< 2 Koenige 7 >

1 Elisäus aber sprach: "Hört des Herrn Wort! So spricht der Herr: 'Um diese Zeit morgen gilt ein Maß Feinmehl einen Ring und zwei Maß Gerste gleichfalls einen Ring am Tor in Samaria.'"
Elsaaʼi, “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo akkana jedha: Bor yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurama” jedhe.
2 Da entgegnete der Krieger, auf dessen Arm sich der König stützte, dem Gottesmann und sprach: "Selbst wenn der Herr Luken am Himmel machte, könnte solches sein?" Er sprach: "Du darfst es sehen, aber darfst nicht mitessen."
Ajajaan loltootaa kan mootichi irree isaatti irkate sun nama Waaqaa sanaan, “Utuma Waaqayyo karra burqaa Samiiwwanii banee iyyuu wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkoo isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
3 Nun waren vier Männer als Aussätzige vor dem Tore. Sie sprachen zueinander: "Wozu bleiben wir hier, bis wir sterben?
Yeroo kanatti namoota lamxii qaban afurtu balbala ittiin magaalattii seenan dura ture. Isaanis akkana waliin jedhan; “Nu maaliif hamma duunutti as teenya?
4 Sagten wir: Wir wollen in die Stadt kommen, so stürben wir dort; denn Hungersnot ist in der Stadt. Bleiben wir aber hier, so sterben wir auch hier. So kommt jetzt! Wir laufen ins Aramäerlager über. Lassen sie uns leben, so leben wir. Töten sie uns aber, so sterben wir eben."
Yoo nu, ‘Kottaa magaalaa seennaa’ jenne, beelli achi jira; nus ni duuna. Yoo as turre ni duuna. Kanaafuu kottaa gara qubata warra Sooriyaa dhaqnaa. Yoo isaan nu maaran ni jiraanna; yoo isaan nu fixan immoo ni dhumna.”
5 So standen sie in der Abenddämmerung auf, um ins Aramäerlager zu gehen. Und sie kamen bis ans Ende des Aramäerlagers. Aber kein Mensch war hier.
Isaan galgala dimimmisaan kaʼanii gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqan. Yommuu isaan qubata sana bira gaʼanitti namni tokko iyyuu achi hin turre;
6 Der Herr hatte nämlich im Aramäerlager ein Getöse hören lassen, das Getöse von Wagen und Rossen, das Getöse eines großen Heeres, so daß sie zueinander sprachen: "Der König von Israel hat gegen uns die Könige der Chittiter und Ägypter zu einem Überfall auf uns gedungen."
Kunis sababii Gooftaan akka warri Sooriyaa didichuu gaariiwwanii, fardeeniitii fi kan waraana guddaa dhagaʼanii, “Kunoo, mootiin Israaʼel nu dhaʼuuf jedhee mootii Heetotaatii fi mootii warra Gibxi nutti bitateera!” waliin jedhan godheef.
7 So brachen sie auf und flohen in der Abenddämmerung. Sie ließen ihre Zelte, Rosse und Esel, das Lager, wie es war, im Stich, und flohen um ihr Leben.
Kanaafuu isaan dunkaana isaanii, fardeenii fi harroota isaanii dhiisanii dimimmisaan baqatan. Qubata isaaniis akkuma jirutti dhiisanii lubbuu isaanii oolfachuudhaaf ni baqatan.
8 Da kamen diese Aussätzigen bis an des Lagers Ende. Sie gingen in ein Zelt und aßen und tranken. Dann nahmen sie daraus Silber, Gold und Kleider und gingen, es zu vergraben. Sie kamen wieder und gingen in ein anderes Zelt. Auch hier trugen sie fort und gingen und vergruben es.
Namoonni lamxii qaban sun daarii qubata sanaa bira gaʼanii dunkaana tokko seenan. Isaanis waa nyaatanii dhuganii meetii, warqee fi wayyaa guurratanii dhaqanii dhokfatan. Amma illee deebiʼanii dunkaana biraa seenanii waa keessaa guurratanii akkasuma dhokfatan.
9 Dann sprachen sie zueinander: "Wir tun nicht recht. Dieser Tag ist ein Tag froher Botschaft. Wenn wir schweigen und bis zum lichten Morgen warten, dann trifft uns Strafe. So kommt denn! Wir wollen gehen und es im Königshause melden!"
Kana irratti isaan akkana waliin jedhan; “Nu waan qajeelaa hojjechuutti hin jirru; guyyaan kun guyyaa oduu gaarii ti; nu garuu inuma calʼifne. Yoo nu hamma bariʼutti calʼifne adabbiitu nu eeggata. Kanaafuu kottaa dafnee dhaqnee oduu kana mana mootummaatti himnaa.”
10 So kamen sie und riefen den Stadttorwächter und verkündeten ihnen: "Wir sind ins Aramäerlager gekommen. Da war aber niemand, auch kein menschliches Geräusch. Die Rosse und Esel gesattelt und die Zelte, wie sie waren."
Isaanis dhaqanii namoota karra magaalaa eegan waamanii, “Nu gara qubata warra Sooriyaa ni dhaqne; namni tokko illee achi hin turre; sagaleen nama tokkoo iyyuu hin dhagaʼamne. Fardeenii fi harroota hidhamanii fi dunkaana akkuma dhaabametti dhiifame qofatu ture” jedhan.
11 Da brachen die Wächter in Rufe aus und meldeten es im Hause des Königs drinnen.
Warri karra eegan sunis oduu kana ni labsan; oduun sunis masaraa mootummaa keessatti ni dhagaʼame.
12 Da stand der König noch in der Nacht auf und sprach zu seinen Dienern: "Ich will euch sagen, was die Aramäer gegen uns vorhaben. Sie wissen, daß wir Hunger leiden. Darum verließen sie das Lager, um sich im Freien zu verstecken. Denn sie denken: 'Wenn sie aus der Stadt kommen, dann greifen wir sie lebendig und dringen in die Stadt ein.'"
Mootichis halkaniin kaʼee ajajjoota loltoota isaatiin akkana jedhe; “Ani waan warri Sooriyaa nutti hojjetan isinittin hima; isaan akka nu beelaan miidhamaa jirru beeku; kanaafuu isaan, ‘Dhugumaan isaan gad ni baʼu; ergasiis nu utuma lubbuun jiranuu isaan qabnee magaalattii seenna’ jedhanii yaaduudhaan baadiyyaa keessa dhokachuudhaaf qubata dhiisanii baʼan.”
13 Da erwiderte einer seiner Diener und sprach: "Man nehme doch fünf der übriggebliebenen Rosse! Ihnen geht es dann eben wie Israels Volksmenge, die noch da ist, und wie Israels ganzer Masse, die schon dahin ist. Wir wollen sie aussenden und sehen."
Ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko akkana jedhee deebise; “Namoonni tokko tokko fardeen magaalaa keessatti hafan keessaa shan fudhatanii haa deeman. Rakkinni isaanii akkuma Israaʼeloota asitti hafan hundaa ti; dhugumaan isaan akkuma Israaʼeloota dhuman sana hundaa ni taʼu. Kanaafuu kottaa waan taʼe beekuudhaaf isaan erginaa.”
14 Da holten sie zwei Berittene. Und der König von Israel sandte sie dem Aramäerheere nach und sagte: "Geht und schaut nach!"
Kanaafuu isaan gaariiwwan lama fardeen isaanii wajjin ni filan; mootichis, “Dhaqaatii ilaalaa” jedhee loltoota Sooriyaa duubaan isaan erge.
15 Sie folgten ihnen bis an den Jordan. Da war der ganze Weg voll von Gewändern und Waffen, die die Aramäer auf ihrer eiligen Flucht weggeworfen hatten. Die Boten kehrten um und meldeten es dem König.
Isaanis hamma Yordaanositti isaan duukaa buʼan; kunoo karaan hundi uffataa fi miʼa warri Sooriyaa yeroo ariitiidhaan baqatanitti daddarbataniin guutamee ture. Ergamoonni sunis deebiʼanii mootichatti himan.
16 Da ging das Volk hinaus und plünderte das Aramäerlager. Und ein Maß Feinmehl galt einen Ring und zwei Maß Gerste auch einen Ring nach des Herrn Wort.
Ergasiis namoonni gad yaaʼanii qubata warra Sooriyaa ni saaman. Kanaafuu akkuma Waaqayyo dubbate sana daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti gurgurame.
17 Der König aber hatte über das Tor den Krieger bestellt, auf dessen Arm er sich zu stützen pflegte. Da zertrat ihn das Volk im Tor, und er starb, wie es der Gottesmann gesagt hatte, als der König zu ihm hinabkam.
Mootichis yeroo kanatti ajajaa loltootaa kan irree isaatti irkatee ture sana itti gaafatamaa karraa godhee muude; namoonnis karra duratti isa irra yaaʼan; innis akkuma namni Waaqaa yeroo mootichi mana isaa dhufetti dubbate sana ni duʼe.
18 Als nämlich der Gottesmann zum König sagte: "Zwei Maß Gerste werden einen Ring gelten und ein Maß Feinmehl gleichfalls einen Ring morgen um diese Zeit in Samarias Tor",
Kunis akkuma namni Waaqaa sun, “Bori yoona karra Samaariyaa duratti daakuun safartuun tokko saqilii tokkotti, garbuun safartuun lama immoo saqilii tokkotti ni gurgurama” jedhee mootichatti hime sana taʼe.
19 gab der Krieger dem Gottesmann zur Antwort und sprach: "Selbst wenn der Herr am Himmel Luken machte, könnte solches sein?" Da sagte er: "Du darfst es sehen, aber darfst nicht mitessen."
Ajajaan loltootaa sunis nama Waaqaa sanaan “Utuma Waaqayyo karra burqaa samiiwwanii bane illee wanni kun taʼuu dandaʼaa?” jedhe. Namni Waaqaa sun immoo, “Ati ijuma keetiin argita; garuu tokkicha isaa illee hin nyaattu!” jedhe.
20 Und ihm geschah also. Das Volk zertrat ihn im Tor, und er starb.
Wanni isa irra gaʼes dhugumaan kanaa dha; inni waan namoonni karra duratti isa irra yaaʼaniif duʼeetii.

< 2 Koenige 7 >