< 2 Koenige 2 >

1 Als aber der Herr den Elias im Sturm himmelwärts fahren lassen wollte, ging Elias mit Elisäus aus dem Gilgal weg.
Yeroo Waaqayyo bubbeedhaan Eeliyaasin gara Samiitti ol fudhachuu gaʼetti Eeliyaasii fi Elsaaʼi Gilgaalii kaʼanii karaa deemaa turan.
2 Und Elias sprach zu Elisäus: "Bleib hier! Denn der Herr schickt mich bis Betel." Da sprach Elisäus: "So wahr der Herr lebt und du lebst! Ich lasse dich nicht." So gingen sie nach Betel hinab. -
Eeliyaasis Elsaaʼiin, “Ati asuma turi; Waaqayyo Beetʼeelitti na ergeeraatii” jedhe. Elsaaʼi garuu, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan Beetʼeelitti gad buʼan.
3 Da kamen die Prophetensöhne in Betel zu Elisäus heraus und sprachen zu ihm: "Weißt du, daß heute der Herr deinen Meister über dein Haupt hinweg entrückt?" Er sprach: "Auch ich weiß es. Seid still!"
Ergasiis waldaan raajotaa kanneen Beetʼeel turan gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii ni gaafatan. Elsaaʼi immoo, “Eeyyee, ani nan beeka; garuu isin waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
4 Da sprach Elias zu ihm: "Elisäus, bleib hier! Denn der Herr schickt mich nach Jericho." Da sprach er: "So wahr der Herr lebt und du lebst! Ich lasse dich nicht." So kamen sie nach Jericho.
Eeliyaasis “Yaa Elsaaʼi, ati asuma turi; Waaqayyo gara Yerikootti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan gara Yerikoo deeman.
5 Da traten die Prophetensöhne in Jericho an Elisäus heran und sprachen zu ihm: "Weißt du, daß heute der Herr deinen Meister dir über deinem Haupt entrückt?" Er sprach. "Auch ich weiß es. Seid still!"
Waldaan raajotaa kanneen Yerikoo turan sun gara Elsaaʼi dhufanii, “Ati akka Waaqayyo harʼa gooftaa kee si biraa fudhachuuf jiru beektaa?” jedhanii gaafatan. Innis, “Eeyyee nan beeka; isin garuu waaʼee isaa hin dubbatinaa” jedheen.
6 Da sprach Elias zu ihm: "Bleib hier! Denn der Herr schickt mich an den Jordan." Da sprach er: "So wahr der Herr lebt und du lebst! Ich lasse dich nicht." So gingen die beiden weiter.
Eeliyaasis, “Ati asuma turi; Waaqayyo Yordaanositti na ergeeraatii” jedheen. Innis, “Dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani lubbuu keetiin nan kakadha; ani gad si hin dhiisu” jedheen. Kanaafuu isaan lamaanuu kaʼanii deeman.
7 Fünfzig Mann aber von den Prophetensöhnen waren mitgegangen. Sie stellten sich abseits von ferne auf. Die beiden aber traten an den Jordan.
Isaanis Yordaanos bira dhaabatan; waldaa raajotaa keessaa namoonni shantamni dhaqanii irraa fagaatanii fuula isaanii dura dhadhaabatan.
8 Da nahm Elias seinen Mantel, rollte ihn zusammen und schlug damit auf das Wasser. Da teilte es sich nach beiden Seiten, und die beiden kamen trocken hinüber.
Eeliyaasis kaabbaa isaa of irraa baasee dadachaasee ittiin bishaan dhaʼe. Bishaan sunis mirgaa fi bitaatti gargar qoodame; isaan lamaanuu lafa gogaa irra ceʼan.
9 Als sie hinübergegangen waren, sprach Elias zu Elisäus: "Bitte doch um irgend etwas, was ich dir tun soll, bevor ich von dir entrückt werde!" Da sprach Elisäus: "Möchten doch zwei Drittel deines Geistes mir werden!"
Eeliyaasis erga ceʼanii booddee Elsaaʼiin, “Mee waan ani utuu si biraa hin fudhatamin siif gochuu dandaʼu natti himi” jedhe. Elsaaʼi immoo, “Hafuurri kee dachaadhaan narra haa buʼu” jedhee deebiseef.
10 Da sprach er: "Du bittest um Schweres. Siehst du mich, wie ich von dir entrückt werde, dann wird es dir zuteil. Wenn nicht, dann geschieht es nicht."
Eeliyaas immoo, “Ati waan rakkisaa kadhatte; taʼus yoo ati yeroo ani si biraa fudhatamutti na argite, hafuurri kun kan kee taʼa; yoo kanaa achi kan kee hin taʼu” jedheen.
11 Wie sie so im Gehen redeten, erschien ein Feuerwagen mit Feuerrossen. Sie trennten beide. Und Elias fuhr im Sturme himmelwärts.
Utuma isaan haasaʼaa deemanuu gaariin ibiddaa tokkoo fi fardeen ibiddaa akkuma tasaa mulʼatanii isaan lamaan gargari baasan; Eeliyaasis bubbeedhaan samiitti ol fudhatame.
12 Als dies Elisäus sah, rief er: "Mein Vater, mein Vater! Israels Wagen und Lenker!" Dann sah er ihn nicht mehr. Da faßte er seine Kleider und zerriß sie in zwei Stücke.
Elsaaʼi waan kana argee, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Gaariiwwanii fi abbootii farda Israaʼel!” jedhee sagalee ol fudhatee iyye. Elsaaʼi ergasii deebiʼee isa hin argine. Innis uffata isaa qabee iddoo lamatti gargar tarsaase.
13 Dann hob er den Mantel des Elias auf, der diesem entfallen war, kehrte um und trat an das Jordanufer.
Innis kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fuudhee deebiʼee qarqara laga Yordaanos dhaabate.
14 Er nahm nun des Elias Mantel, der diesem entfallen war, schlug damit auf das Wasser und sprach. "Wo ist der Herr, des Elias Gott?" Als er aber aufs Wasser schlug, teilte es sich nach beiden Seiten, und Elisäus schritt hindurch.
Ergasii kaabbaa Eeliyaas irraa buʼe sana fudhatee ittiin bishaan dhaʼee, “Waaqayyo Waaqni Eeliyaas sun amma eessa jira?” jedhee gaafate. Yommuu inni dhaʼetti bishaan sun mirgaa fi bitaatti gargari qoodame; Elsaaʼis ni ceʼe.
15 Die Prophetensöhne nun sahen ihn in Jericho herüber. Da sprachen sie: "Des Elias Geist ruht auf Elisäus." Und sie kamen ihm entgegen und neigten sich vor ihm bis zum Boden.
Waldaan raajotaa kanneen Yerikoodhaa dhufanii waan kana ilaalaa turan, “Hafuurri Eeliyaas Elsaaʼi irra buʼuutti jira” jedhan. Isaanis isa simachuudhaaf dhaqanii fuula isaa duratti lafatti gombifaman.
16 Dann sprachen sie zu ihm: "Bei deinen Sklaven sind fünfzig rüstige Männer. Laß sie gehen und deinen Meister suchen, ob ihn etwa ein Sturm des Herrn entführt und ihn auf einen der Berge oder in eines der Täler geworfen hat!" Er sprach: "Sendet sie nicht aus!"
Akkanas jedhaniin; “Kunoo, nu tajaajiltoonni kee namoota ciccimoo shantama of biraa qabna. Isaan dhaqanii gooftaa kee haa barbaadan. Hafuurri Waaqayyoo ol isa fuudhee tulluu wayii irra yookaan sulula wayii keessa isa buuse taʼaatii.” Elsaaʼi immoo, “Akkas miti; isaan hin erginaa” jedhee deebise.
17 Sie aber drangen bis zum äußersten in ihn. Da sprach er: "So sendet eben hin!" Da sandten sie fünfzig Mann aus. Sie suchten ihn drei Tage, fanden ihn aber nicht.
Isaan garuu hamma inni isaan jalaa diduu qaanaʼutti isa dirqisiisan. Kana irratti inni, “Isaan ergaa” jedhe. Isaanis nama shantama ni ergan; namoonni sunis bultii sadii barbaadanii isa dhaban.
18 Dann kehrten sie zu ihm zurück, da er noch in Jericho war. Er sprach zu ihnen: "Habe ich euch nicht gesagt, ihr sollet nicht gehen?"
Isaanis utuma inni Yerikoo jiruu deebiʼanii gara isaa dhufan; innis, “Ani hin deeminaa isiniin hin jennee?” jedheen.
19 Die Männer der Stadt aber sprachen zu Elisäus: "Die Lage der Stadt ist trefflich, wie unser Herr selbst sieht. Aber das Wasser ist schlecht, und die Gegend verursacht Fehlgeburten."
Namoonni magaalaa sanaa Elsaaʼiin, “Kunoo yaa gooftaa keenya, akkuma ati argitu kana haalli magaalaa kanaa namatti tola; garuu bishaan ishee faalamaa dha; lafti ishees midhaan hin baaftu” jedhan.
20 Da sprach er: "Bringt mir eine neue Schale und tut Salz hinein!" Sie brachten sie ihm.
Innis, “Mee waciitii haaraa naa fidaatii soogidda itti naqaa” jedheen. Kanaafuu isaan waciitii sana itti fidan.
21 Da ging er an den Quellort des Wassers hinaus, warf Salz hinein und sprach: "So spricht der Herr: 'Ich mache dies Wasser gesund. Fortan soll nicht Tod noch Fehlgeburt sein.'"
Innis gara burqaatti gad buʼee, soogidda sana itti naqee akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani bishaan kana fayyiseera. Bishaan kun lammata duʼa hin fidu yookaan maseenummaa biyyatti hin fidu.’”
22 So ward das Wasser gesund bis auf diesen Tag, nach des Elisäus Wort, das er gesprochen hatte.
Bishaan sunis akkuma dubbii Elsaaʼi dubbate sanaatti hamma ammaatti fayyeera.
23 Von da ging er nach Betel hinauf. Als er den Weg hinaufging, kamen kleine Knaben aus der Stadt. Sie verspotteten ihn und riefen ihm nach: "Kahlkopf, komm herauf! Kahlkopf, komm herauf!"
Ergasii Elsaaʼi kaʼee Beetʼeel dhaqe. Utuma inni karaa deemuu ijoolleen tokko magaalaa keessaa yaatee, “Namicha mataa moluu nana deemi asii! Namicha mataa moluu nana deemi asii!” jedhanii itti qoosan.
24 Da wandte er sich um, sah sie an und fluchte ihnen in des Herrn Namen. Da kamen zwei Bärinnen aus dem Wald und zerrissen von ihnen zweiundvierzig Kinder.
Inni of irra garagalee isaan milʼatee maqaa Waaqayyootiin isaan abaare. Yommus amaakenni lama bosona keessaa baʼanii ijoollee sana keessaa afurtamii lama cicciranii fixan.
25 Von dort ging er auf den Berg Karmel und von hier kehrte er nach Samaria zurück.
Elsaaʼis ittuma fufee gara Tulluu Qarmeloos dhaqe; achii kaʼees Samaariyaatti deebiʼe.

< 2 Koenige 2 >