< 1 Corinthians 12 >

1 Now concerning spiritual things, brothers, I don’t want you to be ignorant.
Yaa obboloota ko, egaa ani akka isin waaʼee kennaawwan hafuuraa wallaaltan hin barbaadu.
2 You know that when you were heathen, you were led away to those mute idols, however you might be led.
Isin yeroo ormoota turtanitti akka gowwoomfamtanii gara waaqota tolfamoo dubbachuu hin dandeenyeetti geeffamtanii turtan ni beektu.
3 Therefore I make known to you that no man speaking by God’s Spirit says, “Yeshua is accursed.” No one can say, “Yeshua is Lord,” but by the Holy Spirit.
Kanaafuu namni Hafuura Waaqaatiin dubbatu kam iyyuu akka, “Yesuus abaaramaa dha” hin jenne, akka eenyu iyyuu yoo Hafuura Qulqulluudhaan taʼe malee, “Yesuus Gooftaa dha” jechuu hin dandeenye ani isinittin hima.
4 Now there are various kinds of gifts, but the same Spirit.
Kennaawwan gosa garaa garaatu jira; Hafuurri garuu tokkuma.
5 There are various kinds of service, and the same Lord.
Tajaajila gosa garaa garaatu jira; Gooftaan garuu tokkuma.
6 There are various kinds of workings, but the same God who works all things in all.
Hojii gosa garaa garaatu jira; waan hundumaa garuu Waaqa tokkichatu nama hundumaan hojjeta.
7 But to each one is given the manifestation of the Spirit for the profit of all.
Mulʼanni Hafuura Qulqulluu garuu faayidaa waliitiif tokkoo tokkoo namaatiif kennama.
8 For to one is given through the Spirit the word of wisdom, and to another the word of knowledge according to the same Spirit,
Isa tokkoof karaa Hafuuraatiin dubbii ogummaatu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma sanaan dubbii beekumsaatu kennama;
9 to another faith by the same Spirit, and to another gifts of healings by the same Spirit,
isa kaaniif Hafuuruma sanaan amantiitu kennama; isa kaaniif immoo Hafuuruma tokkicha sanaan kennaawwan warra dhukkubsatan fayyisuutu kennama;
10 and to another workings of miracles, and to another prophecy, and to another discerning of spirits, to another different kinds of languages, and to another the interpretation of languages.
isa tokkoof dinqiiwwan hojjechuu, isa kaaniif raajii dubbachuu, isa kaaniif hafuurota addaan baasee beekuu, isa kaaniifis afaan haaraa gosa adda addaa dubbachuu, isa kaaniif immoo afaan haaraa sana hiikuutu kennama.
11 But the one and the same Spirit produces all of these, distributing to each one separately as he desires.
Waan kana hundas Hafuuruma tokkicha sanatu akkuma fedhii ofii isaatti tokkoo tokkoo namaatiif dhuunfaatti hiruudhaan hojjeta.
12 For as the body is one and has many members, and all the members of the body, being many, are one body; so also is Messiah.
Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Kiristoosis akkasuma.
13 For in one Spirit we were all immersed into one body, whether Jews or Greeks, whether bond or free; and were all given to drink into one Spirit.
Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera.
14 For the body is not one member, but many.
Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.
15 If the foot would say, “Because I’m not the hand, I’m not part of the body,” it is not therefore not part of the body.
Miilli yoo, “Ani waanan harka hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa mitii” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu.
16 If the ear would say, “Because I’m not the eye, I’m not part of the body,” it’s not therefore not part of the body.
Gurris yoo, “Ani waanan ija hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa miti” jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu.
17 If the whole body were an eye, where would the hearing be? If the whole were hearing, where would the smelling be?
Utuu dhagni guutumaatti ija taʼee jiraatee silaa dhagaʼuun eessa jira? Utuu dhagni guutumaatti gurra taʼee jiraatee silaa fuunfachuun eessa jira?
18 But now God has set the members, each one of them, in the body, just as he desired.
Amma garuu Waaqni akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera.
19 If they were all one member, where would the body be?
Utuu hundi isaanii kutaa dhagnaa tokkicha taʼanii silaa dhagni eessa jira?
20 But now they are many members, but one body.
Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma.
21 The eye can’t tell the hand, “I have no need for you,” or again the head to the feet, “I have no need for you.”
Iji harkaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, “Ati na hin barbaachiftu!” jechuu hin dandaʼu.
22 No, much rather, those members of the body which seem to be weaker are necessary.
Dhugumaanuu kutaawwan dhagnaa kanneen dadhaboo fakkaatan akka malee barbaachisoo dha;
23 Those parts of the body which we think to be less honorable, on those we bestow more abundant honor; and our unpresentable parts have more abundant modesty,
kutaawwan dhagnaa kanneen tuffatamoo nutti fakkaataniifis ulfina addaa ni kennina. Kutaawwan dhagnaa kanneen nu itti qaanofnuuf immoo ulfinni addaa ni kennama;
24 while our presentable parts have no such need. But God composed the body together, giving more abundant honor to the inferior part,
kutaawwan dhagna keenyaa kanneen nu itti hin qaanofne waan kana hin barbaadan. Waaqni garuu kutaawwan dhagnaa walitti fayyisee kutaawwan nu itti qaanofnuuf ulfina caalu kenne;
25 that there should be no division in the body, but that the members should have the same care for one another.
kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef.
26 When one member suffers, all the members suffer with it. When one member is honored, all the members rejoice with it.
Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.
27 Now you are the body of Messiah, and members individually.
Isin amma dhagna Kiristoos; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.
28 God has set some in the assembly: first emissaries, second prophets, third teachers, then miracle workers, then gifts of healings, helps, governments, and various kinds of languages.
Waaqni waldaa Kiristaanaa keessatti tokkoffaa ergamoota, lammaffaa raajota, sadaffaa barsiistota, ergasiis warra hojii dinqii hojjetan, itti aansees warra kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qaban, warra namoota gargaaruu dandaʼan, warra kennaa bulchiinsaa qabanii fi warra afaan haaraa gosa addaa addaa dubbatan filateera.
29 Are all emissaries? Are all prophets? Are all teachers? Are all miracle workers?
Hundumatu ergamootaa? Hundumatu raajotaa? Hundumatu barsiistotaa? Hundinuu hojii dinqii hojjetuu?
30 Do all have gifts of healings? Do all speak with various languages? Do all interpret?
Hundumatu kennaa dhukkubsattoota fayyisuu qabaa? Hundumatu afaan haaraa dubbataa? Hundumatu afaan sana hiikaa?
31 But earnestly desire the best gifts. Moreover, I show a most excellent way to you.
Isin garuu jabeessaatii kennaa caalu barbaadaa. Amma illee ani karaa karaa hundumaa caalu isinitti nan argisiisa.

< 1 Corinthians 12 >