< 2 Chroniques 3 >

1 Et Salomon commença de bâtir la maison de l'Eternel à Jérusalem, sur la montagne de Morija, qui avait été montrée à David son père, dans le lieu que David son père avait préparé en l'aire d'Ornan Jébusien.
Solomoonis Yerusaalem keessatti iddoo Waaqayyo abbaa isaa Daawititti mulʼatetti Tulluu Mooriyaa irratti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaruu jalqabe. Iddoon kunis iddoo Daawit oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti qopheessee dha.
2 Et il commença de [la bâtir] le second [jour] du second mois, la quatrième année de son règne.
Innis bara mootummaa isaa keessa waggaa afuraffaatti, bultii lammaffaa jiʼa lammaffaatti ijaaruu jalqabe.
3 Or ce fut ici le dessin de Salomon pour bâtir la maison de Dieu. Pour la première mesure, soixante coudées de long, et vingt coudées de large.
Solomoonis mana qulqullummaa Waaqaa ijaaruudhaaf jedhee hundee dheerinni isaa akka safartuu duriitti dhundhuma jaatama taʼee dhundhuma digdama balʼatu ni buuse.
4 Et le porche, qui [était] vis-à-vis de la longueur, en front de la largeur de la maison, [était] de vingt coudées; et la hauteur de six vingt coudées; et il le couvrit par dedans de pur or.
Gardaafoon fuula mana qulqullummaa dura tures lafa irra dheerinni isa akkuma balʼina mana qulqullummaatti dhundhuma digdama, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma dhibba tokkoo fi digdama ture. Innis keessa manichaatti warqee qulqulluu uffise.
5 Et il couvrit la grande maison de bois de sapin; il la couvrit d'un or exquis, et il y releva en bosse des palmes, et des chaînettes.
Kutaa guddaa mana sanaattis muka birbirsaa maxxansee warqee qulqulluu itti uffise; fakkii meexxiitii fi foncaatiinis ni miidhagse.
6 Et il couvrit la maison de pierres exquises afin qu'elle en fût ornée; et l'or était de l'or de Parvaïm.
Mana qulqullummaa sanas dhagaawwan gati jabeeyyiitiin ni bareeche. Warqeen inni itti fayyadames warqee Farwaayim ture.
7 Il couvrit donc d'or la maison, ses sommiers, ses poteaux, ses murailles, et ses portes, et il entailla des Chérubins dans les murailles.
Innis dareeraawwan, michichilawwan balbalaa, dhaaba manaatii fi cufaawwan mana qulqullummaatti warqee uffise; keenyan manaa sana irrattis fakkii Kiirubeelii soofe.
8 Il fit aussi le lieu Très-saint, dont la longueur était de vingt coudées selon la largeur de la maison; et sa largeur, de vingt coudées; et il le couvrit d'un or exquis, montant à six cents talents.
Innis Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe ijaare; lafa irra dheerinni iddoo sanaas balʼina mana qulqullummaatiin wal qixxee taʼee dheerinni isaa dhundhuma digdama, balʼinni isaa immoo dhundhuma digdama ture. Keessa isaa illee warqee qulqulluu taalaantii dhibba jaʼa itti uffise.
9 Et le poids des clous montait à cinquante sicles d'or; il couvrit aussi d'or les voûtes.
Mismaaronni warqees saqilii shantama ulfaatu ture. Kutaawwan ol aananittis akkasumas warqee uffise.
10 Il fit aussi deux Chérubins en façon d'enfants dans le lieu Très-saint, et les couvrit d'or.
Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe keessatti kiirubeelii lama hojjechiisee warqee itti uffise.
11 Et la longueur des ailes des Chérubins était de vingt coudées, tellement qu'une aile avait cinq coudées, et touchait la muraille de la maison; et l'autre aile avait cinq coudées, et touchait l'aile de l'autre Chérubin.
Qoochoon kiirubeelii lamaanii walumatti dhundhuma digdama ture. Qoochoon kiirubii jalqabaa tokkichi dhundhuma shan dheeratee keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee Qoochoon kiirubii lammaffaa tuqa.
12 Et une des ailes de l'autre Chérubin, ayant cinq coudées, touchait la muraille de la maison; et l'autre aile ayant cinq coudées, était jointe à l'aile de l'autre Chérubin.
Akkasumas qoochoon kiirubii lammaffaa inni tokko dhundhuma shan dheeratee gama kaaniin keenyan mana qulqullummaa tuqa; qoochoon isaa kaan immoo dhundhuma shan dheeratee qoochoo kiirubii jalqabaa sanaa tuqa.
13 [Ainsi] les ailes de ces Chérubins étaient étendues le long de vingt coudées, et ils se tenaient droits sur leurs pieds, et leurs faces regardaient vers la maison.
Qoochoowwan kiirubeelii kanneenii dhundhuma digdamii shan diriirfaman. Kiirubeeliin kunneenis fuula isaanii gara galma guddichaatti deebifatanii miilla isaaniitiin dhaabatan.
14 Il fit aussi le voile de pourpre, d'écarlate, de cramoisi, et de fin lin, et y fit par dessus des Chérubins.
Innis kirrii bifa cuquliisaa, dhiilgee, bildiimaa fi quncee talbaa haphii irraa golgaa hojjetee fakkii kiirubeelii isa irratti tolche.
15 Et au devant de la maison il fit deux colonnes, qui avaient trente-cinq coudées de longueur; et les chapiteaux qui étaient sur le sommet de chacune étaient de cinq coudées.
Innis fuula mana qulqullummaa duratti utubaawwan lama kanneen walumatti dhundhuma soddomii shan dheeratan tolche; tokkoon tokkoon isaaniis guutuu dhundhuma shan dheeratu mataa irraa qabu turan.
16 Or comme il avait fait des chaînettes pour l'Oracle, il en mit aussi sur le sommet des colonnes; et il fit cent pommes de grenade, qu'il mit aux chaînettes.
Foncaa wal keessa loofames hojjetee mataa utubaawwanii irra kaaʼe. Akkasumas roomaanoota dhibba tokko hojjetee foncaa sanatti qabsiise.
17 Et il dressa les colonnes au devant du Temple, l'une à main droite, et l'autre à main gauche, et il appela celle qui était à la droite, Jakin; et celle qui était à la gauche, Bohaz.
Innis utubaawwan sana tokko karaa kibbaatiin kaan immoo karaa kaabaatiin fuula mana qulqullummaa dura dhadhaabe. Utubaa karaa kibbaatiin Yaakiin kan karaa kaabaatiin immoo Boʼeez jedhee moggaase.

< 2 Chroniques 3 >