< Psalm 93 >

1 Der Herr ist König, angetan mit Hoheit. Mit Macht bekleidet sei der Herr, gegürtet! Dann steht die Welt da ohne Wanken.
Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
2 Dein Thron steht wieder da wie einst. Du bist dann wie vor alters.
Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; ati durii duriitii jalqabdee jirta.
3 Erheben Ströme, Herr, erheben Ströme ihr Gebraus, erheben Ströme ihr Getöse,
Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
4 viel stärker noch als vieler Wasser Tosen ist die Meeresbrandung; doch mächtiger der Herr in Himmelshöhen!
Sagalee bishaan baayʼee caalaa, jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.
5 So bleibt, was Du verordnest, gültig. Wir wollen in Dein heilig Haus noch lange wallen, Herr.
Seerri kee jabaatee ni dhaabata; Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan faaya mana keetii ti.

< Psalm 93 >