhaaʼaan biqilee rakkina akka hin uumnee fi namoota baayʼees hin xureessineef of eeggadhaa.
16 μη τις πορνος η βεβηλος ως ησαυ ος αντι βρωσεως μιας απεδοτο τα πρωτοτοκια αυτου
Namni kam iyyuu akka Esaawu isa mirga hangafummaa isaa nyaata tokkittiitti gurgurate sanaa sagaagaltuu yookaan nama Waaqatti hin bulle hin taaneef of eeggadhaa.
17 ιστε γαρ οτι και μετεπειτα θελων κληρονομησαι την ευλογιαν απεδοκιμασθη μετανοιας γαρ τοπον ουχ ευρεν καιπερ μετα δακρυων εκζητησας αυτην
Inni ergasii yeroo eebba sana dhaaluu barbaadetti akka didame isin ni beektu. Inni yoo eebba sana imimmaaniin barbaade illee geeddarama tokko illee fiduu hin dandeenye.
18 ου γαρ προσεληλυθατε ψηλαφωμενω ορει και κεκαυμενω πυρι και γνοφω και σκοτω και θυελλη
Isin gara tulluu tuqamuu dandaʼuu fi ibiddi irraa bobaʼu, gara dukkanaa, gara dimimmisaa fi bubbee hin geenye;
19 και σαλπιγγος ηχω και φωνη ρηματων ης οι ακουσαντες παρητησαντο μη προστεθηναι αυτοις λογον
gara sagalee malakataatii fi gara sagalee dubbii dubbatuu hin geenye; warri isa dhagaʼanis akka dubbiin biraa dabalamee isaanitti hin dubbatamne kadhatan.
20 ουκ εφερον γαρ το διαστελλομενον καν θηριον θιγη του ορους λιθοβοληθησεται
Isaan waan, “Bineensi iyyuu yoo tulluu sana tuqe dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu” jedhamee ajajame sana obsuu hin dandeenyeetii.
21 και ουτως φοβερον ην το φανταζομενον μωυσης ειπεν εκφοβος ειμι και εντρομος
Wanti achitti mulʼates waan sodaachisaa taʼeef Museen, “Ani sodaadhaan hollachaan jira” jedhe.
22 αλλα προσεληλυθατε σιων ορει και πολει θεου ζωντος ιερουσαλημ επουρανιω και μυριασιν αγγελων
Isin garuu gara Tulluu Xiyoon, gara magaalaa Waaqa jiraataa jechuunis Yerusaalem ishee samii keessaa dhuftaniirtu. Gara ergamoota kumaatama gammachuun walitti qabamanii dhuftaniirtu;
23 πανηγυρει και εκκλησια πρωτοτοκων εν ουρανοις απογεγραμμενων και κριτη θεω παντων και πνευμασιν δικαιων τετελειωμενων
gara waldaa kiristaanaa hangafoota maqaan isaanii samii keessatti barreeffamee dhuftaniirtu. Gara Waaqa Abbaa Murtii waan hundaa, gara hafuurota namoota qajeeltota warra mudaa hin qabne taasifamanii,
24 και διαθηκης νεας μεσιτη ιησου και αιματι ραντισμου κρειττον λαλουντι παρα τον αβελ
gara Yesuus araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa, gara dhiiga facaafame kan dubbii dhiigni Abeel dubbatu sana caalaa dubbatuu dhuftaniirtu.
25 βλεπετε μη παραιτησησθε τον λαλουντα ει γαρ εκεινοι ουκ εφυγον τον επι γης παραιτησαμενοι χρηματιζοντα πολλω μαλλον ημεις οι τον απ ουρανων αποστρεφομενοι
Isinis akka isa dubbachaa jiru sana hin didneef of eeggadhaa. Erga isaan yeroo isa lafa irratti isaan akeekkachiise sana didanitti jalaa hin baʼin, nu immoo yoo isa samii irraa nu akeekkachiisu sana irraa gara galle akkamitti jalaa baʼuu dandeenya ree?
26 ου η φωνη την γην εσαλευσεν τοτε νυν δε επηγγελται λεγων ετι απαξ εγω σειω ου μονον την γην αλλα και τον ουρανον
Yeroo sanatti sagaleen isaa lafa sochoose; amma garuu inni, “Ani ammas yeroo tokko lafa qofa utuu hin taʼin samiiwwanis nan sochoosa” jedhee waadaa galeera.
27 το δε ετι απαξ δηλοι των σαλευομενων την μεταθεσιν ως πεποιημενων ινα μεινη τα μη σαλευομενα
Dubbiin, “Ammas yeroo tokko” jedhu kun akka wanni hin sochoofamne hafee jiraatuuf, wanni sochoofamu jechuunis wanni uumame baduu isaa argisiisa.
28 διο βασιλειαν ασαλευτον παραλαμβανοντες εχωμεν χαριν δι ης λατρευομεν ευαρεστως τω θεω μετα αιδους και ευλαβειας
Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu;
29 και γαρ ο θεος ημων πυρ καταναλισκον
Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.

< Προς Εβραιους 12 >