< Mica 7 >

1 Weh mir! Denn es ist mir ergangen wie bei der Obstlese, wie bei der Nachlese in der Weinernte: Keine Traube mehr zum Essen, keine Frühfeige, nach der mich's gelüstete!
Anaaf wayyoo! Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
2 Die Frommen sind aus dem Lande geschwunden, Redliche giebt es nicht mehr unter den Menschen; sie alle liegen auf der Lauer nach Blutthaten, einer stellt dem andern mit dem Netze nach.
Namni gaariin lafa irraa badeera; namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu; tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
3 Auf das Böse sind ihre Hände aus, es eifrig zu verrichten. Der Obere fordert, und der Richter richtet für Bezahlung, und der Große redet seines Herzens Gelüste frei heraus, und so flechten sie es zusammen.
Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu.
4 Der Beste von ihnen gleicht einem Stechdorn, der Rechtschaffene ist schlimmer als eine Hecke. Der Tag, dem die Worte deiner Späher galten, deine Heimsuchung zieht heran! Dann kommt ihre Bestürzung!
Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. Guyyaan eegdota keetii, guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
5 Traut nicht mehr auf einen Freund! Verlaßt euch nicht mehr auf einen Vertrauten! Hüte die Pforten deines Mundes selbst vor der, die an deinem Busen liegt!
Ollaa hin amanatin; michuus hin abdatin. Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu arraba kee eeggadhu.
6 Denn der Sohn verunehrt den Vater, die Tochter lehnt sich gegen ihre Mutter, die Schwiegertochter gegen ihre Schwiegermutter auf: Des Mannes Feinde sind die eigenen Hausgenossen!
Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
7 Ich aber will ausspähen nach Jahwe, will harren auf den Gott, der mein Heil! Mein Gott wird mich hören!
Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.
8 Freue dich nur nicht über mich, meine Feindin! Denn bin ich gefallen, so stehe ich auch wieder auf; sitze ich in Finsternis, so ist doch Jahwe mein Licht!
Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.
9 Den Unwillen Jahwes will ich tragen, weil ich mich an ihm versündigt habe, bis er sich meiner Sache annimmt und mir Recht schafft. Er wird mich zum Lichte führen; ich werde mich erquicken an seiner Gerechtigkeit.
Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
10 Meine Feindin soll es sehen und mit Schande bedeckt werden, sie, die jetzt zu mir spricht: Wo ist nun Jahwe, dein Gott? Meine Augen werden ihre Lust an ihr sehen; dann wird sie wie Straßenkot zertreten werden.
Ergasii diinni koo isheen, “Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun waan kana argitee qaaniin haguugamti. Iji koo kufaatii ishee ni arga; Isheen amma iyyuu miilla jalatti akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
11 Es kommt ein Tag, da man deine Mauern wiederherstellt; jenes Tags werden deine Grenzen weit hinausrücken.
Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
12 Jenes Tags wird man zu dir kommen von Assyrien bis Ägypten und von Ägypten bis an den Euphratstrom, von Meer zu Meer und von Berg zu Berg.
Gaafas namoonni Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
13 Die Erde aber wird wegen ihrer Bewohner zur Wüste werden um der Früchte ihres Thuns willen.
Sababii jiraattota isheetii fi sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
14 Weide dein Volk mit deinem Stab als die Schafe, die dein Eigentum sind, die mitten im Fruchtgefilde einsam die Wildnis bewohnen. Mögen sie in Basan und Gilead weiden, wie in den Tagen der Vorzeit.
Uummata kee, bushaayee dhaala keetii kanneen ofumaan bosona keessa, lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan ulee keetiin tikfadhu. Isaan akkuma bara duriitti Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
15 Wie damals, als du aus Ägypten zogst, gieb ihm Wunder zu schauen!
“Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa dinqii koo isaan nan argisiisa.”
16 Das sollen die Heiden sehen und zu Schanden werden mit all' ihrer Macht; sie müssen die Hand auf den Mund legen, ihre Ohren sollen taub werden.
Saboonni arganii ni qaanaʼu; humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. Isaan afaan isaanii qabatu; gurri isaaniis ni duuda.
17 Sie sollen Staub lecken wie die Schlangen, wie die, die am Boden kriechen; zitternd sollen sie aus ihren Schlupfwinkeln hervorkommen, angstvoll auf Jahwe, unseren Gott, blicken und sich vor dir fürchten!
Isaan akkuma bofaa, akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
18 Wer ist ein Gott wie du, der dem Überreste seines Erbteils seine Sünde vergiebt und seinen Abfall übersieht, der nicht für immer im Zorne verharrt, sondern sich freut, Gnade zu üben?
Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
19 Er wird sich unserer wieder erbarmen, wird unsere Verschuldungen niederschlagen. Ja, du wirst alle unsere Sünden werfen in die Tiefen des Meers!
Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
20 Du wirst an Jakob die Treue erweisen, an Abraham die Gnade, die du unseren Vätern zugeschworen hast von längst vergangenen Tagen her.
Ati akkuma bara durii abbootii keenyaaf kakatte sana Yaaqoobiif amanamaa taata; Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.

< Mica 7 >